Wayita TPLF haleellaa qilleensarraaf Ertiraa fi Itoophiyaa himataa jirutti UN hojjettoonnisaa Tigraay keessaa ba'uu ibse

Maartin Giriifitis nageenyi hojjettoota gargaarsaa akka mirkanaa'u barbaadu

Madda suuraa, EPA

Haleellaa qilleensarraan lotoonni Itoophiyaa fi Ertiraa raawwataniin daa'imman dabalatee hedduun ajjeefamaniiru jechuun TPLF himateera.

Qondaalli TPLF Geetaachoo Raddaa haleellaan qilleensarraa kun ollaa namoonni daafoo waraanaan qe'eerraa buqqa'an qubatan irratti xiyyeeffatee raawwate jedhe.

Akka Geetaachoon jedhutti naannoon haleellaan itti raawwate bakka namoonni itti dheessan- Adiyabo kan daangaa Ertiraatti siqee argamutti.

Himannaa Geetaachoon dhiheessu BBCn ofiisaa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Waa'ee himannaa kanaa ilaalchisee mootummaan Itoophiyaas ta'e kan Ertiraa hanga ammaatti homaa hin jenne.

Akka hojjettoonni gargaarsa namoomaa jedhanitti bakkuma kanatti torbee darbe namoonni ja'a haleellaa qilleensarraan ajjeefamaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa naannoo lammiileen nagaa jiraatan keessatti kuusee jira jechuun himata.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii gamasaan hojjettoonni isaa naannoo Tigraayitti dhukaasa qaamolee walwaraananii gidduutti ugguramanii turan nagaan achii ba'uu ibseera.

Qondaalli gargaarsa namoomaa UN Maartin Giriifitis hojjettoonni isaanii torbanootaaf erga sochhii dhorkamanii turanii booda nagaan Tigraay keessaa ba'uu tiwiitara isaaniirrati barreessan.

UN ji'a darbe wayita waraanni bifa haaraan eegalu gargaarsi garas geeffamu yeroof akka adda citu labsee ture.

Haata'u malee ammallee namoonni miiliyoona hedduutti lakkaa'aman rakkoodhaan danqamanii harka namaa eeggatu.

Aab Giriifitis mootummaa fi TPLF gargaarsa namoomaaf akka haala mijeesssan akkasumas nageenyummaa hojettoota gargaarsaaf akka dhaabbatan akeekkachiisaniiru.

Qaamoleen waraana keessatti hirmaatan hunduu marii karaa nagaan qofti furmaata ta'uu hubachuu qabu jedhan qondaalli UN kun.

Waraana bifa haaraan eegale kanaan dhukaasi jajjabaan kan dhagahamaa ture yoo ta'u, loltoonni hedduun gama lamaanuu ajjeefamaniiru.

Waraanni marsaa kanaa kun tattaaffii nageenya buusuuf taasifamaa ture kan danqe ta'us hawaasi idil-addunyaa waraanicha karaa nagaan hiikuuf dhiibbaa uumuu itti fufaniiru.

Waraana kaaba Itoophiyaa erga eegalee waggaa lama guutaa jiru kanaan walqabatee lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru, miiliyoonaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'aniiru, akasumas beelaaf saaxilamanii harka namaa eeggatu.

Waraana kana karaa nagaan hiikuuf yaaliin Gamtaan Afrikaa, Ameerikaa fi hawaasi idil-addunyaa kaan taasisaa turan, wayita waraanichi ji'a tokko dura deebi'ee hammaachuu eegalu guddoo gufate.