Qarshii maxxansuun maali? Qaala’insa jireenyaaf furmaata tahuu danda'a?

Madda suuraa, Getty Images
Biyya tokko keessa hammi qarshii socho'uu guddina oomishtummaa biyya keessaa waliin wal-gituu akka qabu qorannoon diinagdee ni hubachiisa.
Itoophiyaa keessa qaala'insa jireenyaa yeroodhaa yerootti dabalaa jiru hir'isuuf qarshii maxxansuun furmaata taha jechuun miidiyaa hawaasaa dabalatee karaa garagaraa kanneen falmii dhiyeessan jiru.
Qaala'insi jireenyaa kan mudatu yeroo dhiyeessi qarshii biyya tokkoo oomishtummaa diinagdee biyya tokkoo ol tahu dha.
Gama biraan qaala'insi gatii to'annoo ala tahee guddinnisaa akkaan gaafa dabalu immoo rakkoon diinagdee 'hyperinflation' jedhamu uumama.
Yeroo baayyee qaala'insi gatii hammisaa parsantiidhaan ji'atti harka 50 ol yoo tahu, waan dhalatu dha.
Maallaqni humni waan bituu danda'uusaa gaafa jabaachaa deemuufi gatiin miyaa fi tajaajilaa hir'isaa adeemummoo haala diinagdee, ''deflation'' jedhamutu uumama.
Itoophiyaan qarshii dabalataa yoo maxxansite qaala’insi gatii ni hir’isa moo ni hammaata? Ogeessota diinagdee dubbisneerra.
Qarshii maxxansuu
Biyyoonni garagaraa nootii baankii biyyasaanii biyya alaatti maxxansanii gara biyya isaaniitti geejibu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fakkeenyaaf bara 2018 Indiyaan qarshii biyyattii Chaayinaatti akka maxxansitu yeroo beeksistu lammiileen biyyattii mormii dhageessisaa turan.
Laayibeeriyaanis waggaa afur dura qarshii doolaara miiliyoona 104 baasu biyya alaatti maxxansite gara biyya yeroo galu bade jedhamuun ijoo dubbii tahee ture.
Biyyoonni akka Ameerikaa diinagdeen isaanii jabaataa tahe qarshii biyya keessatti akka maxxansaniif dirqama qabu.
Dhaaboti qarshii maxxansan baayyeen Awurooppaa fi Ameerikaa jiru.
Fakkeenyaaf saantimni amma Itoophiyaan fayyadamtu Kaanaadaa keessatti akka tolfamu amanama.
Qarshii maxxansanii gabaa keessa tamsaasuun yeroo akkamii hojiirra oola waan jedhu ogeessa diinagdee gaafanneerra.
Tewoodiroos Mokonnoni(PHD) dhaabbata 'International Growth Center'tti' bakka bu'aa Itoophiyaati. Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaas gorsaan tajaajilu. Kana malees barruu diinagdee Itoophiyaa, 'Ethiopian Journal of Economics'tti hogganaa dha.
Walummaagalatti, baankiin biyyaalessaa biyya tokkoo qarshii haaraa maxxansuun gabaa keessa yeroo tamsaasu qarshiin maxxanfame jenna jedhu Dr Tediroos.
Haala qabatamaa Itoophiyaadhaan, ''Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa mootummaadhaaf liqaa gaafa kennuu ykn gatii qabeenyaa maallaqatti geeddaruun baankiiwwaniif yeroo kennu qarshiin haaraa gara gabaatti galaa jira jenna,'' jedhu.
Qarshiin kuni kana dura maxxanfame kan kuufame ykn akka haaraatti kan maxxanfame tahuu mala jedhan.
Haa tahu malee ogeessi kuni akka hubachiisanitti qarshii maxxansuu osoo hin taane Baankii Biyyaalessaa irraa bahee gabaa keessa gaafa tamsa’u qaala'insi gatii kan dhalatu jedhu.
