Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Haleellaa misaa'elaa Raashiyaan hedduun ''ajjeefamuu fi madaa'uu'' Zeleniskiin hime

Haleellaa misaa'elaa Raashiyaan kutaa kaaba-baha Yukireen magaalaa Sumy jedhamurratti raawwatteen namoonni 24 ajjeefamuu fi 83 madaa'uu ministeerri dhimma biyya keessaa Yukireen ibse.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Baayyiinni lamoota haleellaa Raashiyaatiin ajjeeffaman 32 gahe

    Lakkoofsi namoota haleellaa miisaa'elii Yukireen keessatti raawwatteen ajjeeffamanii amma 32 gahuun ibsame.

    Haleellaa har'a Raashiyaan bakka Saamii jedhamu keessatti misaa'elaan raawwatteen namoota ajjeefaman kanneen kaassatti daa'imman kan argaman ta'u tajaajilli balaa tasaa Yukireen beeksiiseera.

    Kana malees daa'imman 10 dabalatee namoonni gara 84 ta'an biraa madaa'un himameera.

    Haleellaan kun yeroo raawwatameetti viidiyoo asiin gadii gabaabaa kana ilaalaa.

  2. Dhiibbaa cimaa taasifamu malee Raashiyaan waraana kana harkisuu itti fufti - Zeleniskii

    Haleellaa misaa'elaa Sumii keessatti raawwatameen booda, "Addunyaan callisuu dhiisuu ykn garaagarummaa qabaachuun dhiisuun murteessaadha," jechuun Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskii ibsa haaraa X irratti kennaniin dubbatan.

    "Haleellaa Raashiyaa balaaleffachuu malee homaa hin malu. Raashiyaan waraana kana xumuruu fi namootaaf nageenya akka mirkaneessitu dhiibbaan godhamuu qaba," jechuun dhiibbaa cimaa malee "Raashiyaan waraana kana harkisuu itti fufti" jechuun dabalanii dubbatan.

    "Amma erga Puutiin yaada dhukaasa dhukaasa guutuu fi haal-duree tokko malee Ameerikaan dhiheessite tuffatee amma baatii lama ta'eera," jechuun Zelenskiin dabalata.

    "Wanti nama dhibu, achi Moskootti adabbii malee ajjeesuu itti fufuu akka danda'an amananiiru. Haala kana jijjiiruudhaaf tarkaanfiin barbaachisaadha," jedha.

  3. Amma nu gahe, Haleellaa misaa'elaa Raashiyaatiin lammiileen Yukireen 24 ajjeefaman

    Ministeerri dhimma biyya keessaa Yukireen akka ibsetti, haleellaa miisaa'elaa Raashiyaan raawwatteen, yoo xiqqaate namoota 24 ajjeefaman keessa daa'immanis jiru.

    Haleellaa misaa'elaa kaaba-baha Yukireen magaalaa Sumii jedhamtutti raawwateen namoonni biraa 84 madaa'aniiru.

    Kanneen haleellaa kanaan madaa'an keessaa ammoo daa'imman torba ta'u.

    Ministirri dhimma biyya keessaa Ihor Klymenko fi Tajaajilli Labsii Yeroo Muddamaa lakkoofsi namoota du'anii kana caaluu akka danda'u ibsan.

    Namoonni hedduun daandii walakkaa, konkolaataasaanii, manasaanii keessatti akkasumas geejjiba keessatti haleelaman jedhan.

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii haleellaan misaa'ela baalistikii balafamaan Raashiyaadhaan uummata Yukireenirratti raawwate jedhan.

    ''Daandiirratti, manneensaanii keessatti, dhaabbilee barnootaa keessatti, konkolaataa fi geejjiba keessatti haleellaan raawwate,'' jedhan.

    Pirezidantichi addunyaan tarkaanfii Raashiyaa kanaaf deebii madaalaa kennuu akka qabdus gaafatan.

    Mariin nagaa haleellaa misaa'elaa fi boombii Raashiyaa dhaabsisuu hin dandeenye jedhan bulchaan Yukireen kun.

  4. Biyyoonni Afrikaa 2025tti waraana humna guddaa qaban shan kami fa'i?

    Akka gabaasin dhaabbanni Ameerikaa Global Firepower Network (GFP) jedhamuufi waggaa waggaan sadarkaa humna waraana biyyootaa baasu, tibbanas gabaasa baaseen Itoophiyaan biyyoota Afriikaa humna waraanaa guddaa qaban shan keessaa tokko ta'u ibseera.

    Waggaa shan dura bara 2020 ga'uumsa waraanan Afrikarraa sadarkaa 7ffaa addunyarraa ammoo sadarkaa 60ffaa kan turte Itoophiyaan, bara 2025tti Afrikarraa 5ffaa Addunyarra ammoo sadarkaa 52ffaa irratti argamti jedheera maddi kun.

    Masriin Ardii Afriikaa keessaa sadarkaa tokkooffaa kan kaa'amte yoo ta'u Aleejeeriyaan ittaanudhaan sadarkaa lammaffaa qabachuu ibseera gabaasni kun.

