Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte

Waraanni Israa’el Hamaas injifachuun booji’amtoota Gaazaa keessatti hafan bilisa baasuu mirkaneessuu irratti kaayyeffachuunhaleellaa cimaa jalqabuu isaa beeksise.

Guduunfaa

  • Aktiivistiin lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti gudeedamuu himatte
  • Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa waliin walqabatee Boeing akka hin himatamne Biiroo Haqaa US waliin waliigalan
  • Raashiyaan haleellaa qilleensaa hanga ammaatti balaafamaa ta'e Yukireen irratti raawwatte
  • Israa'el uggura guyyaa 10 kaasuun Gaazaaf nyaati akka seenu eeyyamte
  • Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hilikooptaroonnii lama qilleensarratti walitti bu'uun lubbuun nama shanii darbe

    Konkolaataa yeroo balaa qaqqabu

    Madda suuraa, Reuters

    Biyya Fiinlaanditti helikooptaroonni lama qilleensarratti walitti bu'uu hordofee namootni shan du'an.

    Hilikooptaroonni lameen magaalaa guddoo Istooniyaa Taliin jedhamurraa waliin ka'anii buufata xiyyaaraa Eura gahuuf wayita jedhan walitti bu'an.

    Hilikooptara isa tokko keessa nama lama, isa kan biraa keessa ammoo nama sadiitu ture jedhan aanaga'oonni. Caccabaan hilikooptaroota kanaa iddoo mukeeniin guutetti argame. Namni balaa kanarraa lubbuun oole hin jiru.

    Hilikooptaroonni lameen tajaajila geejibaaf kan oolan abbuummaansaaniin nama biyya alaa ta'uun beekameera.

    Fiinlaandiif Istooniyaan madda balaa kanaa baruuf qorannoo godhamu irratti walta'uun hirmaachaa jiru.

  2. 'Iccitiin gaa'ilaan waggaa 70 waliin turuu adda fagaannee jiraachuu keenya'

    Toomii Baaj, Teelmaa Baaj, Vaayooleet Fileet fi Leezlii Fileet guyyaa gaa'ilasaanii

    Madda suuraa, Flett family

    Abbaa fi haatii warraa lamaan kunneen waggaa 70 har'aa ture kan sirna cidha namoonni baayyeen irratti hin hirmaatiniin kan gaa'ila dhaabbatan. Kunis biyya Iskootilaand- Kiirkwaal keessatti ture.

    Sirna cidha isaaniitiif jecha qophiin addaa hin qophoofne ture. Haala cidha saffisa qabuutiin kaadhimaawwan dhiiraa lamaafi dubartii lama qubeellaa hidhatan.

    Kanaanis yeroo dhabaa ykn badhaadhinaan, yeroo hamaa ykn gaarii, bara fayyinaa fi dhibeetti waliin jiraachuuf walii waadaa galan.

    Cimdiiwwan lamaan bara 1955tti gaa'ilsaanii dhaabbatan kunneenis gaa'ilaan waggaa 70 darbaniif waliin jiraachusaaniitiif sababii ijoon yeroo dheeraaf walirraa fagaatanii jiraachusaanii akka ta'e dubbatu.

  3. Doonii humna galaanaa Meksikoo riqichatti buutee namoonni lama du'anii, 19 madaa'an

    Doonii riqichatti buutee lubbuu galaafate

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Doonii guddaan leenjii humna galaana Meksikoo riqicha Biruukiliin kan magaala Niiw Yoorkitti argamuutti bu'uun namoonni lama yoo du'an, 19 ammoo madaa'uun ibsame.

    Poolisiin akka jedhetti, dooniin maqaanshee 'Cuauhtémoc' jedhamtu, namoota 277 qabattee imalaa turte.

    Doonittiin halkan darbe osoo imalaa jirtuu ibsaan jidduun sababii badee tureef konkolaachiisaan dooniichaa gara riqicha cinaatti argamu akka qajeelu dirqisiiseera jedhameera.

    Waraabbiin viidiyoo akka agarsiisaniitti, wayita doonittiin riqicha jalaan darbuuf yaaltuutti sababii caasaawwan utubaa olka'ootti buutee cicciru agarsiisa.

    Balaa kana kan ijaan arge jiraataan Biruukiliin, Niik Korsoo, naannoon sun rifaaatuudhaan guutamee akka ture himan.

    ''Iyya baay'eetu ture, yeroo balaan qaqabae sanatti namoonni tokko tokkos utubaa irratti rarra'anii turan,'' jechuun AFPtti himeera.

