Tigraay Addi Da’aarootti yeroo lammataaf haleellaa qilleensaarraa raawwateen namoonni ajjeefaman

Maappii Addi Da'aaroo

Fulbaana 25/2015 A.L.I haleellaa qilleensarraa Tigiraayitti raawwateen namoonni 50 ajjeefamuu hojjettoonni dhaabbata tola-oolaa naannichatti argaman himan.

Haleellaa qilleensarraa kana ilaalchisuun dubbii himaan TPLF Obbo Geetaachaw Raddaa fuula Tiwiitarii isaanii irratti ergaa dabarsaniin iddoo Addi Da’aaroo jedhamutti raawwachuu ibsan.

Haleellaa qilleensarraa kana humnoota qilleensaa Itoophiyaafi Eritiraatu raawwate jechuun himatanillee gama biyyoota lameeniin garuu waan jedhame hin jiru.

Akka dubbii himaan TPLF jedhanitti haleellaan diroonii kan raawwate namoota waraana baqatanii dahoo keessa jiranirratti dha.

Hojjetaan deeggarsa namoomaa haala wal-fakkattaan haleellaa qilleensarraa kuni kan raawwatame buufata buqqaatotaa Addi Da’aarii irraa gara Shireetti km5 fagaatee argamutti dha jechuun himan.

Hojjetaan deeggarsa namoomaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan haleellaa kanaan namoonni 65 tahan kan ajjeefaman yoo tahu kanneen 70 tahan immoo miidhaan irra gaheera.

‘’Kanneen miidhaman gara hospitaala Shireetti geeffamaniiru. Hanqinni qorichaa fi yaalii gatii jiruuf lakkoofsi namoota du’anii dabaluu danda’a,’’ jedhaniiru hojjetaan dhaabbata tola oolaa kanaan.

Haleellaa buufata buqqatotaatti raawwate jedhame kanarratti daa’immaniifi manguddoonni baayyeen miidhaan akka irra gahe Obbo Geetaachoon dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Itoophiyaa kana dura haleellaan waraanni raawwatu of eeggannoon kan guutameefi iddoowwan qiyyaafatamanitti qofa akka tahe ibsee ture.

Kana malees namoonni nagaa iddoowwan waraanni irratti qiyyaafachuu danda’urraa akka fagaatan akeekkachisa kennee ture.

Kaaba-lixa Tigraay daangaa Eritiraa irratti Fulbaana 25/2015 A.L.I haleellaa qilleensarraa raawwatameera jedhameen mootummaan Itoophiyaas Ertiraa waan jedhan hin qaban.

Naannichatti ammallee sararri bilbilaa gatii hin hojjenneef maddeen dabalataa irraa odeeffannoo argachuu hin dandeenye.

Tahus naannoo Addi Da’aaroo jedhamutti haleellaan qilleensarraa raawwachuun kuni kan jalqabaa miti.

Fulbaana 17/2015 A.L.I haleellaan qilleensarraa rawwachuu humnooti Tigraay erga ibsaniin booda, mootummaanis amanee ture.

Yeroos mootummaa, ‘’ humni qilleensaa iddoowwan qiyyaafataman irratti tarkaanfii fudhateera,’’ jedhus TPLF garuu Addi Da’aarootti haleellaa kan raawwate mootummaa Ertiraati jedheera.

Mootuummaan haleellaan Fulbaana 17 raawwate iddoowwan meeshaalee waraanaa kuufaman irratti kan xiyyeeffatedha jedhan. Humnoonni TPLF garuu kan ajjeefaman namoota nagaadha jedhaniiru.

Haleellaa sanaaniis yoo xiqqaate namoonni ja’a ajjeefaman hojjetaan tola oolaa tokko BBCtti himeera.

Haleellaa Fulbaana 25 raawwateen namoonni miidhaan irra gahe waraana marsaa sadaffaaf ka’ee baqatanii buufata buqqaatota jiranirratti dha jechuun hojjetaan UN BBCtti himaniiru.

Waraanichi bakkeewwan itti gaggeefamaa jiru keessaa Addi Hageraay, Tselimooy, Dedebit, Shiraaroo fi Asgedee keessaa warra baqatee bahedha.

Naannoo kanatti dahoo yeroof qophaa’e keessa kan jiran gara buqqatota kuma 300 tahu.

Hojjetaan dhaabbata gargaarsaa kun akka jedhanitti naannoo haleellaan qilleensarraa raawwatetti sochiin waraanaa homtuu hin turre.

Waraana marsaa sadaffaaf ka’e

Ji’a Hagayyaa bara 2014 keessa waraanni Kaaba Itoophiyaa deebi’ee ka’uun naannoo Tigiraayiifi daangaa Amaaraatti waraanni hamaan gaggeeffama atureera.

Humni waraanaa Itoophiyaas xiyyaara nam-maleessa[ diroonii]dhaan deeggaramuun magaala Maqalee fi naannoo ishee irratti haleellaa gaggeessaa turaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa garuu namoota nagaa osoo hin miidhiin of eeggannoodhaan buufata waraanaa irratti xiyyeeffachuun raawwatame jedhan.

Humnootni TPLF garuu haleellaa mootummaa Itoopiyaa fi Ertiraa taasisan namoota nagaa irratti xiyyeeffachuunidha jedhu.

Haleellaa kaleessa raawwachuun namoota nagaa galaafate jedhu kan dhagahame finciltootni kunneen Afrikaa Kibbaatti marii nagaaf taa’u jedhamee eyeroo eegamaa turettidha.

Gamtaan Afrikaa qaamoleen wal waraanan lamaan dhuma turban kanaatti Afrikaa Kibbaatti marii nageenyaaf akka taa’an waamicha taasiseera.

Mootummaan Itoophiyaas waamicha Gamtaan Afrikaa marii nagaaf taasise kana fudhateera.

Gma TPLF’n garuu waamicha marii nageenyaa dhiyaateef ilaalchisee waanti dhagahame hin jiru.