    Naayijeeriyaa fi Afriikaa Kibbaa ammoo sadarkaa sadaffaa fi arfaffaa qabachuun Itoophiyaa dursanii akka jiran ibsame.

    Gutummaa gabaasa kanaa asiin argachu dandeessu.

  5. Chaayinaa keessatti qilleensi cimaan magaalaa guddoo rukutee balaliin dhibbaan lakkaa'amu haqame

    Chaayinaa keessatti Samabata kaleessaa bubbee hamaa Beejiingii fi kaaba biyyattii rukuteen balaliin xiyyaara dhibbaan lakkaa'amu haqamuu fi imalli baaburaas addaan akka citu taasifamuun ibsame.

    Sambata darbe sa'aatii 11:30tti (03:30 GMT) buufata xiyyaaraa gurguddoo magaalaa guddoo lamaan keessatti balaliin 838 haqamuu dhaabbanni oduu Rooyitars gabaaseera.

    Bibbee hamaan hanga sa'aatii hanag kilomeetira 150 (93mph) bubbiisu, kan walakkaa jaarraa oliif magaalaa guddoo Chaayinaa keessatti cimaan akkasii hin mullatiin, hanga dhuma torbee kanaatti itti fufuuf eegama.

    Kunis, eddoowwan hawwata turizimii fi iddoowwan seena qabeessa ta'an akka cufaman dirqisiiseera.

    Guyyaa Jimaata darbe ummanni miliyoonaan lakkaa'aman mana keessa akka turaniif kan gaafataman yoo ta'u, miidiyaaleen mootummaa tokko tokkos namoonni ulfaatina kiilogiraama 50 gadi qaban akka ''salphaatti bubbichaan fudhatamu'' akka danda'an akeekkachiisaniiru.

    Sarara meetroo lafa jalaa, tajaajila baabura saffisaa gara buufata xiyyaaraa fi sarara baaburaa saffisa guddaa qaban musaasa dabalatee, tajaajilli baaburaa addaan citeera.

    Paarkiiwwanis kan cufaman yoo ta'u, mukkeen dullooman tokko tokko qophiidhaaf muramaa ykn dameen irraa cicciramaniiru. Magaalaa guddoo biyyattii keessatti mukkeen 300tti siqanitu jijjige.

    Konkolaattonni hedduun miidhamaniiru, haata'u malee, miidhaan qaamaa namarra irra gahe hin jiru.

    Beejiing, magaalattiin jiraattota miliyoona 22 ta'an imala barbaachisaa hin taane irraa akka of qusatan erga akeekkachiiftee booda, jiraattonni irra caalaan isaanii gorsa aangawoonnii mana keessa akka turaniif kennan hordofaniiru.

    "Namoonni Beejiing keessa jiran hundinuu dhuguma waa'ee kanaa rifataniiru. Har'a namoonni daandii irratti ba'an baay'ee xiqqaadha. Haata'u malee akkan yaade cimaa hin turre," jechuun jiraataan naannoo sanaa tokko Sambata kaleessaa Rooyitarsiif himeera.

  6. Namni dogoggoraan gara El Salvaador 'lubbuun fi nageenyaan' biyyaa ari'ame jetti US

    Namich dogoggoraan kutaa biyyaa Meeriilaandii irraa gara mana hidhaa guddaa El Saalvaadoritti ari'ame ture ''lubbuun jiraachuu fi nageenyaan'' jechuun qondaalli Ameerikaa abbaa murtiitti himan.

    Bakka Kilmaar Abregoa Gaarshiyaa jiru ilaalchisee odeeffannoon haaraan kun kan dhufe, erga Manni Murtii Olaanaan bulchiinsi Tiraamp akka namni kun gadhiifamuu fi gara UStti deebi'uuf haala mijeessee murteessee guyyoota muraasa booda ture.

    "Hubannoo kooti, ​​gabaasa ofiisaa Imbaasii keenya Saan Saalvaador irraa argame irratti hundaa'uun, Abregoo Gaarshiyaan Giddugala Hidhaa Shororkeessummaa El Saalvaador keessatti hidhamee jira," jedhan qondaalli Ministeera Dhimma Alaa Maayikeel Kozaak.

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp Wiixata dhufu gita isaanii El Saalvaador, biyya inni godaantota 200 ol miseensota wanbadee jechuun erganiiru itti erge, waliin mar'achuuf jiru.

    Mootummaan Ameerikaa Mr Gaarshiyaan sababa ''dogongora bulchiinsaatiin'' biyyaa ari'amuu isaanii amanee jira. Haata'u malee, miseensa garee MS-13 ta'uu isaaniis hima, abukaatoon isaanii kana ni haalu.

    Innis lammiilee Veenzuweelaa 238 fi lammiilee Saalvaador 23 bulchiinsi Traamp ji'a darbe gara Giddugala Hidhaa Shororkeessummaa (Cecot) maqaa gaarii hin qabne El Saalvaadoritti ari'e keessaa tokko ture.

    ''Dhaabbata sana keessatti lubbuun jira, nageenyaan jira,'' jechuun Mr Kozaak Sambata itti dabaluudhaan dubbataniiru.