    Kantiibaan magaalaa Niiw Yoork, Eriik Adaams toora X irratti, namoonni lama du'anii kanneen biraa kanneen 19 madaa'an keessaa ammoo lama haala yaaddessaa keessa akka jiran ibsaniiru.

    Riqichi Biruukiliin irra miidhaa guddaa kan irra hin qaqabne yoo ta'u, sakatta'iinsa erga taasifameen booda deebi'ee tajaajilaaf banameera.

    Poolisiin, ''rakkoo makaanikaa'' fi humni ibsaa addaan cituubalaa kanaaf sababa ta'e jedhanii akka amanan himeera.

    Eegdonni qarqara galaanaa Niiw Yoork akka jedhetti, doonii tunis utubaawwan ishee sadi dhabeetti. Hojjettoonni doonii sanarra turan hundi jiraachunis mirkanaa'eera.

    Yeroo dooniittiin riqichatti buteetti namoonni hedduun qarqara bishaanichaa irraa baqatan.

  4. 'Al tokkon qoraan baayyee baachuuf jedheen dugdatti baachuu filadhe'

    Huseen Kadiir

    Madda suuraa, Naol

    Ga'eessi tibba kana qoraan akka dubatootaatti dugdatti baatee gurguruun ofiisaafi maatiisaa jiraachisuu dubbatu tokko erga suuraansaa miidiyaa hawaassummaarratti qoodameen booda ijoo dubbii ta'eera.

    Maqaan ga'eessa kanaas Obbo Huseen Kadir jedhama. Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluq jiraata.

    Obbo Huseen ga'eessa ganna 40 keessaa yoo ta'u, tibbana miidiyaa hawaasummaa irratti suuraan isaa ijoo dubbii ta'ee namoota garaa nyaate.

    Namni kunis Aanaa Harannaa Bulluqitti qoraan bosonaa cabsee magaala Angeetuu geessee gurguruun of jiraachisaa akka jiru dubbata. Guutummaaisaa dubbiisuuf asiin seenu dandeessu.

  5. Tamsaasa kallattiin deebiineera

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan hundarraa.

    Odeessaalee gagabaabsinee addunya mara isaa isin biraan geenyu kan har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo akkuma baramee marsariitii keenya,Facebook keenyaa fi Chaanaalii WhatsApp keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  6. Hogganaan duraanii FBI dhoksaan Tiraampi ajjeesisuuf hojjechaa ture jedhamuun qoratame

    Koodii tikaa Jeemsi Koomee qooduun qoratamaa jiru
    Ibsa waa'ee suuraa, Koodii tikaa Jeemsi Koomee qooduun qoratamaa jiru

    Hogganaan duraanii FBI, Jeemsi Koomee, Eegdota Nageenyaa Icciitii US, [Secret Service] jedhamaniin waa'ee suuraa miidiyaa hawwaasaa iraratti maxxansanii deebisanii balleessanii irratti qorataman.

    Warri Rippaabilkaanii suuraa Jeemsi Koomee maxxanse, Tiraampi irratti hookkara kaasuuf yaadeeti jedhu.

    Koomeen to'annoo jala ooluu baatus qoratamuuf eeyyamamaa tahuun qaama seera kabachiisa kanaan Waashingitanitti argamuun sa'a tokkoo oliif gaafatame.

    Inistaagiraamii isaa irratti koodii "8647'' qoodee ture. Lakkoofsi 86 jecha ''balleesse'' ykn ''obbaafadhu'' jedhu bakka bu'a.

    Dhiyeenya garuu ''ajjeesi'' jechuuf kan warri tikaa ykn waraanaa fayyadamanidha.

    Jeemsi Koomee bara 2017 Tiraampiin hojii isaa irraa ari'ame. Tiraampi Fox News irratti gaafatamee Koomeen mataan isaa maal jechuu akak tahe ni beeka.

    Na ajjeesisuu barbaada ture jedhe. Tiraampi yoo dubbatu, ''maal jechuu akka tahe inniyyuu sirriitti beeka, Yoo daariketara FBI taatee maal jechuu akka tahe hin beektu tahe, ajjeesisuu jechuudha. Kana waanuma ifatti jedhee fi godhedha,'' jedhe.

    Tiraampi bara darbe yaalii ajjeechaa lama irraa oole.

