US lammiilee Iraan duula filannoo Tiraamp hatan irratti himannaa bante

Waajirri Haqaa US miseensota eegdota Warraaqsaa Iraan ta'an sadii irratti himannaa yakkaa bane.

Lammiileen Iraan kunneen filannoo pirezidantummaa darbe irratti duula Tiraamp jeequuf yaalan jedhaman.

Himanni kun bulchiinsi Joo Baayidan qaamoleen alaa dorgommii pirezidantummaa Doonaald Tiraampifi Kaamlaa Hariis gidduutti godhamu gidduu seenan dhaabsiisuuf tarkaanfii fudhatan keessaa tokko ta'uun ibsameera.

Iraan Kamisa darbe ibsa baastee aanga'oota olaanoo US irratti xiyyeeffatteetti jedhamee himatni irratti dhiyaate bu'uura kan hin qabne ta'uu ibsite.

Namootni sadan Mosuud Jaliil, Seyyiid Alii Aghaamiirii fi Yaasaar Balagii duula filannoo Tiraamp laaggisuuf hojjetaniiru jedha abbaan Alangaa Meriik Garlaand.

''Tibba filannoo kanaatti sochii guddaa saayibarii warri Iraan godhan argaa jirra'' jechuun miidiyaaleetti himan.

Himata baname irratti namootni sadan akkaawuntii imeelii sobaan hojjettoota garee duula filannoo burjaajessaniiru.

Ergaalee amanamummaa isaanii mirkaneessuun erga gowwomsanii booda liinkii hakarootni ittiin isaan butan akka cuqaasan gochuun ragaalee duula filannoofi odeeffannoo kaadhimamtoota pireezidantii itti aanaa hataniiru jedha.

Duula filannoo darberratti ragaalee garee Tiraamp jalaa hataman miidiyaaleefi garee Joo Baayidaniif erganiirus jedhame.

Lammiileen Iraan kun eenyummaa hatuu, waliin dhahuufi Kompitaraan burjaajii godhamuun himataman.

Waajirri qabeenyaa biyyattii ammoo namoota kanneen dabalatee kaan irrattis qoqqobbiinis akka kaahamu ibseera.

Namootni sadan yeroo ammaa US keessa osoo hin taane biyyasaanii Iraan jiru. Qaamoleen nageenyaa US isaan argachuu hin danda'an.

Garlaand garuu muummeen Haqaa biyyattii amma duras namoota himatee waggootaaf adamsaa bahee to'annoo jala oolchee beekaa jedhan.

''Namoota kana bara jireenyaasaanii guutuu isaan hordofna'' jedhan.

Waajirri Haqaa US duulli Iraan gama dijitaalaa qofaan kan daangeffame miti jedha.