    Abbaan murtii immigireeshinii bara 2019tti lammii Saalvaador kan ta'e Mr Gaarshiyaa biyyaa ari'amuu irraa eegumsa seeraa kenneefii ture.

    Bulchiinsi Tiraamp Mr Garshiyaan gara US'tti akka deebi'u gargaaruu mormuun kan falme yoo ta'u, abbaan murtii kutaa Meeriilaandii Paawulaa Xinis yeroo tarkaanfii kana ajajtu aangooishee darbite jechuun falmeera.

  7. Ameerikaa fi Iraan marii niwukilaraa marsaa jalqabaa 'ijaarsa' ta'e gaggeessan

    Iraan fi Ameerikaan sagantaa niwukilaraa Tehraan ilaalchisuun marii marsaa jalqabaa Omaan keessatti gaggeesan xumuraniiru. Kunis erga bara 2018 as walgahii sadarkaa olaanaa biyyoota lamaan gidduutti taasifameedha.

    Biyyoonni lamaan walgahii kana ''ijaarsa'' jechuun ibsuun, torban dhufu mariin marsaa lammaffaa akka gaggeeffamu mirkaneessaniiru.

    Ameerikaan ammoo ''walitti dhufeenya kallatti'' walgaheerra gahuu danda'uf furtuu akka ta'etti jajee jirti.

    Pirezidaant Doonaald Traamp bara 2018 keessa ture kan waliigaltee niwukilaraa kanaan dura Iraan fi humnoota addunyaa kaan gidduutti taasifame keessaa US kan baasan. Yeroo dheeraaf waliigaltee ''foyya'aa'' akka taasifnu dubbataa turaniiru.

    Mariin kun waliigalteen hojjetamuu fi dhiisuu isaa mirkaneessuuf tarkaanfii jalqabaa barbaachisaa akka ta'etti ilaalame.

    Walgahiin sa'aatii lamaa fi walakkaa yeroo jalqabaaf ta'ame gabaaba fi kan kabaja akka qabu ta'uti himama, marsaa lammaffaaf waltajjii mijeesseera.

    Sun tarii hanga yeroo qondaaltonni Iraan fi Ameerikaa magaalaa guddoo Omaan Mascat, kan dippilomaatiin olaanaan ishee marii adda durummaan al-kallattiin gidduu galeessa godhate keessa taa'aniitti wal arguu danda'utti gaarii ta'a.

    Erga Tiraamp bara aangoo isaanii jalqabaa keessa bara 2015 waliigaltee niwukilaraa Iraan baasanii keessaa Ameerikaa baasanii as marii guddaa ta'aniiru.

    Murtiin mariisisaa olaanaa Iraan, Ministirri Dhimma Alaa Abbaa Araghchii waa'ee marichaaf yaada gaarii qabu ture.

    ''Akka yaada kiyyaatti, akka walgahii jalqabaatti walgahii ijaaraa haala baayyee nagaa fi kabaja qabu keessatti gaggeeffame ture, sababiin isaas afaan hin malle tokkollee waan hin fayyadamneef,'' jechuun TV mootummaa Iraanitti himaniiru.

    Sagaleen dippilomaasii isaanii kun gareen Ameerikaa ergamaa Tiraamp Istiiv Wiitkoofiin durfame, mariin kun yoo hin milkoofne Iraan ''balaa guddaan'' akka mudatu doorsisa pirezidantichi irra dadeebiin dubbatan akka hin dubbanne agarsiisa. Haleellaa waraanaa mudachuu malu irra deddeebiin akeekkachiisaa tureera.

    Walgahiin kun jila kana waliin kutaa adda addaa keessatti kan adeemsifame yoo ta'u, karaa ministeera dhimma alaa Omaan, Baadr bin Haamaad al-Busaayidi ergaa dabarseera.

    Jila Ameerikaa kan hoogganaa turan Wiitkoof, kanaan dura waa'ee fuulaa fuulatti wal arguu qofa dubbataniiru.

    Haata'u malee, Araghchii fi Witkoof bakka Busaayidi jirutti daqiiqaa muraasaaf mari'ataniiru, marii kallattiin qondaaltonni Ameerikaa ni ta'a jedhan osoo hin taane waan banaa xiqqaa garuu guddaa ta'uu danda'u.

  8. Mootiin wanbadee fi hordoftoonni isaa 100 ta'an ajjeefaman

    Kaaba dhiha Naayijeeriyaa keessatti duula waraanaa waloo gaggeeffameen, mootiin wanbadee hammeeyyii fi kanneen hordoftoota isaa ta'un shakkaman 100 ajjeefamu aanga'oon beeksiisan.

    Gwaaskaa Dankaaraami, kana baayyee irratti qiyyeeffatamee barbaadamaa tures, hogganaa garee Islaamummaa waliin hidhata qabu tokkoof ajajaa lammaffaa ta'uun tajaajilaa akka ture himama.

    Hogganaan wanbadee jedhame kun Bosona Munumu keessa dhokatee kan ture yoo ta'u, Jimaata darbe guutuu bulchiinsa kanaatti bakkeewwan dhokataa yakka biroo hedduunis barbadaa'uu aanga'oonni gabaasan.

