Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner: Ilma faana abbaasaa hordofaa jiru

Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner Poorchugaaliif taphate

Madda suuraa, Getty Images

Ilmi Kiristiyaanoo Roonaaldoo, Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner biyya isaa Poorchugaaliif yeroo jalqabaaf taphate.

Dorgommii guddattootaa umurii waggaa 15 gadii irratti kan hirmaate Juuner tapha Jaappaan waliin taasisan 4-1 mo'anii bahaniiru.

Daqiiqaa 53ffaa irratti jijjiiramee galuun kan taphate yoo tahu gahumsa gaarii agarsisieera.

Dorgommiin kun Kirooshiyaatti gaggeeffamaa jira. Poorchugaal, Giriik, Ingilaandii fi Jaappaan waliin ramadamteetti.

Abbaan isaa Kiristiyaanoo Roonaaldoon ammayyuu dursaa taphattoota Poorchugaalidha.

Tapha har'aa irrattis lakkoofsa T-Shartii abbaa isaa lakkoofsa 7 uffachuun tapahe.

Roonaaldoon ''baga gammadde ilmakoo, baay'ee sitti booneera'' jechuun miidiyaalee hawwaasaa isaa irartti maxxanseera.

Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner bara 2022 abbaa isaa waliin ara Sawud Arabiyaa deemuun garee guddattootaa Al-Nasiriif taphataaa jira.

Abbaan isaa amma waggaa 40 yoo tahu tarii akkuma Lamiin Yamaal fa'aa umurii isaa waggaa 15 ykn 16'n garee biyyaalessaaf kan taphatu yoo tahe abbaa isaa waliin taphachuuf carraa qabaachuu mala.

Roonaaldoon erga biyya isaa Poorchugaaliif taphachuu jalqabee galchii 136 lakkoofsisuun dorgommii dhiirotaan addunyaa irratti rikardii qabateera.

Bara 2019 ammoo Waancaa Neeshinsi Liig jedhamu kan biyyoonni Awurooppaa taphatan biyya isaa Poorchugaal wlaiin mo'ateera.

Roonaaldoon Waancaa Addunyaa Poorchugaal waliin hin mo'anne.

Roonaaldoon ilma isaa hangaafaa malee ijoollee lakkuu tahanii dhalatan afur qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner abbuma isaa waliin addunyaa naannahaa ture.

Ispeen, Xaaliyaan, Ingilaandii hanga Sawud Arabiyaatti abbaa isaa wlaiin imaluun kileboota adda addaa keessa taphataa ture.

Garee guddattootaa keessa jechuudha.

Riyaal Maadirid, Juuvantas, Maanchister Yuunaayitidii fi Al-Nasiriif taphateera.

Yeroo kileba Xaaliyaanii Juuvantasiif taphataa ture, waggaa tokkotti galchii 58 akka lakkoofsiseeru himama.

Ilma Wayinii Ruunii, Kaayi waliin ammoo garee guddattoota Maanchister Yuunaayitid keessatti wlaiin taphataniiru.

Kun yeroo Roonaaldoon gara kileba isaa duraanii Yuunaayitiditti deebi'e sanadha.

Yeroo Al Nasiriif taphatu galchii lakkoofsisee gammachuu isaa ibsachuuf kan abbaan isaa ittiin beekamu 'Siu' agarsiisuun viidiyoon isaa akka malee qoodamaa ture.

Amma Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner biyya abbaa isaa Poorchugaaliin alatti bakka dhaloota isaa Ameerikaa, bakka abbaa isaa waliin jiraachaa ture Ispeeniifis taphachuu danda'a.

Haati warraa Roonaaldoo modela beekamtuu taate Joorinaa Roodirigez ijoollee isaa hundaa kunuunsuun beekamti.

Haa tahu malee Roonaaldoon ilmi isaa hangaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner eenyu irraa akka dhalate ifatti bahee dubbatee hin beeku.

Gaaffii hedduun miidyaalee irratti dhiyaataafii turan. Roonaaldoon garuu guyyaa umurii isaa gahe ittan hima.

Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner, lakkoofsa 7 akkuma abbaa isa auffachuun Poorchugaaliif taphate

Madda suuraa, TNT Sport

Icciitii harmee Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner

Kiristiyaanoo Roonaaldoo waa'ee haadha mucaa isaa hangafaa dubbachuu akka hin barbaanne deddeebisee himaa ture.

Mirror bara 2014 akka barreessetti ''Namoonni baay'een waa'ee mucaakoo fi harmee isaa waan adda addaa dubbataa turan. Inumaayyuu gadameessa dubartii kreeffatee ilma argate jechaa turan. Ani waa'ee kanaa nama tokkottis hin himne gonkumaa hin himus'' jedhe.

Murtoo kana kan fudhate nageenya ilma isaaf jecha jedhama. Guyyaa akak ilma argate miidiyaa hawwaasaa irartti ibse akkas jedhe.

''Gammachuu guddaan guutameen ilma argachuukoo isnitti hima. Amma abbaa ilma tokkoo taheera. Harmee mucaakoo waliin gallee eenyummaan ishee amma hin ibsu. Isheenis waan kanatti wlaiigalteef eenyummaa ishee ibsuu hin barbaanne.

Ilmikoo kunuunsakoo jalatti guddata. Ana qofatu waa'ee isaaf itti gaafatamummaa guutuu qaba. Inis kana beektanii akka naaf kabajjan'' jedhee ture.

Roonaaldoon eenyummaa ishee uummataaf ibsuu baatus ilmi isaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner guyyaa tokko ni bara jedhe.

Sagantaa 'Joonaatan Rooz Show' jedhamu irratti bara 2015 namni kamiyyuu waa'ee kanaa callisee tilmaamuun odeessuu hin qbau jechuun gaafate. ''Yooman mucaakotti hima? Yeroo umuriin isaa waggaa 10, 11,12 guutuu? hin beeku. Garuu guyyaan isaa gahu,'' jechuun cufe.

Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner abbaa isaa, Joorjiinaa fi kunuunsa akkoo isaa jalatti guddate.

Guyyaa Poorchugaaliif hiriire taphates kan waliin deemte akkoo isaa harmee Kiristiyaanoo Roonaaldooti.

Kiristiyaanoo Roonaaldoo Juuner Ameerikaa Saan Deegoo, Kaalifoorniyaatti bara 2010 dhalate.

Dhalachuu isaa erga ibsamee kan guddise harmee Roonaaldoo Dolores Aveerooti. Sana booda ammoo Joorjiinaa Roodiriigez akka ilma isheetti kunuunsitee guddisaa turte.

Bara 2014 'Mirro' akka gabaasetti harmeen mucaa Roonaaldoo kanaa keessummeessituu mana nyaataa US keessaa tokkoo tahuu akak hin oolle eere.

Roonaaldoon bara 2009 gara Ameerikaa bashannanaaf waan imaleef kana waliin walitti fiduun bareesse.

Gabaasni mirkanaa'ee fi maatii Roonaaldoo irraa dhimma kana irratti bahe garuu hanga ammaatti hin jiru.

Abbaan isaa CR7 ilmi isaa faana isaa hordofuun taphataa kubba miilaa jabaa akka tahu barbaada.