  7. Basaastota Iraan kan jedhaman gaazexeessitoota UK keessa jiraatan irratti xiyyeeffachuun himataman

    Basaastota Iraan jedhaman gaazexeessitoota UK keessa jiraatan irratti xiyyeeffachuun himataman

    Madda suuraa, Julia Quenzler

    Basaastonni lammii Iraan jedhaman sadii gaazexeessitoota UK keessa jiran irratti xiyyeeffachuun ''jeequmsi hamaan'' akka isaan irratti raawwatamuu gochuu karoorsuudhaan himatamanii mana murtiitti dhiyaatan.

    Mosxaafaa Ispaavaand kan umuriin waggaa 39, Farhaad Jaavaadii Maanesh kan waggaa 44, fi Shapuur Qaalehaalii Khaani Noori kan waggaa 55, hundi isaanii Landan irraa mana murtii dhaddacha Westminstar jedhamutti to'annaa jala oolan.

    Shakkamtoonni kunneenis, gaazexeessitoota dhuunfaa dhaabbata miidiyaa walabaa Iraan Intarnaashinaal jedhamu fi teessoo isaa Landan keessa taasifachuun kan hojjetu irratti xiyyeeffachuun himataman.

    Himatamtoonni sadan kunneenis koolugaltummaa erga gaafatanii booda UK keessa akka turaniif hayyamni yeroo kennameefii ture.

    Isaaniis dooniiwwan xixiqqoo dabalatee bara 2016 fi 2022 gidduutti UK kan galan yoo ta'u, Mr Isepaahvaand ammoo bara 2016tti konkolaataa fe'umsaa keessa dhokatanii gara Landan galan.

    Namoonni sadan kunneenis bara 2024 hanga bara kana gidduutti seera nageenya biyyaalessaatiin yakka raawwachuudhaan kan himataman. Haata'u malee, torban lamaan dura ammoo to'annaa jala oolfaman.

  8. Namni ija barreessaa beekamaan Salmaan Rushisiin balleesse hidhaan waggaa 25 itti murtaa'e

    Barreessaa Salmaan Rushidii

    Madda suuraa, Getty Images

    Namtichi barreessaa beekamaa Salmaan Rushidiiniin meeshaa qara qabuun waraanuun ijasaa tokko balleesse hidhaa waggaa 25n itti murtaa'e.

    Namni maqaansaa Hadii Maatir jedhamuufi kan umuriinsaa waggaa 27 kunis yaalii ajjeechaatiin himannaan irratti dhiyaate.

    Rushidii Hagayya bara 2022 osoo waltajjiirratti haasaa taasisaa jiruu ture kan namni himatame kun irra dedeebii fuulaa fi murmasaa irra kan waraane.

    Rushidii ijjisaa tokko baduun alattis tiruunsaa kan miidhame yoo ta'u, sababii dhibee narviitiin harkisaanii laamsha'utuu gabaafame.

    Kitaabnisaanii mata duree falmisiisaa 'The Satanic Verses' jedhamuun beekamu maxxansiisanii waggaa 35ffaa irratti ture haleellaan kun kan irratti raawwatame.

  9. Raashiyaan lammii Awustiraaliyaa Yukireeniif lola ture jette hiite

    Lammii Awustiraaliyaa Yukireeniif loluusaatti hidhaan waggaa 13 itti murtaa'e

    Madda suuraa, PROSECUTOR'S OFFICE OF THE LUHANSK PEOPLE'S REPUBLIC

    Lammiin Awustiraaliyaa osoo loltoota Yukireen maddii goree lolaa jiruu humnoota Raashiyaatiin qabame tokko, mana hidhaa eegumsa cimaa keessatti waggaa 13 akka itti murtaa'e abbootiin alangaa Raashiyaan mudaman himan.

    Namni maqaansaa Oskaar Jenkins jedhamuufi kan umuriin ganna 33, Jimaata darbe ture mana murtii Raashiyaan to'atame kan baha Yukireen dhuunfatamte keessatti akka loltuu mindeeffamaa waraana hidhannoo keessatti loluudhaan yakkamaadha jedhamuun itti murtaa'e.

    Namni kunis barsiisaa magaalaa Melbarn irraa dhufan yoo ta'u, baatii Mudde darbe keessa naannoo Luhaansk keessatti kan to'annoo jala oolfame.

    Abbaan alangaa akka jedhanitti, Guraandhala bara 2024 keessa Yukireen kan gahe yoo ta'u, duula waraanaa loltoota Raashiyaa irratti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf ji'aan mindaan Ruubel kuma 600 hanga kuma 800 (£5,504 hanga £7,339) akka kaffalamu himaniiru.