    Ajjeechaan isaa kunis kan dhufe erga wanbadoonni jalqaba torban kanaa kaaba bulchiinsa Katsinaatti ganda Maayigoraa jedhamtu irratti haleellaa lubbuu namoota afurii galaafattee raawwachuun jiraattota gandaa 43 butatanii boodadha.

    Poolisiin namoota butaman hordofee humnoota nageenyaa bobbaasuun ibsee ture.

    Haata'u malee, duuti Daankaraami yeroo gabaafamu kun kan yeroo jalqabaaf miti.

    Bara 2022tti Humni Qilleensaa Naayijeeriyaa duula walfakkaatuun nama kana ajjeese jedhee ture.

    Komishinarri nageenya biyya keessaa fi dhimma biyya Bulchiinsa Kaatsinaa, Naasir Mu'aazu akka jedhanitti, ajjeechaan kun lola wanbadoota naannicha keessatti taasifamu keessatti milkaa'ina guddaa ta'uu ibsaniiru.

    "Ergamni milkaa'aan kun hidhata yakkaa yeroo dheeraaf hawaasa Faaskaarii, Kaankaaraa, Baakorii, Maalumfaashi fi Kaafur keessatti shororkeessaa ture haalaan kan jeeqeedha jechuun," jechuun Mu'aazu dabalaniiru.

  9. Iraan marii dhimma Nikuleeraa irratti 'waliigaltee haqaa' barbaanna jette

    Ministirri Haajaa Alaa Iraan marii dhimma niikuleeraa US waliin godhamuuf Omaan galaniiru.

    Abbas Araachii televizhinii Iraan waliin haasaa godhaniin marii US waliin Dilbata gaggeeffamu irraa ''waliigaltee haqaa'' akka barbaaddu dubbatan.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ji'a darbe karaa UAE hoggana olaanaa Iraan Ayaatolaa Ali Haminiif xalayaa erganii ture.

    Xalayicharratti Iraan gabbisa meeshaa niikuleeraashee akka dhaabduufi haleellaa US fi Israa'el irraa akka eegamtu ibsan.

    Mariin kun yeroo dhiyoo as isa jalqabaate jedhamus qondaalotni biyyoota lamaanii kutaa tokko keessa taa'anii marichuuf ta'uunsaa hin mirkanoofne.

    Ministirri Iraan of duukaa ogeeyyii dhimma niikuleeraafi kanneen muuxannoo marii qaban ta'uu eeraniiru. Warri US faara waliigaltee lamaaniinuu fudhatama argatuuf qophaayanii dhufnaan bu'uura waliigaltee waaraaf ta'u kaahuun akka danda'amu dubbataniiru.

    Ammoo mariin kun wal fuuldura taa'anii isa mariyatan ta'uu dhiisuu akka danda'u akeekaniiru.

    Garee Amerika kan bakka bu'aan Baha Gidduugalaatti ergamaa addaa kan ta'a Istiiv Witkoofi.

    Wiixata darbe masaraa isaaniirraa ibsa kan kennan Tiraamp Mariin Omaan kun ''guddaadha'' jedhan. Ammoo marichi yoo milkaahuu baate Iraaniif guyyaa badaa ta'a'' jechuun akeekkachiisan.

  10. US hoggantuu buufata waraanaa Giriinlaand Vaans 'tuffachuu isaaniif' hojiirraa ariite

    Hoggantuun buufata waraanaa Ameerikaa Giriinlaanditti argamuu, erga qeequumsa itti aanaa pirezidaantii JD Vaansiin Deenmaark irratti dhiyeessan irraa of fageessuuf iimeelii ergitee booda hojiirraa ari'amte.

    Ajajni Hojii Hawaa waraana Ameerikaa akka jedhetti, Koloneel Suuzaana Meeyers sababa ''dandeettii geggeessuu ishee irratti amantaa dhabuu isheetiin'' gahee buufata hawaa Pituffik irraa kaafamte.

    Ji'a darbe Vaans Deenmaark lammiilee Giriinlaandiif ''hojii gaarii hin hojjenne'' akkasumas daangaa Deenmaark yeroo daawwatan nageenyaaf baasii gahaan akka hin baafamne dubbatanii ture.

    Imeelii jedhame kunis marsariitii oduu waraanaatiin kan bahe yoo ta'u, yaadni Vaansii buufata kana ''kan hin agarsiifne'' akka ta'e hojjettootaaf ibseera.

    Dubbi himaan Peentaagoon barruu kana wabeeffachuudhaan hoggansa Ameerikaa ''tuffachuun'' akka hin obsamne dubbataniiru.

    Dowwaannaa Vaans Bitooteessa 31hordofee, Kol Meeyers akkas jechuun barreessite: "Ani siyaasa amma jiru hubadheera jedhee hin fudhadhu, garuu wanti ani beeku yaaddoon bulchiinsa Ameerikaa itti aanaa pirezidaantii Vaansiin Jimaata darbe mari'ate kan Buufata Hawaa Pituffik agarsiisuu miti."

    Marsariitiin Military.com, kan iimeelii kana maxxansees, qabiyyeen kun sirrii ta'uun isaa Humna Hawaa Ameerikaatiin mirkanaa'uu ibseera.

