Miseensi paarlaamaa Chaarles Ongondoo Weeree jedhaman kun hidhattoota doqdoqqeen deemaa turaniin daandii irratti haleellaa irratti raawwatameen ajjeefaman.
Poolisiin akka jedhutti namoonni hidhatan kunneen konkolaataa miseensa paaraamaa kanaa hordofaa turan.
Isa booda namoota lama doqdoqqeerra turan keessaa tokko irraa bu'uun fageenyarraa itti dhukaase.
Dubbi himaan Poolisii Muchiirii Niyaagaa ''halli haleellaan kun itti raawwate dursee kan irratti karoorfamee fi miseensa kanarratti kan xiyyeeffate ta'uu mul'isa,'' jedhan.
Akka miidiyaan biyyattii gabaasetti mormituun mootummaa Keeniyaa miseensa paarlaamaa ta'an kun ji'a lama dura jireenyisaanii rakkoo keessa akka jiru, namootni isaan hordofaa turan jireenyasaaniif yaaddoo itti ta'uu ibsanii turan.
Dhukaasa Roobii waaree booda konkolaataasaaniirratti raawwateen eegduu fi konkolaachisaan isaanii hin miidhamin hafaniiru.
Miseensa paarlaamaa rasaasaan isaan argateen madaa'an kanas isaantu gara Hospitaala Naayiroobii geessan.
Miseensi paarlmaa kun akkuma hospitaala ga'aniin lubbuunsaanii darbe.
Haleellaan rasaasaa kun daandii Ngong jedhamu irratti adda babayii yeroo hunda poolisii tiraafikaan eegamuu fi kaameeraa hedduu qabu irratti raawwate.
Haleellaa kana booda Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo poolisiin qorannoo bal'aa akka gaggeessu ajajaniiru.
Hanga kanneen yakka kana raawwatan seeraan gaafatamanitti hordoffiin akka itti fufus ibsan.
Miseensi paarlaamaa ajjeefaman kun lixa Keeniyaatti kan argamtu kaawuntii Kasipul bakka bu'an. Miseensa paartii Orange Democratic Movement jedhamuuti.
Paartii kana gameessa siyaasaa biyyattii yeroo baayyee mormiidhaan beekaman Rayilaa Odingaatu dursu.
Raayilaa Odingaa taatee kana ilaalchisuun ibsa kennaniin haleellaa ''haala suukanneessaa fi gara jabinaan raawwatame,'' jedhan kana balaaleffataniiru.
Filannoo 2022 morkataasaanii Wiiliyaam Ruutoon kan injifataman Rayilaa Odingaa, filannochi haqa qabeessa miti jechuun sagalee ibsame mormanii turan.
Ministirri Muummee duraanii kun ergasii Ruutoo waliin waliigaltee siyaasaa uumuun mormitoonni gariin akka kaabinee mootummaatti makaman taasisaniiru.