Baankileen biyyaalessaa kaayyoon Isaanii Inni guddaan diinagdee tasgabeessuu gatii taheef, hamma maallaqa maxxansanii kan murteessan miya tokko bituuf birriin hangam barbaachisa kan jedhu tilmaama keessa galchuudhaani.
Mootummaan Itoophiyaa gibira dabalatee galiiwwan kaanirraa akkasumas liqaafi deeggarsa irraa qarshii argatuun baasii irra oolcha. Haa tahu malee kuni hunid walitti ida'amee gahaa yoo tahuu baate Baankii Biyyaalessaa irraa liqeeffata.
''Mootummaan kallattiin Baankii Biyyalessaa irraa liqeeffate jechuun maallaqa haaraa gara gabaatti galchaa jira jechuu dha. Adeemsi kuni baay'annaan qaala'Insa gatii fida,'' jedhu Dr Teewodiroos.

Madda suuraa, Getty Images
Qarshii haaraa fi qaala'Insa jireenyaa
Ogeessonni diinagdee yeroo garaagaraatti BBC’n dubbise, ‘’maallaqa haaraa gara gabaatti galchuun bu’aan qabu daangeffamaa tahuufi inumaayyuu qaala’insa jireenyaa hammeessuurratti waliigalu,
Tashooma Tafarraa(PHD) ogeessa diinagdee fi Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaaa dha.
Biyyoonni qarshii maxxansuun waan haaraa tahuu baatus, akka barabaadan ka’anii maxxansuu hin danda’anii jedhu.
''Qarshii maxxansuun dhimma guddina diinagdee wajjin waan wal-simu tahuu qabaa, '' jedhu.
Akka hayyuun diinagdee kuni jedhanitti, ''qarshii maxxansuufi qaala'insi jireenyaa hariiroo kallattii tahe qabu.''
‘’Fakeenyaaf qarshiin maxxanfamu yoo baay’atu maallaqni gephii namaa keessatti baay’ata. Oomishaafi tajaajilli gabaa keessa jiru garuu murtaa’aa gaafa tahu, gatiin akka malee ol-ka’a,’’ jedhu.
Dr Tewoodiroos gama isaaniin, Itoophiyaa keessa qaala'insi jireenyaa kan hammaataa dhufe mootummaan Baankii Biyyaalessaa irraa qarshii gatii liqqeefatuuf jedhanii amanu.
‘’Biyya keenyatti haala nama gaddisiisuun mootummaan Baankii Biyyaalessaa irraa qarshii liqeefata jedhu. Qaala’insa gatii Itoophiyaa keessatti dhalatuuf sababiin tokko isa kana. Mootummaan baasii garagaraaf maallaqni haaraan gatii isa barbaachisuuf gara gabaatti gadhiifama.’’
Ogeessonni diinagdee dubbisne lameenuu hammi qarshii oomishaafi oomishtummaa waliin yoo wal-hin gitne qarshiin humni waa bituusaa gad-bu’aa, miyaa fi tajaajilli immoo qaalii tahaa adeemuu irratti waliigalu.
Qaala’insi gatii Itoophiyaa yeroo dhaa, yerootti akkaan dabalaa jira. Fakkeenyaaf bara 2021 %26 kan ture yoo tahu, bara 2022tti immoo %37 gaheera.
Dr Teedroos qaala’insi gatii Itoophiyaa keessa jiru gara ‘hyperinflation’ ykn qaala’insa gatii hammaataa tahetti geeddaramuu danda’a jedhu.
‘’Biyyoota baayyee keessa qaala’insa gatii 7-15 tahetu jira. Isayyuu addunyaan qaala’insa gatii olaanaa taheen yeoo raafamaa jirtu kanatti,haala kanaan gara qaala’insa hamaatti deemuun keenya hin hafu,’’ jedhu ogeessi kuni.
Dr Tashooman gama isaaniin, seenaa keessatti bara 1930’moota keessa biyyoonni dhihaa ‘great depression’ yookii immoo diinagdeen isaanii ‘rafee’ yeroo turetti qarshii maxxansuun dhiyeessii maallaqaa olaakaasanii turan jedhu.