    Sababni hojiirraa ari'amuu qondaala tanaa kana ta'uu kan mirkaneessuuf, dubbi himaan olaanaa Peentaagoon, Siin Paarnel barreeffama Military.com walqabsiisuun barreeffama X irratti barreesseen: "Gochoonni [kanneen] hidhata ajaja kana diigu ykn ajandaa Pirezidantii Doanaald Tiraamp diigan Ministeera Ittisaa keessatti hin obsaman."

    Ibsi Humni Hawaa Kamisa darbe baaseen, Koloneel Meyers aangoo irraa kaafamuu beeksisuun, Koleneel Shaawn Lii bakka ishee bu'aa jira jedhe.

    Itti dabaluudhaanis: "Ajajoonni ulaagaa naamusaa olaanaa ta'e hordofuun irraa eegama, keessumaa hojii isaanii raawwachuun kan paartii kamuu wajjin walqabatu waan hin ta'eef," jedheera

    Koloneel Meeyers bara darbe ji'a Adooleessaa keessa ture kan ajajummaa buufata Arktiik kana fudhatan. Koloneel Liin kanaan dura Buufata Humna Hawaa Qulqulluu Alaskaatti argamutti ajajaa iskuwaadroonii turan.

    Vaans imala taasisaniin, Tiraamp sababa nageenyaaf jecha Giriinlaand ofiitti dabaluu akka barbaadanis irra deebi'anii dubbataniiru.

  11. Manneen barnootaa daangaa Beerut haleellaa haaraa Israa’eliin booda yaaddoo keessa galan

    Yeroonsaa Jimaataa yeroo laaqanaa balarmaa ture naannoo magaalaa Beerut kibbaatti argamutti.

    Akeekkachiisni tokkittii qofti dubbi himaa Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF)tiin afaan Arabaatiin fuula X irratti maxxanfame. Kanaan booda, naannoo ummanni hedduun keessa jiraatu Daahieh jedhamuun beekamu keessatti rifaatuu fi jeequmsa kaase.

    Ergaan akeekkachiisaas, "Akeekkachiisa hatattamaa warra naannoo kibba Beerut jiraniif," jedha. Barreeffamni kun maappii naannoo mana jireenyaa, gamoo diimaan mallatteessuu fi manneen barnootaa dhiyeenyatti argaman lama kan of keessatti hammate ture.

    IDF gamoo kana kan dhaabbata Hezibollaa ta'uu adda baasee, manneen barnootaa hatattamaan akka baafaman ajaje. Haleellaan qilleensaa waan hin oolleedha.

    Wanti itti aanee mul'ate ammoo kan rifaatuu guddaa uumee ture. Maatiin ijoollee isaanii manneen barnootaa keessaa fudhachuuf gara naannoo balaan kun itti dhaqqabeetti kan fiigan yoo ta'u, jiraattonni ammoo kallattii faallaa kanaatiin wayita baqatan, raafamaafi sodaa guddaa keessa galanii ture.

    "Jeequmsa guutuu ture," jechuun yaadata Ahimad Alaamaa, daayreektarri mana barumsaa Seent Joorjiis, kanneen maappii irratti calaqqisan keessaa tokko.

    "Haala kana hanga dandeenyetti to'achuudhaaf yaalne ture, garuu maraatummaa ture."

    Naannoon sun yeroo muraasa booda qulqullaa'ee, humnoonni Israa'el gamoo mallattoo itti godhame kana barbadeessaniiru, innis mana kuusaa diroonii Heziboollaan itti kuusuudha jedhan.

    Haleellaan kun erga Muddee darbe dhukaasa dhaabuun waraana Israa'elii fi Hezbollaa gidduutti dhaabee hojiirra oole booda torban lama dura kan raawwatame yoo ta'u, kunis Dahieh, naannoo Hezbollaan deeggarsa cimaan itti qaburratti kan jalqabaati.

    Kunis rookkeetonni lama kibba Libaanos irraa gara kaaba Israa'elitti erga dhukaafamanii sa'aatii muraasa booda ture. Israa'el rookkeettii tokko kan fashalaa'e yoo ta'u, inni kaan ammoo daangaan galaanarratti bu'uu ibsiteetti.

    Gareen hidhattootaa fi siyaasaa Iraan deeggaramu Hezbollaan harka keessaa akka hin qabne waakkateera. Israa'el ammoo rookkeettii dhukaasuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu ''cabsuudha'' jechuun kan ibsite yoo ta'u, waajjirri pirezidantii Libaanos Jooseef Ao'uun ammoo, haleellaa Israa'eliin ''waliigaltee cabsuu'' jechuun balaaleffate.

    "Waraanni kun waliigaltee dhukaasa dhaabuutiin xumurameera jennee yaadnee turre," jedhu Obbo Alamaan, "Garuu kan nama dhibu ammallee guyyaa guyyaan waraanaa keessa jiraachaa jirra," jedhan.