    Viidiyoo irratti bara darbe Muddee keessa kan mul'ate yoo ta'u, Aab Jenkins harka isaanii hidhamuun, fuula keessa kabalaa wayita humnoota Raashiyaatiin gaaffii gaafatamuu agarsiisa. Yukireen keessatti loluusaatiif kaffaltiin isaaf kaffalamaa jiraachuuf dhiisuu yoo gaafatamu dhagahama.

    Ji'a Amajjii keessa ammoo Awustiraaliyaan Mr Jenkins qabamuu isaa hordofee gabaasa sobaa ajjeefamuu isaa himuuf ambaasaaddara Raashiyaa waamtee turte.

    Ergasii boodas mootummaan Awustiraaliyaa irra deddeebiin akka gadhiifamu gaafachaa ture.

  10. 'Abbaa warraakoo waggotaaf qoricha sammuu hadoochuun na gudeedaa ture'

    Nama karrarra dhaabbatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Keetii fi abbaan warraashee galgala tokko taa'anii osoo waliin haasa'aa jiranuu, waan natti hima jettee gonkumaa hin eegiin tokko itti hime. Innis qorichaan of ishee walaalchisuun bara dheeraaf gudeedaanii akka ture itti hime.

    "Si gudeedaan ture. Waggootaaf qorichaan of si walaalchiseen si gudeedaa suuraa si kaasa ture," jedheen.

    Keet (maqaa ishee dhugaa kan hin taane) waan dubbattuu walaaltee turte. Goggoogdeetuma teessee dhaggeeffataa turte. Waan inni jedhaanii ture hubachuu hin dandeenye.

    "Akkuma waan salphaa ta'etti tokkotti natti hime, beektaa: 'Boru irbaata paastaa nyaachuuf jirra, yoo daabboo bitanne gaariidhaa?'" akka jedhamee haasa'amuutti natti hime jetti.

    Odeessa kanarratti dabalataan bal'insaa dubbiifachu yoo barbaaddan karaa kanaan argachuu dandeessu.

  11. Kaarloo Anchelootii waancaa Laaligaa Baarseloonaaf ni mala jedhan

    Leenjisaan Riyaal Maadirid Baarseloonaa ''baga gammaddan'' jedhan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaan Riyaal Maadirid Baarseloonaa ''baga gammaddan'' jedhan

    Leenjisaan Riyaal maadirid waancaan Laaliigaa bara kanaa Baarseloonaaf ni mala jedhan.

    Baarseloonaan bara kana gahumsa ajaa'ibaa agarsiise. Kanaaf baga gammaddan jechuu qabna. Laaliigaa keessatti kileba walitti aansuun gahumsa olaanaa agarsiisedha.

    Kana qofa osoo hin taane kubba baay'ee bareedaa taphataa turan. Kanaaf waancaa bara kanaa mo'achuun isaaniif mala.

    Barri dorgommii dhufu waan biraati. Ammaaf garuu Baarseloonaan kileba gahumsa addaa agarsiisedha jedhan leenjisaan kun.

    Kaarloo Anchelootiin marsaa lama Riyaal Maadirid kan leenjisan yoo tahu, waggaa jaha booda kilebicha gadhiisuuf waliigalaniiru.

    Baarseloonaan baruma kana qofa yeroo afur Riyaal Maadiridiin mo'ate.

    Baarseloonaan waancaa Ispaanish Suupper Kaappii, Kooppaa Del Reyii fi waancaa Laaliigaa injifateera.

    Shaampiyoonsi Liigii garuu walakkaa xumuraaf gahee Inter Miilaan daqiiqaa dhumaatti mo'amee kufe. Dabalataaf:

  12. TPLF haqamuunsaa dhaaba waraanaafi wal qoodinsaan qoramee kanaaf xumura seenaa siyaasaa tahaa?

    Miseensoota TPLF

    Madda suuraa, Getty Images

    Waltajjii siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 50f olaantummaan kan beekamu TPLF yeroo lammaffaaf beekamtiin paartii siyaasaa isaa boordii filannoon tibbana haqame.

    Waggoota gara 30'f bulchiinsa biyyattii keessatti aangoo olaanaa qabatee kan ture TPLF waraanaa Tigraay Sadaasa 4, 2020 eegaleen walqabate Mana maree Bakka bu'oota Ummataatiin garee shororkeessaa jedhamuun farajamee ture.

    Boordiin filannootis TPLF hirmmaannaa siyaasa karaa nagaa keessaa bahuun gochaa hokkora humnaa irratti hirmaateera jechuun Amajjii 2020tti seera qabeessummaasaa haquuf murteessuu beeksiisee ture.

