Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjettoonni Imbaasii Israa'el lama US keessatti rasaasaan ajjeefaman
Hojjettoonni Imbaasii Israa'el lama Muuziyeemii Yihudootaa (Jewish museum) magaalaa guddoo Waashingitan DC'tti argamu duratti ajjeeffamuu qondaaltonni himan.
Poolisiin haleellaa kana booda namni haleellicha raawwate dhaadannoo "free, free Palestine" (Filisteem bilisa) jedhee iyya ture jedhe
Namoonni miidhaman dargaaggoota dhiiraa fi dubartii yoo ta'an Muziyeemicha keessaa osoo ba'aa jiranii rasaasaan rukutamuu isaanii maddeen miidiyaaletti himaniiru. Haleellen raawwatame kunis itti yaadamee kan karoorfame akka ta'e ibsamaa jira.
Dhukaasni kun naannoo hawwata turizimii, muuziyeemii fi waajjira FBI Waashingitan dabalatee, gamoowwaan mootummaa heddumminnaan jiranitti raawwate.
Shakkamaan kun erga haleellaa sana raawwateen booda muuziyeemicha keessa kan deemaa ture yoo ta'u boodarra qaamolee nageenyaan to'atamuu itti gaafatamtuun kutaa poolisii meetiroopolitaan, Paameelaa Ismiiz himaniiru.
Shakkamaan kun nama ganna 30 Eliyaas Roodriigeez, jedhamu kan Chikaagoo jiraatu yoo ta'u, garee namoota afur ta'an irratti dhukaasa banuun hiriyoota jaalalleewwan kana ajjeesuun dura muuziyeemichaan ala osoo deemaa jiruu argamuu Chiif Ismiiz ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.
Ameerikaatti ambaasaaddarri Israa'el Yechiel Lehiter ibsa kana irratti akka jedhanitti hiriyoonni jaalalaa ajjeefaman kunneen wal kaadhimmachuuf karoorfatanii turuu isaanii ibsaniiru.
Akka Ambaasaadarichi jedhanitti, dhiirri miidhame kun torban kana qubeelaa bitee imala gara Yerusaalemitti karoorfachuun kaadhimmachuuf karoorfatee ture. Garuu maqaan namoota miidhaman kanaa hanga ammaatti hin ibsamne.
Hoggantuun Nageenya Biyya keessaa Ameerikaa 'Kristi Noem' X irratti akka maxxansiteetti, "Hojjetoonni Imbaasii Israa'el lama kaleessa galgala naannoo Muuziyeemii Yihudootaa Waashingitan DCtti ajjeefamaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ambaasaaddarri Israa'el taatee kana ''gocha shororkeessummaa farra Yihudootaa jal'aa'' jechuun ibsan.
"Miidhaan Dippilomaatotaa fi hawaasa Yihudootaa irra ga'u daangaa darbeera," jechuun Ambaasaaddar Daani Daanoon X irratti barreessaniiru.
Aangawoonni Ameerikaa namoota gocha yakkaa kanaaf itti gaafatamummaa qaban irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatan amantaa qabnas jedhan.
Taatee kun deebii poolisii guddaa fi daandiiwwan magaalattii hedduun akka cufaman taasiseera.
Dubbi-himaan Taal Naim Cohen, "qondaalota seera kabachiisan sadarkaa naannoo fi federaalaatti nama dhukaase to'annaa jala oolchuu fi bakka bu'oota Israa'el fi hawaasa Yihudootaa guutuu Ameerikaa keessatti argaman eeguuf amantaa guutuu qabna," jedhan.
Mooraan Yunivarsiitii Joorji Taawunis yeroodhaaf cufamee akka ture CBS gabaaseera.
Mooraa DC Yunivarsiitii Joorji Taawunis yeroodhaaf cufamee akka ture CBS gabaaseera.
Pirezidaanti Doonaald Tiraamp 'Truth' irratti akka maxxansanitti ''ajjeechaa suukaneessaan DC, kan farra Yihudootaa irratti hundaa'e ifatti akka dhaabbatu'' gaafatan.
Israa'el keessatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maayik Haakaabee haleellaa kana ''gocha shororkeessummaa suukaneessaa ummanni Israa'el ganama kana hirribaa ka'aa jiru dhaga'e'' jechuun X irratti maxxansaniiru.