  12. Gabaasni haaraan dhimma waraana biyyoota Afrikaa, ga'uumsa waraana Itoophiyaarratti maal jedhe?

    Itoophiyaan bara 2025tti biyyoota Afrikaa keessaa biyyoota waraana humna guddaa qaban keessaa tokko ta'ushee maddi sadarkaa waranaa biyyoota addunyaa xinxalu tokko iftomse.

    Marsariitiin Ameerikaa Global Firepower Network (GFP) jedhamuufi waggaa waggaan sadarkaa humna waraana biyyootaa baasu, tibbanas gabaasa baaseen Itoophiyaan biyyoota Afriikaa humna waraanaa guddaa qaban shan keessaa tokko ta'u ibseera.

    Dhaabbatichi waliigalatti sadarkaa humna waraanaa biyyota 145 ifoomsera.

    Dhabbatichi sadarkaa kana kan kennuu ulaagaawwaan 60 ol baasuun ga'uumsa biyyattii fi daandeetti waraanaa ishee madaalun akka ta'e ibseera.

    Ulaagaawwaan eeraman keessaas akkataa guddina hidhannoo meeshaalee, humnaf baay'ina loltootaa, dandeettii, baajata waraanaa, teessuma lafaa fi dinagdee biyyatti irrattifaa hundaa'un.

    Odeessa kana guutummaan dubbifachuudhaaf asiin seenuu dandeessu.

  13. Hogganaan Fannoo Diimaa haleellaan Israa'el itti fufeen Gaazaan 'gahaannama lafarraa' taate jedhan

    Hogganaan Koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) BBC'tti akka himanitti, Gaazaan ''gahaannama lafarra'' taatee jirti, sababiin isaas haleellaan waraanaa Israa'el raawwatu itti fufee jira jedhan.

    Yaadni Mirjaanaa Ispoljaarik kunis kan kenname guyyuma waajjirri mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Filisxeemonni Gaazaa keessa jiraachuun balaadhaaf saaxilamaa jira jechuun akeekkachiisettidha.

    ICRCn eegduu Konveenshiniiwwan Jeeneevaa, seera naamusa waraana keessaa sadarkaa idil-addunyaatti irratti waliigalame yoo ta'u, akka adeemsaatti silaa gareewwan wal waraanaa jiran keessa tokkoon sarbamni raawwatamaa jira jedhee yoo yaadu, iccitiidhaan kan dubbatudha.

    Haata'u malee Aadde Spoljaarik amma wanti Gaazaa keessatti ta'aa jiru seera idil-addunyaa "garmalee kan sarbaa jiru" ta'uu ifatti dubbataniiru.

    Erga israa'eel Bitooteessa 10 irratti haleellaa raawwatteen waraana kana deebiifte haaromsiteen booda, lubbuu namoota 1,542 badeera jedha ministeerri fayyaa Hamaas Gaazaa keessatti argamu.

    Akkasumas ajani Raayyaan Ittisa Israa'el akka bakkicha gadhiisanii bahaniif kennuun namoota kuma 400tti siqan bahuuf dirqisiiseera.

    Israa'eel Bitooteessa 2 irraa eegalee nyaata, meeshaaleen yaalaa fi meeshaaleen biroo hundi akka Gaazaa hin seenne guutummaatti uggura kaa'uunshee ni yaadatama.

    Israa'el yeroo hunda Gaazaa keessatti seera idil-addunyaa akka hordoftu cimsitee kan dubbattu yoo ta'u, dhimmi addaa waldhabdee kanaa, loltoonni Hamaas ummata nagaa gidduu dhokatanii jiraachuu isaaniitiin, miidhaa wabii yeroo tokko tokko mudachuu danda'a jechuudhaan falmiti.

    Ministiroonni Israa'el Gaazaa keessatti nyaanni gahaan akka jiru cimsanii kan dubbatan yoo ta'u, haleellaan boombii fi to'annoon lafaa kunis Hamaas namoota Onkololeessaa 7, 2023 butee fudhachuun ammallee harkasaa jiran akka gadhiisuuf dhiibbaa gochuuf kan akeekedha jedhu.

  14. Manneen buna Itoophiyaa fi kaan gurguran gatii dabaluuf dirqamuu himan

    Ameerikaa Firaansiskoo keessatti haadha mana bunaa kan taatee Jeenii Ngoo gatii sababii qaraxaatiin samii xuqeen yaaddoo keessa galu BBCtti himte.

    Jeenii Ngoo haadha qabeenyaa mana bunaa Teeleskoop jedhamu yoo taatu, dhaabbileen buna dhiyeessaniif gatii hangam akka qaaleessan dhagahuuf eeggataa jirti.

    Bunni isheen gurgurtu kun maddi isaa Itoophiyaa fi Guwaatemalaa yoo ta'u, biyyoonni lamaanuu qaraxa sadarkaa %10tu isaan mudata.

    Akkasumas buna cabbaa'aa (iced coffee) Chaayinaa irraa akka argattu kan dubbatte yoo ta'u, gatiin isaa halkan tokkoon samii xuquu akka hubatte dubbatteetti.

    "Wanti nama dhibu daldala keenya itti fufsiisuudhaaf jecha ammas gatii ol kaasuuf karoora qabna," jette.

