Namoonni
baay'een bakka raabsa nyaataa kaaba Gaazaatti argamutti yeroo walitti qabaman,
daa'imni ganna jahaa Ismaa'il Abuu Odeeh gara fuulduraatti bahuuf gidduu
namoota waldhiibaa jiranii seeneera.
"Hamma
tokko naaf kenni" jedhee kadhata.
Saanii
isaa missiraan guutame, garuu akkuma inni fudhateen harka isaarraa rukutamee jige.
Boo'aa
gara dunkaana maatiisaa deebi'e.
Eessumnisaa nyaata argate
irraa Ismaa'iliif qoode.
Guyyaa itti aanutti bishaan
ykn nyaanni tokkollee kaampii buqqaattota inni keessa jiraatu hin geenye.
Namoonni achitti walitti
qabaman qaruuraa fi saanii duwwaan hafan. Ismaa'il ammas boo'e.
BBC’n guyyoota lamaan darban jiraattota
Gaazaa waliin haasa’uu irratti dabarse.
Kunis erga Israa’el tarkaanfii
waraanaa ishee guddiftee, nyaata, meeshaalee yaalaa fi gargaarsa biroo irratti
uggura torban 10 ol keette.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii
fi kanneen biroo Gaazaan qarqara beela irra akka jirtu akeekkachiisa dabalaa
jiru.
Warri BBC’n dubbise guyyaatti
nyaata tokkollee argachuun rakkoo cimaa ta’u ibsaniiru.
Dubartiin ganna 23 Kaaba Gaazaa keessa jiraattu, "fajajuun
miira yeroo hunda ta'eera" jetti. Akkasumas ''sababa hanqina nyaataa fi
qoricha irraa kan ka’e laafuu fi dadhabbii waan barate” jetti.
Adam al-Baatraawii, waraanan dura magaalaa
sooreyyii Al-Zahra keessa jiraachaa ture.
Amma giddu gala Gaazaa keessa
kaampii buqqaattota keessa jiraata. Rakkoo guyyaa guyyaan
argan keessaa beelli isaa hamaa ta’u dubbata.
Namoonni "jiraachuuf jechaa
nyaata kalaquu" eegalaniiru jedha.
Nyaata Filisxeem keessatti nyaata
bu’uuraa kan ta’e daabboo hojjechuuf akkamitti akka paastaa garmalee bilcheesanii
akka daakutti hojjetan ibsa. Kana booda ibidda irratti bilcheessuun daabboo fakkeessan.
"Karaa nyaata itti bilcheessan
Kanaan dura yaadne hin beekne kalaqaa jirra.” Jedha.
Abbaan Ismaa'il Gaazaa keessatti ijoollee
isaa ja'aa guddisuun baay’ee rakkisaa ta’u dubbata.
"Ijoolleen koo beela'anii rafu.
Yeroo garii yoo ani nyaata isaaniif dhiyeessuu hin dandeenye akka daa'ima xiqqaa
taa'ee boo'a." jedha