Qilleensi Somaaliiyaa ka’u attamiin Neeppaal’f rooba roobsiisa?

Oggeessoonni Meetiroloojii akka jedhaniitti, roobni waggaa waggaan wallakkeessa Waxabajjii irraa kaasee Neeppaal argattuu qilleensa Somaaliyaa irraa ka’uun kan wal qabatuudha.

Akka oggeessoota kanneeniitti, Neeppaal rooba argachuuf, jalqaba bubbeen Somaaliiyaadhaa bubbiisuu qaba. Achinis bubbeen sun karaa galaan Meeditiraaniyaaniifi Indiyaatiin gara kibba Eshiyaa seenu qaba.

Bubbeen kunis karaa yaa’aa Galaana Beengaal fi Galaana Araabiyaatiin Neepaaliif rooba geessa.

Akka oggeeyyiin meetirolojii ibsaniitti, jijjiramni kallattii qilleensi ittiin dhufuu jijjirama qilleensaa waqtii roobaa (monsoon) jedhamu fida. Jijjiramni akkasii sunis yeroo baayyee galaana irraa gara lafarrattii akkasumas lafarraa gara galaanaatti umamama.

‘‘Roobni Neeppaalli yeroo hunda bubbee kallattii baha-kibbaatiin seenuun irra caalaa, kutaa biyyattii bahaarraa gara lixaatti bubbiisuun,’’ jedhan Qajeelcha Qorannoo Bishaaniifi Meetirolojii biyyattiitti, ogeessi meetirolojitii olaanaanoo Shaantii Kaandeel.

Akka oggeettiin tun jedhaniitti, yeroo baay’ee roobni Neeppaal bahatti eegaluun gara liixaatti darba.

Jidduu galaanis waqtiin roobaa kun Neeppaaliitti, Waxabajjii eegaluun hanga Onkolooleessa 2tti guyyoota 112’f tura jedh odeeffannoon qajeelcharra argame.

Roobni kunis bara kanas Waxabajjii 14 kan eegale yoo ta’u, dhiibbaan bubbee kanaatiis biyyattii guutuu keessatti qaqabunsaa gabaafamu qajeelchichatti Kutaan Raaga Haala qilleensaa biyyatti ibse.

Akkasumas eddoowwan biyyattii garaa garaa keessatti rooba xiqqaadhaa hanga jidduu-galaa roobni akka itti fufu Jimaata tare raagni qilleensaa biyyattii mul’iseera.

Bubbeen Somaaliiyaa attamiin Neeppaaliif rooba roobsa?

Akka oggeettiin haala qilleensaa Kaandeel jettuutti, dhiibbaan qilleensaa olaanaan odoola Maadaagaaskar kan hemisfeerii kibbaa keessatti argamuu fi Galaana Indiyaa kan qarqara galaana Afriikaa kibba-lixaa irraa waqtii roobaatti wal jalaan gara kaabaatti qajeeluun, (equator) Kaaba lafaa qaqabuun, sababii dhiibbaa uumuutiin qilleensi himisfeerii kaabaa qaqabuun gara mirgaatti babal’ata.

‘‘Sababii dhiibbaa sochii qilleensa kanaatiin, Somaaliyaa dabalatee biyyoota Kaaba lafaarratti argaman keessatti roobni cimaan ni rooba,’’ jetti.

Bubbeen tibba waqtii roobaa uumamu kunis, Neeppaaliitti Somali Low Level Jetstream jedhamuun beekama. Kana jechuunis bubbee saffiisa olaanaa jechuudha.

"Bubbeen kunis Galaana Indiyaa qaqqaba waan ta’eef, sababii galaana irra bubbiisuuf, hurkaa bishaaniin ulfaatina argata,’’ jetti Kaandeel.

Meetirolojistoonnis qilleensi kunis erga Galaana Indiyaa qaqqabeen booda naannoolee lamatti qoodama jedhu.

Kallattiin qilleensaa attamiin jijjiramaa?

Kibba Eshiyaa keessatti baatiiwwan akka Bitooteessa, Ebla fi Caamsaa keessa dacheen baayyee ho’iiti. Garuu ammo daftee qabbanoofti.

Sababii galaanni dachiin wal qabate dafee saffiisaan kan ho’uufi kan qabannaa’u ta’ef jechas, qilleensi dacheefi galaana jidduu yaa’u wal fakkaataa ta’un tura.

Sababii dhiibbaan qilleensaa yoo hir’atuutti eddoowwan haalli qilleensaa keessatti ol ka’utti ammo, qilleensi gara naannoolee dhiibbaan qilleensaa xiqqaa ta’uutti yaa’a.

‘‘Dacheen wayita ho’iituutti, dhiibbaan qilleensaa gadaanaan dachee sanarratti umamuufi sababii dhiibbaa qilleensaatiin, qilleensa Galaana Arabiyaa irraa ni yaa’a’’ jedhu oggeettiin haala qilleensaa Kaandeel.

Sababii Neeppaal, Indiyaa fi Paakistaan kara Kaaba isaanitii gaara Himaalaayaa qoddataniif, garreen kunneenis qilleensi kibba irraa akka hin qilleensoofne danquun roobni akka roobu taasisu, jetti.

‘‘Qiileensi yaa’uu hin dandeenyees akkuma ol ka’uun qorraa adeema. Akkasumas qilleensichi kan bishaan (adeemsa hedduu keessa paartikiloota bishaanii ummate) heddu qabate waan ta’ef,innis gara roobaatti geedarama,’’ jetti oggeettiin tun.