    Abbootiin qabeenyaa daldalaa guutuu Ameerikaa keessa jiran, waan ijji bunaa alaa galfamu gatiinsaa qaala'ee fi maamiltoonnis sabbata isaanii cimsaniif jecha hiriirri namoota ganamaan buna dhufuuf eeggataa turanii gabaabbachaa dhufeera jedhu.

  15. Ergamaan Ameerikaa Itsiiv Miitkoof fi pirezidantiin Raashiyaa Puutiin waliin mari'atan

    Ergamaan Ameerikaa Istiiv Wiitkoof Jimaata darbe Seent Piiteersbarg keessatti Vilaadmiir Puutiin waliin wal arganiiru. Kunis, yeroo Doonaald Tiraamp pirezidantiin Raashiyaa Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuudhaaf akka ''socho'uuf'' gaafataniittidha.

    Kiremliin walgahiin kun sa'aatii afur ol kan fudhate ta'uu yoo himu, ''dhimma qubsuma Yukireen'' irratti kan xiyyeeffate ta'uu ibse. Mariin kun kan Wiitkoof bara kana Puutiin waliin taasise isa sadaffaa yoo ta'u, ergamaan addaa Kiiriil Dimitriyeev walgahichaan ''bu'a qabeessa'' jechuun ibsaniiru.

    Tiraamp haala adeemsa marii kana ilaalchisee Puutiin irratti mufannaa qabaachuu ibsaniiru. Jimaata darbe miidiyaa hawaasaa irratti akkas jechuun barreesse: "Raashiyaan socho'uu qabdi. Waraana suukaneessaa fi miira hin qabne keessatti namoonni baay'een, torbanitti kumaatamaan lakkaa'ama du'aa jiru."

    Kunis kan dhufe yeroo ergamaan Tiraamp Yukireen, Keet Keeloog biyyattiin qoqqoodamuu akka dandeessu yaada dhiyeessu haalanii boodha.

    Gaazexaan 'Times' akka jedhetti, gaaffiifi deebii barruu kana waliin taasisaniin, Keeloog loltoonni Ingilizii fi Faransaay akka qaama ''humna mirkaneessaatti'' lixa Yukireen keessatti zoonii to'annoo hundeeffachu akka danda'an yaada dhiheessee ture.

    Waraanni Raashiyaa, sana booda baha bakka qabame keessa turuu akka danda'u yaada dhiheesse jedhameera.

    "Waanuma Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Barliin waliin ta'e fakkeessuun ni danda'ama jechuun ni danda'ama", jechuunsaa barruun kun isa wabeeffateera.

    Boodarra Keeloog gara miidiyaa hawaasaatti ba'ee barreeffamni kun waan inni jedhe ''dogoggoraan ibseera'' jedheera.

    "Waa'ee humna dhukaasa dhaabuu booda dandamachuu danda'u akka dandeessuuf humna daangaa Yukireen deeggaruun dubbachaa ture," jechuun X irratti barreessee, "Ani qoqqoodinsa Yukireen jechuukoo MITI" jedheera.

    Waayit Haawus ta'e Kiiv yaada kanaaf battalumatti deebii hin kennine. BBC'n deebii argachuuf gaazexaa 'Times' gaafatee ture.

  16. EUn yoo mariin qaraxaa US hin milkoofneef deebii kennuurratti mari'achuuf jira

    Gamtaan Awurooppaa mariin qaraxaa Ameerikaa waliin taasifamu furmaata fudhatama qaburra hin geenye ta'eef deebii irratti mari’anna jedhan Ministirri Maallaqaa Jarman, Jo'erj Kuki'es.

    “Ammatti haala gaarii keessa jirra, yeroo dheeraa marii gochuufis carraan qabna, akkasumas beekamaadha gama Ameerikaa mariin yoo hin hojjenne, sana booda marii biraa naannoo mala deebii kennuu irratti akka qabaannu beekuu qaba,” jedhan Kukies walgahii idilee ministeerota dinagdee fi maallaqaa Gamtaa Awurooppaa Waarsaaw keessatti gaggeeffamu dura.

    Itti dabaluudhaanis, Gamtaan Awurooppaa deebii qaraxa Ameerikaaf kennu keessatti kan adda baasuu fi wal xaxaaa ta’uu qaba jedha. Sababiin isaas Gamtaan Awurooppaa meeshaalee irratti caalmaa daldalaa qaba, tajaajila irratti garuu hanqina daldalaa qaba jedhan.

  17. Shiin Chaayinaa fi EUn 'gocha doorsisa gama tokkoon US raawwattu akka mormaniif' gaafate

    Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinping har’a ganama ministira mummee Ispeen Peedroo Saancheez waliin yoo mari'atan, “waraana qaraxaa kana keessatti injifattoonni hin jiran” jedhu.

    Chaayinaan fi Gamtaan Awurooppaa waliin ta'uudhaan akka ''gochaalee doorsisa gama tokkoon raawwatamu kana mormaniif'' gaafatan.

    Itti dabaluudhaan, humnoonni idil-addunyaa lamaan dinagdeen giloobaalayizeeshinii akka itti fufan leellisan.