    Waraanni cimaan Tigiraayiitti mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti gaggeeffame marii nagaatiin dhuma argatee paartichi gara sochii siyaasa nagaatti deebiinaan galmee shororkeessummaa irra haqame.

    Bal'ina odeessa kanaa irratti asiin argachuu dandeessu.

  13. Haleellaa Raashiyaan konkolaataa namoota nagaa Yukireen irratti raawwateen namoonni sagala du'uun gabaafame

    Atobisichi bakka Sumii jedhamu keessatti haleelamu qondaaltoonni himan

    Madda suuraa, Sumy regional military administration

    Haleellaa diroonii Raashiyaan Kaaba baha Yukireen keessatti minibaasii namoota nagaarratti raawwateen lubbuun namoota sagal darbuu qondaaltonni biyya keessaa himan.

    Hoggantoonni waraana naannichaa, haleellaa Sambata ganama magaalaa Bilopiliyaa, Sumii keessatti raawwatameen namoonni biroo torba madaa'uu isaanii ibsaniiru.

    Konkolaataan haleellaan irratti raawwatame kunis gara magaalaa guddoo naannichaa kan dhiheenya daangaa Raashiyaatti imalaa ture.

    Gabaasni kunis Raashiyaa fi Yukireen erga bara 2022 as marii nagaa jalqabaa kallattiin gaggeessan sa'aatii muraasa booda dhagahame.

    Marii Jimaata kaleessaa jila biyyoota lamaanii jidduutti Tarkii keessatti ta'aamaneen, booji'amtoota waraanaa wal jijjiiruuf waliigaltee irra ga'amus hangas waan guddaa biraa hin argamne.

    Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin haleellaan kun ''itti yaadanuu namoota nagaa ajjeesuudha'' jedhan.

    Raashiyaan kallattiin haleellaa kanarratti yaada kan hin kennine yoo ta'u, garuu ammoo miidiyaaleen mootummaa humnoonni "waltajjii waraanaa" Sumii keessatti haleelaniiiru jechuun gabaasaniiru.

  14. Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte

    Waraanni Israa'el Gaazaa irratti haleellaa cimaa eegale

    Madda suuraa, Anadolu/Getty Images

    Waraanni Israa’el haleellaa guddaa Hamas injifachuu fi bilisummaa booji’amanii Gaazaa keessatti hafan mirkaneessuuf kaayyeffate jalqabuu isaa beeksise.

    Humni Ittisaa Israa'el akkaawuntii X isaa kan Afaan Ibrootaa irratti, "Duula Geediiyoon Chaariyoots (Operation Gideon's Chariots)" jedhamuun "naannoowwan tarsiimoo" Isitiripichaa qabachuuf loltoota bobbaasuu ibseera.

    Qondaaltonni ministeera ittisa siiviilii fi fayyaa Hamasiin geggeeffamanii akka jedhanitti, haleellaan Israa’el guyyaa Kamisa irraa eegalee raawwatteen namoota gara 250 du'aniiru.

    Israa’el erga dhukaasa dhaabuu ji’oota lamaaf ture dhaabateen booda baatii Bitooteessaa keessa uggura gargaarsaa Gaazaa irratti kaa’uun ishee ni yaadatama.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Jimaata darbe Gaazaa keessatti ''namoonni baay'een beela'aa jiru'' jedhan.

    Waraanni Israa'el akkaawuntii X isaa kan afaan Ingiliffaa irratti barreefama maxxanseen maqaa duula walfakkaa ta'e hin fayyadamne.

    "Kanaan booda hanga Hamaas balaa hin taaneettii fi namoonni keenya booji'aman hundi manasaaniitti deebii'aniitti'' duula kana akka hin dhaabne ibsuudhaan, sa'aatii 24 darban keessatti "guutummaa Gaazaatti bakka shororkeessummaa 150 ol haleelleerai" jedhe.

    Israa'el marii dhukaasa dhaabuu deebi'ee akka eegalmuu fi uggura keessee akka kaaftuuf dhiibbaan idil-addunyaa dabalaa dhufulleen, haleellaa raawwataa jirtu cimsuudhaan, daangaa irratti ammoo humna hidhannoo ijaarte.

    Duulli kun eegaluun isaa carraaqqiiwwan taasifaman hundi akka fashalaa'e kan agarsiisu fakkaata.

    Gaazexaan 'Times of Israel' jedhamu, "Gideon's Chariots," kan loltuu macaafa qulqulluu agarsiisu, IDF daangaa fudhachuu fi to'achuu, namoota nagaa gara kibba Gaazaatti sochoosuu, Hamaas irratti haleellaa raawwachuun dhiyeessii gargaarsaa akka hin to'anne dhorkuuf ta'u ibseera.