Dhiibbaa isaa biyyoota Kibba Eshiyaatti jalqabaafi dhumasaatti mul’ata.

‘‘Gartokkeen Ardii Indiyaa galaana waliin daangaa dheeraan wal daangeessa. Akka ardii kanaatti biyyi biraa kan lafa goggaafi galaanaa naannoo dheeraa akkasi qabu addunyaa keessa hin jiru,’’ jedhan Yunivarsitii Tiraabhuvaaniitti Jiddugala Qajeelcha Hayidoroloojiifi Haala Qilleensaa, Gargaaraan Professaraa, Binood Pookaareel. "Sababii kanaatiif haalli rooba Kibba Eshiyaa adda kan ta’u.’’

Akka oggeessiitti haala qilleensaa Kaandeelitti, yoo haalli dhiibbaa qilleensaa gadaanaan dhiheenya Himaaliyaa ciisu, roobni Neeppaal keessatti cimuun Indiyaa keessatti gadaanaa ta’a.

Akkasumas wayita dhiibbaan qilleensaa gadaanaa jiddugala Indiyaarra qubatu, roobni Neeppaal keessaa ni laafa.

Ammatti qilleensi roobaa Neeppaal keessa galulleen, hanga turban tokkootti lixa Neeppaal hin qaqabne.

Maddi roobaa (monsoon) maal?

Akka gargaaraa Pirofesaraa Pookaareel jedhaniitti, yeroo roobni eegaluufi dhaabbatuutti, qilleensi kallattiiwwan faallaatti bubbiisuu eegala.

Jijjiramni kallattii qilleensaa waqtii gannaa qofatti osoo hin taane, tibba gannaattis yeroo qilleensi galaanaarraa gara dacheetti qilleensa’uutti roobni roobuu danda’a.

‘‘Dachiin saffisaan ho’iitee, saffiisaan qabbanoofti. Galaanni garuu erga ho’een booda suutaan qabbanaa’a. Sababii kanaatiin, yoo haalli qilleensaa dachiirra jiru ol ka’uutti qilleensi baayyeen galaana irraa gara dachiitti bubbiisa. Qilleensi galaanarraa ka’u jii’a baayye waan qabaatuuf, innis gara roobaattti geedarama’’ jedhan oggeessuun kun.

Tibba roobaatti dhiyeessitiin qilleensa bishaan -baatuu galaanarraa gara dacheetti bubbisuu waan adda hin cinneef, kunis qilleensa bonaa jedhamee beekama. Akkasumas waqtii gannaatinis rooba hordofsiisa.

"Tibba gannaatti sababii qilleensi dachee irraa gara galaanaatti bubbisuuf, bishaan suuta qabbanaa’a. Qilleensi dachee irraa ka’u ammo haalli jiidhaasaa gadaanaa waan ta’ef ammi rooba tibba gannaa roobu gadaanaa ta’a,’’ jedhu Pookaareel.

Akka oggeessa kanaatti sirni tibba gannaatti sirni biraa roobni akka roobu taasisu jira.

‘‘Waqtii gannaatti bubbeen Galaana Meeditiriyaanii irraa ka’u gara Neeppaal imaluun rooba uuma,’’ jedhu.

Karaawwan roobaa lama

Oggeessoonni meetroloojii akka jedhaniitti, bubbeen karaa Afriikaatiin Galaana Indiyaa qaqabu karaawwan lamaan Neeppaaliif rooba geessa.

Oggeessoonni kunneen akka jedhaniitti, Waqtiin roobbaa Neeppaal seenu irra caalaan kan kibba baha biyyattii gama suluula galaanaa Beengaaliin seenudhaan. Kan hafe ammoo, Gujiraatii kan Indiyaa keessatti argamu irraa ka’un, karaa Galaana Arabiyaatiin Neeppaal kan seenu yoo ta’u, innis karaa naannoo kibba lixaatiin Neeppaal qaqqaba.

Haala akkasiitiin qilleensi galaana irraa dacheettii bubbisuu jiidha baayyee waan qabuuf, qilleensi kunis akkuma naannawa qorraa qaqabuutti rooba hordofsiisa.

Kana malees ‘‘gaarreen duummeessa akka ol ka’an taasisuun isaanitiin alatti roobni akka roobu taasisu.’’

Akka oggeessoota haala qilleensaatti, Neeppaaliitti roobni %80 ta’u tibba gannaa rooba. Haata’u malee, lixi biyyattii garuu rooba %65 ta’u tibba bonaatti argata.

Haalli qilleensaa attamiin raagama?

Malli haalli qilleensaa ittiin raagamu haaluma waqtii isaatiin adda adaa jedhu oggeessoonni.

Kaandeel akka jettuutti, haala roobaa raaguuf haalli qilleensa addunyaafi naannichaatu qoratama.

Haaluma kanaanis, bara kana Neeppaal baayyiina roobaa kan durii gadii garuu haala ho’aa kan baramee olii akka qabbaatu raagame.

Kana malees haalli raagaa qilleensaa naannichaa xinxala ereegaa fi haala naannichaa fi sirnawwan haala qilleensa naannichaa qorachuun jetti Kaandeel.

Akka oggeettii tanaattis, muuxannoonni oggeessoota dame kanaas raaga haala qilleensaa gaarrii dhuyyeessuuf murteessaadha.