Dhiyeessiin qarshii maallaqa qusatamu akka dabalu gochuun olkaasuun ni danda’ama qarshii maxxansuun qofa mitiii jedhu hayyuun kuni.
Bara sana biyyoota kunneen keessa rakkoo diinagdee lamatu walirra bu’ee ture jedhu. Innis, ‘’quucaruu dinagdee fi qaala’insa jireenyaati, ammas Itoophiyaa keessa rakkoo wal-fakkaataatu mudachaa jira, ‘’ jedhan.
‘’Qaala’insi jireenyaa %37 ol irra akka jiru gabaafamaa jira, diinagdeen keenyis hamma barbaadame guddachaa hin jiru, falmisiisaa tahus %6 dha guddachaa kan jiru,’’ jedhan.
Kanaaf qarshii maxxansanii dhiyeessii maallaqaa dabaluun diinagdee rafe dammaqsuun furmaataa yeroo gabaabaa fiduu danda’a taha , ‘’fakkeenyaaf hojii dhabdummaa hir’isuu mala,’’ jedhu.
Itoophiyaan qarshii maxxansuun akkamiin fayyadamuu dandeessi gaaffii jedhu kaasneefi jirra.
‘’Gaaffiin inni guddaa qarshiin maxxanfame maalirra oola kan jedhu dha,’’ jedhu.
Kana malees Itoophiyaa keessa qarshiin gabaa keessaa fi kan baankiiwwanitti qusatamu yeroo ammaa kana, ‘’birrii tiriiliyoona 1.3 gaheera,’’ jedhu Dr Tashooman.
Furmaatmni maali?
’'Qarshii haaraa gara gabaa galchuun karaa kamiiniyyuu qaala’insa gatii hin tasgabeessu. Qarshii funaanuun garuu qaala’insa kana daangessuu mala,’’ jedhu Dr Tedroos.
Mootummaan baasii isaaf maallaqa Baankii Biyyaalessaa irraa liqeeffachuu dhaabuu qaba jedhu hayyuun kuni.
‘’Mootummaan weerara Kooviid dabalatee rakkoon wal-xaxaa kan akka waraanaa yeroo isa mudateetti baasii dhiisuu mannaa gatiin qaala’uu wayya waan jedhu filateeti malee, qarshii haaraa gabaa keessa galchuun rakkoo qaala’ainsaa akka fidu wallaalee natti hin fakkaatuu,’’ jedhu.
Akka furmaataattis yaada ‘liquidity management’’ jedhamu kaasu. Kanas yoo hubachiisan Dr Teedroos, Baankiin Biyyaalessaa qarshii walitti qaba. Kana jechuun baankonni qarshii isaan irraa hafe baankichaaf haala dhalarraa bilisa taheen akka kennaniif taasisa.
‘’Haala kanaan maallaqani sirna gabaa keessa naanna’u hir’isaa jechuu dha. Gatii dhalaa olkaasuun namoonni qarshii baasuurra akka qusatan ykn kaa’an gochuun ni danda’ama. Kuni mala ittiin qaala’insa gatii ittiin to’annu keessaa tokko dha,’’ jechuun ibsu.
Oomishaafi oomishtummaa guddisuun garuu karoora yeroo dheeraati malee furmaata yeroo gabaabaa akka hin taane ogeessonni kunneen dubbatu.
Dr Tashooman, imaammata garagaraa tumuu, malaammaltummaa hir’isuu, hojii uumuu fi invastaroota hawwachuun qarshii maxxansuurra qaala’ainsa jireenyaa kana haala waarawaa taheen fura jedhu.
Dr Teedroos immoo,’’qaala’insa gatiif dursi ni kennama taanaan mootummaan baasii isaa hir’isuu qaba. Qarshii baankii biyyaalessaarraa liqeeffatu dhaabuun, baankichi immoo qarshii walitti qabuutu irra jiraata,’’ jechuun yaada furmaataa dhiyeessu.