    "Faallaa addunyaa deemuun adda baafamuu qofaaf namarraan geessisaa," jedhan itti dabaluudhaan.

    Shii fi Saancheez har’a wal arguudhaan dhimmoota daldalaa fi hariiroo waliigalaa Gamtaa Awurooppaa fi Chaayinaa irratti mari’achaa jiru.

    Jalqaba torbee kanaatti Chaayinaan meeshaalee US irraa gara biyyattii galfaman irratti qaraxa %84 akka keessuu beeksifteetti.

    Daballii parsantaa 34 kunis kan dhufe erga pirezidantii Turaamp Roobii darbe %104 oomishaalee Chaayinaa irratti hojiirra oolchaniin boodadha.

    Boodarra qaraxa gara %125tti kan ol guddate yoo ta’u, Waayit Haawus Kamisa darbe akka jedhetti, sababa gibira %20 duraan ture kan warra qoricha fentanyl oomishanirratti fe’ameef oomishaalee tokko tokkoof taarifa Beejiing irratti kaffalamu gara %145 rol kaasuu danda'e.

  18. Amma nu gahe, Chaayinaan waraana daldalaa cimsaa dhufteen meeshaalee Ameerikaa irratti qaraxa gara %125tti ol guddifte

    Chaayinaan qaraxa haaraa oomishaalee Ameerikaa gara biyyashee galfaman irratti gara %125tti ol guddisuu beeksiifte.

    Kunis kan kanaan dura %84 irra tureef guyyaa Roobii darbee labsamee ture kan ol kaaseedha.

    Taateen kunis haaluma qaraxa US oomishaalee Chaayinaa gara Ameerikaa seenan irratti dabalteen kan ol ka'aa dhufeedha.

    Taateen Chaayinaa fi Ameriikaa waraana daldalaa kana keessatti mul'achaa jiru eeguudhaan, Chaayinaan daballii qaraxa US keessuun waliin walsimsiisuudhaan kan dabalaa adeemu fakkaata.

    Ameerikaan ammoo meeshaalee Chaayinaan oomishte gabaa UStti dhiyeesitu irratti qaraxa %145 galchite.

  19. Mohaammad Saalaa waggaa lamaaf Liiverpuul turuuf waliigale

    Lammiin Masrii ganna 32 Mohaammad Saalaa waggoota lamaan dhufaniif Liiverpuul turuuf waliigaltee mallatteesse.

    Waggoota saddeet darban Liiverpuul waliin waancaa hunda erga injifatee bara kana kontiraatnisaa xumuramuu hordofee gara Saawdii imaluu mala jedhamaa ture.

    Amma waggaa lamaaf Anfiild turee gooliiwwan 243 galcheefi, kubbaa gooliif mijate 109tti dabaluuf waliigaleera.

    ''Baayyee gammadeen jira, amma garee cimaa qabna'' jedhe Saalaan waliigaltee haaraa mallatteessuu booda.

    ''Duraanis garee gaarii qabna ture. Amma ammoo kaniin waliigaltee kana haaromse injifannoowwan dabalataa injifachuu waan dandeenyuufi kubbaa miilaatti gammaduu waanin danda'uufi'' jedhe.

    Waggaa saddeetiif asitti taphadheera, amma 10 ta'a jedheen abdadha. Jireenyi natti toleera asitti. Kubbaatti gammadaadha. Hojii koo kubbaa miilaa taphachuutti barootni asitti dabarse milkaahoodha'' jedhe.

  20. Baallii jeettiiwwan Daandii Xiyyaaraa Ameerikaa lama buufata xiyyaaraa Reeganiitti walitti bu'e

    Jeettiiwwan Daandii Xiyyaaraa Ameerikaa lama buufata xiyyaaraa biyyoolessaa Roonaald Reegan Waashingitan keessatti lafarratti xiqqoo walitti bu'iinsaanii himame.

    Taateen kunis kan mudate erga balaa xiyyaaraa lubbuu namaa galaafate naannoo sanatti mudatee ji'a sadii boodadha.

    Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa akka jedhetti, Kamisa waaree booda ture kan daandii irra balalii'anirratti fiixeen baallee xiyyaara tokkoo kan biraa kan rukute.

    Miseensonni Kongireesii jaha jeettiiwwan kana keessaa isa tokko keessa turan.

    Rippabilikaan Niiw Yoorki kan ta'an Niik LaLota akka jedhanitti, baallee xiyyaara isaanii dhaabbataa ture jeettii biraatiin ''rukutame'' namni tokkollee akka hin miidhamne dubbataniiru.

    Amajjii 29tth erga helikooptarri Raayyaa Ittisa Biyyaa buufata xiyyaaraa walfakkaataa sanatti osoo bu'uf jiruu xiyyaara jeettii imaltootaa waliin qilleensa keessaa walitti buieen booda lubbuun namoonni 67 darbuun ni yaadatama.

    Akkasumas hilkikooptarri tursiitoota maatii tokkoo ta'an qabatee balalii'aa ture tokko Kamisa kaleessaa Niiw Yoorkitti laga Hudson jedhamu keessatti kufee cacabuun daa'imman sadii dabalatee, namoonni jaha du'uu aanga'oonni beeksisan.