Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Oduu Jijjiirraa: Arsenaal goolii eegaa Niiwkaasil immoo Mohammad Kuddus adamsaa jira
Taphataan sarara gidduu Maanchister Siitii Jaak Giriilish Etihaad waan turu hin fakkaatu.
Turtiinsaa waggoota afurii akka dhuunfaatti badaa gaarii miti. Ammoo Warri Baayer Liverkusan mallatteessifachuuf yaada qabu.
Taphataan Liveerkuusan Filooriyaan Wiirtiz gara Liiverpuul godaanuu mala jedhamuu hordofee kilabichi bakkasaa Jaak Giriilish fiduuf yaada qaba.
Kiliboota Ingiliiz hedduun kan barbaadamu Viiktoor Giyookeerees kilabnisaa dhimma jijiirraasaa ilalachisee ejjennoo jijjiiraa jirutti aaruun gabaafameera.
Miidiyaaleen Poorchugaal akka gabaasanitti adamsaan goolii kun Ispoortiing akka isa gadhiisu yoo barbaachise maallaqni dhiyaachuu qabu isa duraan jedhe miliyoona 60 osoo hin taane miliyoona 80 akka ta'e ibsame.
Taphatan kun waliigalteesaarratti xumura waliigaltichaa dursee kilbichaa ni baha yoo ta'eef maallaqni qabame(release clause) miliyoona 100 imalasaaf danqaa akka hin taane waadaa galameefii ture.
Arsenaal taphataa kana fudhachuuf paawundii miliyoona 60 dhiyeessee kufaa jalaa ta'eera.
Giyookeerees fudhachuuf Yunaatidis Arsenaal waliin dorgommii keessa jira. Taphataan kun maallaqa guddaa kilaba Sawdi Al-Hilaal irraa dhiyaateef kufaa godheera.
Gama kaaniin Maanchister Siitiin taphataa sarara gidduu Faransaay Raayaan Cherkii kilaba Faransaay Liyoon irraa paawundii miliyoona 34n bitachuuf waliigalteerra gaheera.
Taphataan ganna 21 kun tibba kana garee biyyaalessaa Fransaayiif hiriiree gahumsa addaa qabu goolii galchuun mul'iseera.
Taphataa sarara gidduu Riyaal Soseedaad Maartiin Zubimendii kana kilaboota baayyeen barbaadamu adamaasaa kan jiru Arsenal, goolii eegaa Cheelsii Kepaa Arizaabalaagaas mallatteessifachuuf socho'aa jira.
Keppaan amma ergisaan Barnimaaz jira. Asenaal milkaahee paawundii miliyoona shan qofaan ofitti fudhata taanaan taphataan kun Daviid Raayaa waliin filannoo jalqabaa ta'uuf morkata.
Niiwkaasil Yunaayitiid taphataa sarara cinaa Weestihaam Mohaammed Kuddus fudhachuuf barbaadaa jira.
Kilabichi taphataa sarara cinaa Bireentifoord Biriyaan Imboomee adaamsaa turus, taphatichi Yunaatiiditti makamuu filateera.
Niiwkaasil sarara sana irratti Kudusiin fudhachuu barbaada.
Weestihaam ammoo Cheelsiirraa taphataa barbaaduuf Kuddusiin akka jijjiirratti dhiyeesseera.
Weestihaam waggaa lama dura gatii Kuddusiin ittiin bite dachaa gochuun kilabni isa barbaadu paawundii miliyoona 70 akka dhiyeessu gaafateera.
Tootenhaam hotisper jifataa Barnimaz Antiyooni Semeniyoo mallatteessifachuuf Yunaayitiid waliin dorgommiitti galeera.
Oduu jijiirraa Piriimiyeer Liigii Ingiliziin ala ta'een ammoo taphataan sarara cinaa PSG kan ganna 22 Braadileey Baarkoolaa Baayer Muuniikiin barbaadaamaa jira.
Baayer Muuniik Baarkoollaa ykn Atileetik kilabiif kan taphatu lammii Ispeen Niikoo Wiiliyaamsiin filannoo godhateera.