Ogeeyyiin fayyaa gaaffii mindaa fi faayidaa kaasaniif mootummaan deebii yoo hin kennine lagannaa hojii akka jalqaban himan.
Ogeeyyiin kunneen gaaffilee isaanii mootummaaf dhiyeessuu yoo dubbatan, deebiin akka isaaniif kennamu guyyaa soddoma kennanillee torbanooti darban jedhan.
Ogeeyyii fayyaa BBC'n dubbise dabalatee ''jiraachuu hin dandeenye'' jechuun kara garagaraan sagalee isaanii dhageessifachaa turan.
Hakiima tahuuf waggaa 23 akka dhama'an kan himan hakiima waliigalaa kan tahan Dr Yimaam Indiriis dhiyeenya kana suuraafi ergaa haala jireenyaa isaanii agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti qoodaniiru.
''Maatiin koo qarshii baayyee akkaan argadhu yaadu, ilma hakiimaa gatii qabaniif ni boonu,'' jechuun rakkoo maatii isaaniifillee qaqqabuu akka hin dandenye himu.
Hakiimni maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan ammoo ''ani hakiima tahuu kootin kanan buufadhe hiyyummaa dha, kan turee bor guyyaa haaraa dhufa jechuuni,'' jedhu.
Ogeeyyiin sagalee dhageessifataa jiran hidhaa dabalatee dhiibbaan irra gahaa akka jiru BBCtti himanii, Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa gochaan kuni ''gaaffii ukkaamsuufi gochaa hin barbaachifne'' ittiin jedheera.
Ogeeyyiin fayyaa BBC'an yeroo gargaraatti dubbise sochii isaanii kana mootummaan akka ''gaaffii siyaasaatti' ilaalu himatu. ''Fedhiin keenya nyaannee buluufi hawaasa nu barsiise tajaajiluu dha'' kan jedhan qindeessitoota sochii kanaa keessaa tokko.
Mootummaan gaaffii isaaniif deebii yoo hin kennine lagannaa hojiitti akka bobba'an kan himan ogeeyyiin fayyaa kunneen mootummaarraas deebii abdii kennu akka hin arganne himu.
Guyyaan itti laganna hojii itti geggeessan dhiyaachaa jiraachuu himuun namoota yaalamaniifi hawaasa irratti dhibbaan akka hin geenye akka taasisan himan.
Qondaalota Ministeera Fayyaa dubbisuuf yaaliin BBC'n taasisaa ture milkaa'uu baatus, ogeessii koominikeeshinii ministeerichaa yaada gaazexaa rippoortariif kennaniin gaaffiin isaanii ''sirrii dha'' jedhaniiru.
Gaaffilee isaanii deebisuuf hojjetamaa jiraachu kan himan yoo tahu labsiin bulchiinsaafi to'annoo tajaajila fayyaa dhihoo kana ragga'e rakkoo isaanii akka furu eeraniiru.