  15. Obbo Taayyee Danda'aa waa'ee siyaasa, misoomaa fi bulchiinsa MM Abiy irratti maal jedhu?

    Obbo Taayyee Danda'aa

    Madda suuraa, Feesbuukii Obbo Taayyee Danda'aa

    Obbo Taayyeen Danda'aa osoo aangoo irraa hin kaafamiin dura dubbii-himaa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa, isaan booda ammoo Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa tahuun hojjechaa turan.

    Obbo Taayyee Danda'aa ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu irraa keessanii, rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessaaf mootummaan itti gaafatamummaa guddaa akka qabu ifatti qeeqaa turan.

    Akkasumas marii nageenyaa marroo lamaaf mootummaa Itoophiyaa fi WBO kan motummaan ABO-Shanee jedhuun gidduutti Taanzaaniyaatti taa'amee osoo hin milkaa'iin hafee irrattis karaa barreeffama miidiyaa hawaasaa isaanitiin mootummaatti quba qabaniiru ture.

    Jecha cimaa fayyadamuunis ''maddi rakkoo siyaasa Itoophiyaa keessaa Ministira Muummee Abiy Ahimed'' jechuun fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessan.

    Xalayaa ministira muummee Abiy Ahimed barreessaniin guyyoota muraasaan boodas aangoo Deetaa Ministira nagaa irraa kaafaman. Isaan boodas hidhaman.

    Miseensa Caffee Oromiyaa waan tahaniif Mirgi himatamuu dhabuu isaaniis irraa kaafame. Amma erga mirga wabiin mana hidhaatii bahanii booda manaa deddeebi'uun beellamasaanii hordofaa jiru.

    Obbo Taayyeen erga mana hidhaatii bahanii booda haala jireenya isaanii, bulchiinsa MM Abiyii fi siyaasa Itoophiyaa ammaa irratti ilaalcha qaban BBCtti himaniiru.

    Gaaffiifi deebii Obbo Taayyeen BBC waliin taasisan haala itti aanuun isiniif dhiyeessineera. guutummaasaa karaa kanaan dubbiifadhaa.

  16. US himannaa balaa xiyyaara Itoophiyaafi Indooneeshiyaan wal qabate Booying irratti dhiyaate kaasuuf

    US himannaa balaa xiyyaara Itoophiyaafi Indooneeshiyaan wal qabate Booying irratti dhiyaate kaasuuf

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, US himannaa balaa xiyyaara Itoophiyaafi Indooneeshiyaan wal qabate Booying irratti dhiyaate kaasuuf

    Abbaan alangaa Ameerikaa himannaa yakkaa dhaabbata guddaa xiyyaara oomishuu Booying irratti baname, balaa xiyyaaroota isaa gurguramaa lamaan, 737 Max waliin walqabatee ture kaasuu danda'a jedhame.

    Qondaaltonni Ministeera Haqaa (DOJ) firoota namoota balaa lamaan kanaan firoottan jalaa du'an waliin walgahii karaa toora interneetiin taasisaniin, dhaabbatichi dhimmicha xumuruuf waliigaltee abbaa alangaa hin taane akka mallatteesse hayyamuuf yaadaa akka jiran himaniiru.

    Tarkaanfiin kunis himannaa hanna yakkaa kan baatii Waxabajjii keessa jalqabuu qabu irratti dhaddacha akka hin jiraannee kan taasisu yoo ta'u, kunis erga abbaan murtii tokko beenyaa kanaan dura Booyingi yakkasaa amanuuf waliigale erga kuffisee boodadha.

    Abukaatoon maatii namoota balaa kanaan miidhamanii bakka bu'an ammoo karoora haaraa kanaan ''baay'ee mufachuu'' ibsaniiru.

    ''Waajirri haqa Ameerikaa murtee dhumaarra akka hin qaqabiin ibsulleen, sanadni barreeffamichaan dhiyaate garuu bu'aan dhumaa maal ta'u akka malu agarsiisa'' jechuun abukaatoon maatii namoota balaa xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaatiin wal qabaee du'an 34, Eeriin Apilbam dubbataniiru.

    Itti dabaluunis, ''sababii yakkawwan dhaabbanni Boying jecha itti keneetiin lubbuu namoota 346 badeef hanga ammaatti murteetti hin dhiyaanne. Amma ammoo waajirri haqaa akka adabbii maallaatiin ala isa hin argannee miliqu taasisuuf jira'' jedhan.

