Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namootni basaastota Raashiyaa ta’uun shakkaman shan mana murtiitti dhiyaatan
Namootni miseensota gartuu basaastota Raashiyaa ta’uun UK keessa hojjetan jedhamuun shakkaman shan mana murtii Landanitti dhiyaatan.
Lammilee Bulgaariyaa kan ta’an Orlin Roosev, Bizer Dizhambazoov, Katrin Ivanovaa, Ivaan Sitoyanoov fi Vaniyaa Gaberobaa waliin ta’uun odeeffannoo diina gargaaruu danda’u sassaabuuf karoorfachaa turan jedhameera.
Hagayya 2020 fi Guraandhala 2023 gidduutti namootni kun bakkeewwan fi namoota Raashiyaan barbaaddu akka turan himameera.
Shakkamtoonni kun hanga dhaddachi himati isaanii xumuramutti to’annoo jala turu.
Kaayyoon hojii basaasaa isaanii Raashiyaan odeeffannoo isaanii fudhachuun bakkeewwan ykn namoota kana irratti gocha ukkaamsanii fudhachuu dabalatee tarkaanfii haleellaa adda addaa akka fudhattuuf kan gargaaru ture jedhameera.
Namootni kun dhaddacha isaanii Mana Murtii Westminster irratti kan hirmaatan manneen hidhaa adda addaa afur irraa gama viidiyoonidha.
Shakkamtoonni shaman dhaddacha kana irratti maqaa isaanii fi bakka dhaloota isaanii himuurra homaa hin dubbatiin callisanii turani.
Qondaaltonni poolisii farra shororkeessummaa shakkamtoota kana to’annoo jala kan oolchan Guraandhala keessa ture.
Shakkamtoonni kun umuriin isaanii umurii ganna 29 fi 45 gidduudha.
Haati Alangaa Kaatiriin Selbii himata shakkamtoota kunneen irratti dhiyaate yemmuu ibsitu, abbaan qabeenyaa “ bakka hojii basaasaaf biyya kana keessatti isaan fayyadaman,” Obbo Roosev ture jettetti.
Manni jireenyaa isaa kan amma cufameeru, mana Great Yarmouth’tti qarqara galaanaatti argamu ture.
Obbo Roosev hojii basaasaa kana UK taa’ee qindeessuu fi hoogganuun himatame. Hojiin akkanaa UK fi Awurooppaa keessatti gaggeefamaa akka ture himameera.
Ivaan Sitoyanoov ammoo dorgommaa maarshaal artii fi dorgommiiwwan UK muraasaa irratti nama hirmaachaa tureedha.
Bulgaariyaa keessatti dorgommii sambo jedhamu, kan gosa maarshaal artii baha Awurooppaa keessatti beekama ta’e irratti hirmaachaa ture.
Shakkamtoonni shaman nama Jaan Marsaleek jedhamuun beekamuu waliin hojjechuun himatamaniiru. Namni kun dhaddacha kana irratti hin himatamne.
Obbo Roosev ajaja kan fudhachaa ture biyyaa biraa irraa nama Jaan Marsaleek jedhamuun beekamu irraa akka ta’e ibsameera.
Jaan Marsaleek lammii Oostiriyaa dhaabbata Wirecard jedhamu keessa hojjechaa turee fi yakka hannaa erga raawwatee booda Jarmanii keessatti nama barbaadamu ta’uun beekama.
Yeroo sanatti buufata xiyyaaraa kibba Viiyeenaa jiruun xiyyaara dhuunfaa fayyadamee Beelarusitti akka baqate amanama. Amma Raashiyaa keessa jira jedhamee yaadama.
Abbaan seeraa Taan Kibxata Mana Murtii Westminster’tti haasaa taasisaniin, shakkamtoonni shaman kun Onkololeessa 13 irratti Mana Murtii Yakkaa Old Bailey jedhamu Landan jirutti ni dhiiyatu jedhaniiru.