Abiddi saafaa Meediteraaniyaan namoota kumaatama qe'eerraa buqqise

hojjetaa abidda dhaamsu

Madda suuraa, EPA

Firaans namoota 16,000 abiddi saafaa Kibba-Lixa biyyattiitti boba'aa jiru miidhaa irraan gahuu mala jette qe'eerraa godaansiteetti.

Abiddi kun gara biyyoota Awurooppaa biroo akka Ispeen, Kirooshiyaa fi Giriisitti kan babal'ate yoo ta'u, Ispeen namoota 3200 naannoo gaarren Mihaas jiraatan qe'ee isaanii gadi dhiisanii akka bahan gootee jirti.

Poorchugaalitti abiddichi ammaaf to'annoo jala oolfameera.

Abiddi kun ho'a hamaa biyyoota Awurooppaa kanneen keessa jiruun qabate. Sababa ho'a kanaan Ispeen fi Poorchugaal keessatti guyyoota darban namoonni 1000 du'uun gabaafamee jira.

Abiddi Ispeen naannoo gaarreen Mihaas keessatti boba'aa jiru wiirtuu turiistotaa kan taate Maalaagaa irraa fagoo miti. Ispeen yoo xiqqaate bakkeewwan biroo sadiittis abiddi boba'aa jira.

Maalaagaa kan jiraatu Eelan Makurdii Rooyitarsitti yoo himu: "waanuma muraasa nu barbaachisan harkatti qabannee baqanne, yeroo kanatti namni hunduu karaarra ture, baqachaa ture... ambulaansotaafi konkolaataa abiddaa hedduutu ture," jedhe.

Guutummaa naannoo Meediteraaniyaanii gama Lixaan Morookoo dabalatee ho'a hamaatu jira. Kanarraa ka'ee mukkeen waan goganiif salphaatti abiddaan qabatu.

Ho'i hamaan jijjiirama qilleensaa dhala namaan dhufuun tumsamee irra deddeebiin uumamaa jira. Jabinni isaa fi yeroon turtii isaas cimaa jira.

Kibba Firaansitti Dilbata darbe teempireecharri digirii seentigireedii 41 gahee akka ture tajaajilli raaga haala qilleensa biyyattii himeera. Wiixata ammoo ho'i olaanaan akka galmaa'u eegama.

Poorchugaalitti teempireecharri dhiyeenya digirii seentigireedii 47 gahee ture. Amma dura abiddaan lafti heektaara 30,000 tahu barbadaa'ee jira.

UK keessattis Wiixataa fi Kibxata ho'i olaanaan digirii seentigireedii 41 gahuu ni eegama. UK keessatti waggaa waggaan namoonni 2000 ta'an ho'a hamaan wal-qabatee lubbuu dhabu.

Lixa Meediteraaniyaaniin kan argamtu Morookoon namoonni 1,300 qe'ee isaaniitii akka bahan ajajjee jirti. Abidda Kaaba biyyattii keessatti boba'aa jiru dhaamsuufis hojjettoota ergiteetti.

Giriik, Kirooshiyaa fi Tarkii keessattis hojjettoonni abidda dhaamsan abiddaan wal'aansootti jiru.