    Waggoota jahaan dura balaa xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaa fi daandii qilleensa Indooneshiyaa laayan Eer irra yeroo garaa garaatti qaqabeetiin Booyiing yeroo ammaatti himannaawwan waliin dhahu irratti dhiyaateera.

    Balaa xiyyaaroota baayyee hammayyaa'oo jedhaman Boying 737 Max 8 irra qaqabeen namoonni 346 lubbuu kan dhaban yoo ta'u, sababiinsaas meeshaalee to'annoo kutaa balaliinsaa kan balaliiftoonni xiyyaaroota irratti galfamusaanii hin beekneen kan wal qabatudha jedhamee ture.

  17. Abbaan alangaa Netaaniyaahufi Puutin akka hidhamaniif qabsaa'an yakkaa saalqunnamtiitiin himatame.

    Kariim Kaan

    Madda suuraa, Reuters

    Abbaan alangaa olaanaan Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) hanga qorannoon saalqunnamtii irratti gaggeeffamaa jiru xumuramutti yeroodhaaf hojiirraa dhaabame.

    Kariim Kaan hanga qorannoo dhuma bara darbee jalqabe kun xumuramutti boqonnaa fudhata.

    Bakka inni hin jirretti waajjira kana ni geggeessu itti aanaa isaati jetti ICCn.

    Akka gabaasni miidiyaalee kanaan duraa himanitti, himannaa Kariim irratti baname fedhii malee nama tuquu fi ‘miidhaa’ saalaa kan jedhudha.

    Kariim himannaa kana waakateera.

    Dhaabbileen hedduun fi hojjettoonni ICC kanaan dura yeroo qorannoo kanaa Kariim akka aangoo gadhiisan gaafataniiru.

    Qorannoon alaa - Waajjira Tajaajila To'annoo Keessoo UN'n durfamu - yoom akka xumuramu hin beekamu.

    Reuters xalayaa inni yeroodhaaf boqonnaa akka fudhatu hojjettoota isaatiif erge argeera. Xalayaa kana keessatti Kariim aangoosaa yeroo hunda gamaaggama jala akka ture ibsa.

    "Murteen koo amanamummaa waajjira keenyaa fi mana murtiif, akkasumas qulqullina adeemsaa kana eeguuf kan fudhatame.”jechuun xalayaa kana keessatti dubbataniiru.

    Qorannoon kun kan dhufe yeroo ICC fi Kariim waraana Gaazan walqabatee muummicha ministeera Israa'el Benjaamiin Neetaaniyaahuun yakka waraanaan akka to’atamu ajajan.

    Israa’el miseensa ICC miti. Mootummaan ishee Netaaniyaahuunis himannaa kana cimsanii waakatan.

    Ji’a Guraandhalaa yeroo Netaaniyaahuun Waashingitan DC daawwate, prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qondaaltota ICC irratti qoqqobbii kaa’e.

    ICC’n qoqqobbiin Ameerikaan mana murtichaa balaadhaaf saaxiluu ibsuun, biyyoonni miseensa isaa fi hawaasni idil addunyaa ''haqaa fi mirga namoomaaf akka dhaabbatan'' waamicha dhiyeessaniiru

  18. 'Ijoolleen koo beela'anii rafu,' jiraataa Gaazaa

    Gaazaa

    Madda suuraa, Reuters

    Namoonni baay'een bakka raabsa nyaataa kaaba Gaazaatti argamutti yeroo walitti qabaman, daa'imni ganna jahaa Ismaa'il Abuu Odeeh gara fuulduraatti bahuuf gidduu namoota waldhiibaa jiranii seeneera.

    "Hamma tokko naaf kenni" jedhee kadhata.

    Saanii isaa missiraan guutame, garuu akkuma inni fudhateen harka isaarraa rukutamee jige.

    Boo'aa gara dunkaana maatiisaa deebi'e.

    Eessumnisaa nyaata argate irraa Ismaa'iliif qoode.

    Guyyaa itti aanutti bishaan ykn nyaanni tokkollee kaampii buqqaattota inni keessa jiraatu hin geenye.

    Namoonni achitti walitti qabaman qaruuraa fi saanii duwwaan hafan. Ismaa'il ammas boo'e.

    BBC’n guyyoota lamaan darban jiraattota Gaazaa waliin haasa’uu irratti dabarse.

    Kunis erga Israa’el tarkaanfii waraanaa ishee guddiftee, nyaata, meeshaalee yaalaa fi gargaarsa biroo irratti uggura torban 10 ol keette.

    Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi kanneen biroo Gaazaan qarqara beela irra akka jirtu akeekkachiisa dabalaa jiru.

    Warri BBC’n dubbise guyyaatti nyaata tokkollee argachuun rakkoo cimaa ta’u ibsaniiru.

    Dubartiin ganna 23 Kaaba Gaazaa keessa jiraattu, "fajajuun miira yeroo hunda ta'eera" jetti. Akkasumas ''sababa hanqina nyaataa fi qoricha irraa kan ka’e laafuu fi dadhabbii waan barate” jetti.

    Adam al-Baatraawii, waraanan dura magaalaa sooreyyii Al-Zahra keessa jiraachaa ture.

    Amma giddu gala Gaazaa keessa kaampii buqqaattota keessa jiraata. Rakkoo guyyaa guyyaan argan keessaa beelli isaa hamaa ta’u dubbata.

    Namoonni "jiraachuuf jechaa nyaata kalaquu" eegalaniiru jedha.

    Nyaata Filisxeem keessatti nyaata bu’uuraa kan ta’e daabboo hojjechuuf akkamitti akka paastaa garmalee bilcheesanii akka daakutti hojjetan ibsa. Kana booda ibidda irratti bilcheessuun daabboo fakkeessan.

    "Karaa nyaata itti bilcheessan Kanaan dura yaadne hin beekne kalaqaa jirra.” Jedha.

    Abbaan Ismaa'il Gaazaa keessatti ijoollee isaa ja'aa guddisuun baay’ee rakkisaa ta’u dubbata.

    "Ijoolleen koo beela'anii rafu. Yeroo garii yoo ani nyaata isaaniif dhiyeessuu hin dandeenye akka daa'ima xiqqaa taa'ee boo'a." jedha

  19. Mariin raashiyaa fi Yuukireen xumurame

    Marii nagaa Raashiyaa fi Yuukireen Istaanbulitti gaggeeffamaa jiru

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Marii nagaa Raashiyaa fi Yuukireen Istaanbulitti gaggeeffamaa jiru

    Mariin jila Raashiyaa fi Yuukireen Istaanbulitti jalqabe xumuramuu ibsame.

    Gareen BBC Yuukireen keessaa jila Yuukireen waliin maricha irratti argamuuf imalan, marichi xumurame jedhan.

    Biyyoonni lameenuu hidhamaa waraanaa ykn loltoota booji'aman 1000 wal jijjiiruuf waliigalaniiru.

    Ministirri Ittisaa Yuukireen Usteem Imeroov, waa'ee dhukaasa dhaabuu kaasanii mari'achuu himaniiru.

    Marii biraa itti fufuuf biyyoonni lameen waliigaluu isaanii ibsaniiru. Guyyaa isaa garuu ifa hin goone. Ammaas hidhamtoota waraanaa 1,000 wal jijjiiruuf waliigalaniiru.

    Zeleniskii fi Puutin qaamaan wal arguun akka mari'atanis ka'ee irratti dubbatamuu ministirri Waraanaa Yuukireen himaniiru.

    Garuu yoom akka tahu hin ibsine.

  20. 'Obboleettiinkoo ulfa turte ajjeefamteetti, nus dabaree eeggataa jirra'

    Haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwatteen lakkoofsi namoota du'anii 100 gahuu Hamaas ibse.

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwatteen lakkoofsi namoota du'anii 100 gahuu Hamaas ibse.

    Kibba Gaazaa Kaan Yuunis keessa namni jiraatu tokko obboleettiin isaa ulfa turte mana jireenyaa ishee keessatti ajjeefamuu BBCtti hime.

    Mootummaan Hamaas dursu ammoo lakkoofsi namoota haleellaa Israa'eliin ajjeefamanii 100 dhaqabuu hime.

    Namni maqaa isaa hin himne kun BBC Afaan Arabaatti akka himetti ''Israa'el osoo obboleettiinkoo fi abbaan warraa ishee mana keessa jiranii boombiin haleelte'' jedhe.

    Obboleettiin isaa ajjeefamte ulfa ji'a shanii akka turte hime.

    ''Rakkoo keenyaaf furmanni waan jiru natti hin fakkaatu,'' jedhe. ''Hundi keenya iyyuu du'aaf dabaree eeggataa jirra'' jedhe.

    Israa'el Gaazaa keessatti oppireeshinii waraanaa gaggeessaa akka jirtu erga mirkaneessitee namni BBC'tti dubbate kunis, ''Hulaa Gaazaa keessaa bakki nagaa qabeessa tahe tokkollee hin jiru'' jedhe.