Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chelsiin Imbaappee, Baayern Muniik Harii Keen fudhachuuf kan jedhuufi hamii jijjiirraa biroo
Gabaan jijjiirraa taphattoota kubbaa miilaa ammallee akkuma ho'etti jira. Baayern Muniik taphataa Tootenhaam Harii Keen mallatteessifachuuf maallaqa rikkardii ta'e Yuroo miliyoona 80 baasuuf akka karoorfate Iskaay Ispoort gabaase.
Dursaan garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Ingliiz umuriin isaa waggaa 30 ta'e kun gara Baayern Muniik deemuu akka danda'us gabaafamaa ture.
Wixata aanga'oonni Baayern Muniik fi Tootenhaam wal arganii dubbatanis waliigalteerra hin geeneye.
Tootenhaam ammoo maallaqa Harii Keen gurguruu irraa argatuun taphataa lammii Ayivorii Kost Firaank Kesiyyeefi taphata lammii Firaans Kileement Leengileen Baarseloonaa irraa mallatteesifachuuf karoora akka qabu Mundoo Dippoortiivoon gabaase.
Jijjiirraa taphattootaa yeroo gannaa kana keessa taphattoota baayyee fudhachuuf kan karoorfate Tootenhaam, taphattaa Nootingihaam Forest umuriin isaa waggaa 22 ta'e Bireenaan Joonsan mallatteesifachuu danda'a jedhamaa jira.
Taphataa sarara fuula duraa kana fudhachuun karoora Tootenhaam of cimsuuf ganna kana gabaatti bahe milkeessuufiif mala.
Abbootii qabeenyaa Chelsii keessaa tokko kan ta'e Tood Bohiliin ammoo taphataa lammii Firaans Kiliyaan Imbaappee, PSG irraa fudhachuuf akka karoorfatan gabaasni Indippeendant mul'iseera.
Imbaappeen Liiverpuul waliini smaqaan isaa ka'aa turus, manaajerri kilabichaa Yaargen Kiloop 'kun sobadha, nuti amma haala karoora maallaqaa qabnuun taphataa kana hin barbaadnu' jedhe.
Abbaan qabeenyaa kun Imbaappee fudhachuudhaaf maallaqatti dabaluun taphataa dhiyeessuuf karoorfatanis Baarseloonaa irraa dorgommiitu isaan eeggata.
Oduu walfakkaatuun Chelsiin jifataaa lammii Beeljiyeem Roomeluu Lukaakuu Juuventuusiifi kennee, jifataa Sarbiyaa Dusaan Vilaahoovich mallatteesifachuu akka barbaade Faabiriiziyoo Romaanoo fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti barresse.
Taphattoota baayyee jijjiraa kan jiru Chelsiin, waliigaltee kontiraata taphata lammii Ingiliiz sarara ittisaarra taphatu Leevii Koowel waggaa ja'aaf dheeresse.
PSG taphataa lammii Firaans Intiraakt Firaankifartiif taphatu umuriin isaa waggaa 24 ta'e Roondaal Koloo Muwaanii mallatteesifachuuf akka yaade gabaafameera.
Akka gabaasa Meeliitti, taphata lammii Beeljiyeem Saawozihampitaniif sarara gidduurra taphatu Roomeyoo Laaviyaa mallatteesifachuuf caal-baasii haaraa galchuudhaf karoorfatullee, Maanchester Yunaayitidiifi Chelsiin taphataa kanaaf fedhii agarsiisaniiru.
West Haam taphataa sara gidduu Saawozihamptan mallatteefachuuf gaaffiin dhiyeesse si'a lammaffaaf fudhatama dhabuuu hordofee, fedhii taphataa kanaaf qabu addaan kutuu akka jiru Gaardiyaan gabaase.
Kilabni Xaaliyaan Inter Miilaan Jifataa umuriin isaa waggaa 24 ta'e Jiyaanluuk Iskaamaakaa Paawondii miliyoona 17'n mallatteessisuuf gaaffiin dhiyeesse Weest Haam fudhachuu akka dide gabaafame.
Barnileen taphataa Beeljiyeem sarara gidduu umuriin isaa waggaa 23 ta'e Saambii Lokongaa waggaa tokkoof ergisaan fudhachuuf Arsenaal waliin marii jalqabeera.
PSGn taphataa sarara gidduu Xaaliyan umuriin isaa waggaa 30 ta'e Paawondii miliyoona 25 baasuun akka kennaniif kilabni Sa'ud Arabiyaa Al-Hilaal gaafatus hin fudhatiin hafeera.
Al-Hilaal taphataa sarara fuulduraa Naajeeriyaa Naappoliif taphatu Viktar Osiimeenii Yuroo miliyoona140 dhiyeessee fudhachuuf gaaffi idhiyeesse.
Chelsiin ammoo karra-eegaa lammii Ispeen umuriin isaa waggaa 25 ta'e Biraayitanirraa fudhachuuf gaaffii dhiyeessus, Birayitan hanga ammaatti deebii hin kennine.
Taphataa sarara duraa bara darbe Piriimer Liigii Ingiliiz keessaa gadi bu'e Saawozihampitan fudhachuuf Everten, Wolvisiifi Borimaawoz hiriiranii jiru.
Taphataan Firans sarara cinaa umuriin isaa waggaa 26 ta'e gara PSG deemaan, Baarseloonaan jifataa beeljiyeem Jaawoo Feliiksiin fudhachuu akka danda'u gabaafameera.
Taphataan lammii Firaans Baarseloonaaf taphataa jiru Osumaan Dembeelee ganna kana gara PSG deemuu mala jedhameera.
PSG'n osoon fudhadhee nan jaalladha jechaa jira.