Israa'el doktara Gaazaa tokko jalaa ijoollee sagal ajjeeste

Haleellaan Israa'el qilleensarraan raawwatte mana dokatara hospitaala magaalaa Kaan Yuunis keessatti argamu keessaa hojjettuu rukutuun ijoollee ishee kudhan keessaa sagal ajjeese.

Hospitaalli Naasir akka beeksisetti daa'imni Dr Al Najaar tokkoo fi abbaan warraashee madaa'anii lubbuun hafaniiru.

Doktarri lammii Biriteen ta'ee fi hospitaalichatti daa'ima umrii waggaa 11 lubbuun hafeef wal'aansa baqaqsanii yaaluu taasise Giraayimee Giruum, haadhi waggootaaf hakiima daa'immanii ta'uun tajaajilaa turtee fi hojii kanaanis daa'immanshee kunuunsaa turte guyyaa tokko ijoollee sagal dhabuu jechuun ''gocha gara jabinaa hamaadha,'' jechuun BBCtti hime.

Haleellaa misaa'elaa tokkoon carraan maatiishee hunda dhabuu tureera jedhe.

Raayyaan Ittisaa Israa'el Jimaata darbe ibsa baaseen haleellaa qilleensaa Kaan Yuunis irratti raawwateen ''shakkamtoota hedduu'' rukutuu ibse.

''Miidhaan namoota nagaa irra ga'e jedhame qoratamaa jira,'' jedhe.

Viidiyoo daarektarri ministeera fayyaa Hamaasiin durfamu qoodanii fi kan BBCn dhugaa ta'uusaa mirkaneesse keessatti reenfi namootaa xixiqqoon magaalaa Kaan Yuunis iddoo haleellaan itti raawwate caccabaa gamoo jalaa wayita baafaman mul'isa.

Raayyaan Ittisaa Israa'el ibsa Sambata kaleessaa baaseen guyyoota darban haleellaawwan qiyyaafannoosaanii eeggatan 100 caalan Gaazaa keessatti raawwatamuu ibseera.

Ministeerri fayyaa Gaazaa gamasaan sa'atii 24 darban keessatti qofa haleellaa Israa'eliin namoonni 74 ajjeefamuu ibse.

Ministirri Fayyaa Dr Muniir Alboorshi yaada karaa X dabarsaniin abbaan warraa Dr Al Naajaar ishee bakka hojiitiin ga'ee wayita gara manaatti deebi'u rukutame jedhan.

Dr Alboorshi akka jedhanitti ijoollee Dr Al Najaar keessatti guddaan umrii waggaa 12.

Dubbi himaan garee gargaarsaa fi ittisa siivilii Gaazaa Mahammad Baasaal erga Jimaata waaree booda karaa Telegram isaanii dabarsaniin gareensaanii mana Dr Al Najaar buufata boba'aa tokko cinaatti argamu keessaa reenfa namoota saddeetii fi namoota miidhaman hedduu baasuu ibsan.

Hospitaalli Naasir daa'imman saddeet ajjeefamuu dursee Facebook isaarratti kan ibse yoo ta'u sa'atii lama booda lakkoofsi sagal ga'uu ibseera.

Fira ogeettii fayyaa haleellaa Israa'eliin ijoollee sagal dhabdee kan ta'an Dr Yuusuf Abuu Al-Riish ''nu ga'e! Nu baraarsaa! Biyyoonni hundi, hawaasi idiladdunyaa, uummati, Hamaas fi kanneen waraana kana keessatti hirmaataa jiran hunduu akka nu baraaran gaafanna,'' jedhan.

''Buqqa'uu fi beellis nu ga'e, dadhabneerra,'' jedhan.

Jimaata darbe Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez jiraattonni Gaazaa ''daafoo waraanaa akkaan hammaataa ta'e'' waliin wal'aansoo qabaa jiru jedhan.

Dhorkaa Israa'el Bitootessa darberraa gargaarsa namoomaa gara Gaazaa seenirra keesse balaaleffataniiru qondaalli UN kun.

Israa'el jalqaba torbee darbeerratti dhorkaa keesse keessaa walakkaa kaasuu ibsiteetti.