Jaalalleewwan herreega salphaan lotarii butanii doolaara mil. 26 mo'atan

Lootarii injifachuun abjuu nama hundaa ta'us hundaaf hin milkaa'u. Jaalalleewwan Ameerikaa kun garuu herreega salphaatti fayyadamuun abjuu kana milkeessanii jiru.

Beekumsa ariitimeetikii salphaa fi danbii lootarii xiyyeeffannaan hubachuun jaalalleewwan kana milkiin gaheera.

Jeerii fi Maarji Salbii waggoota 10 darban keessa yeroo gara garaa lootarii injifataniiru. Bara 2003 hanga bara 2012 jidduutti walumaagalatti doolaara miliyoona 26 mo'atan.

Iccitiin isaanii herreega ariitimeetikii salphaa yoo ta'u seera tokkollee hin cabsine. Jeerii Salbii akka jedhutti lakkoofsi abbaa carraa isa kam akka ta'e bira gahuuf daqiiqaa sadi qofa itti fudhata.

Seenaan ajaa'ibaa jaalalleewwan kanaa Hooliwuud gahee fiilmiin mata duree 'Jerry & Marge Go Large' jedhu seenaa isaanii bu'uura godhachuun hojjetamee ji'a darbe gadhiifameera.

'Ariitimeetikii bu'uuraati'

Jaalalleewwan kun jireenya isaanii guutuu magaalaa xiqqoo Evereet jedhamtu Michigaan keessatti argamtu keessa jiraatan. Waggoota dheeraaf galii suuqii xiqqoo karaa guddicha magaalattii qarqaratti argamturraa argataniin jiraataa turan.

Tasa bara 2003 wanti haaraan tokko ta'e.

Ijoollee jaha kan guddisan Jeerii fi Maarji suuqii isaanii kana gurguranii bara jireenya isaanii hafe akkamiin akka dabarsan yaaduutti osoo jiranii, gaaf tokko Jeeriin beeksisa lootarii arge.

Seera lotarichaa waraqaa xiqqashuu irratti maxxanfame erga dubbisee booda sammuu isaa keessatti herreega xiqqoo hojjetee, injifachuuf carraan guddaan akka jiru hubate.

"Ulaan arge" jedhe jeeriin gaaffii fi deebii TV Ameerikaa CBS jedhamu waliin bara 2019 taasiseen.

Lootaricha injifachuuf namni tokko lakkoofsa lootarii jaha wal fakkaataa argachuu qaba. Yoo namuu kana argachuu baate, badhaasni lootarichaa namoota lakkoofsa shan, afur fi sadi wal-fakkaataa argatan jidduutti qoodama.

Seera kanaan lootarii biroo nama injifate tokkichaaf qofa badhaasni kennamu caalaa carraan badhaafamuu bal'aadha.

Kanaaf tikeetii lootarii hedduu yoo bite achi keessaa carraa injifachuu tokko argachuu akka danda'u yaade Jeeriin.

Fakkeenyaaf doolaara 1,100 lootarii bituuf yoo oolche sana keessaa yoo xiqqaate carraa tokkicha lakkoofsa wal-fakkaataa afur qabu ittiin injifatu argachuu akka danda'u herreege.

"Tikeetii lakkoofsa wal-fakkaataa afur qabu badhaasa doolaara 1000 qabu tokkoofi tikeetiiwwan lakkoofsota wal-fakkaataa sadi sadi qaban kan tokkoo tokkoon isaanii badhaasa doolaara 50 qaban 18 argadhe" jechuun ibsa.

"Kanaaf doolaara 1,100 baasii godheen, doolaara 1,900 argadhe."

"Kun ariitimeetikii bu'uuraati" jedha Jeeriin.

Yeroo biraa doolaara 3,600 baasee lootarii hedduu bitee, achirraa doolaara 6,300 argate. Itti fufee doolaara 8,000 baasee dachaa isaa irraa argate.

Kana booda ture Jeeriin dhimmicha haadha warraa isaa Maarjiitti himuuf kan murteesse.

Jaalalleewwan waliin ta'uun doolaara kumaatama baasuun dhaabbata kanarratti hojjetu hundeessan.

Yeroo booda qooda ykn sheerii dhaabbata isaanii tokko doolaara 500tti gurguruun namoota hedduu ofitti dabaluu eegalan.

Qonnaan bultootaafi ogeeyyii seeraa magaalaa Evereet hedduu ofitti dabaluun maallaqa hedduu baasanii lootarii bituu eegalan. Bu'aan isaan irraa argatanis akkasuma dabalaa deeme.

Badhaasa gurguddaa injifatan keessaa tokko badhaasa doolaara 853,000ti.

Kanaan osoo jirani lootariin isaan taphatan kun Michigaan keessatti dhaabbate. Haata'u malee lootariin wal-fakkaataan isteeta Maasaashuseets keessa akka jiru hiriyaan isaanii tokko gurra isaan buuse.

Waggoota jahaaf kiiloomeetira kumaatama imaluun isteetota Ameerikaa jaha qaxxaamuranii Michigaan fi Maasaashuseets jidduu deddeebi'uun lootarii kana taphachaa turan.

Waggaatti yeroo torba, tapha tokkoof doolaara 600,000 baasu.

Amma nama ganna 80 kan ta'e Jeeriin guyyoota 10 hoteela keessa turuun guyyaatti sa'aatii 10 tikeetii lotarii adda baasuuf hojjetaa akka turan yaadata.

Waan seera cabsu godhan qabuu?

Imalli lootarii jaalalleewwan lamaani bara 2012 qorannoo gaazexaan Boostan Giloob jedhamu taasiseen namoonni lootarii baay'inaan bitaa jiraachuu saaxiluu hordofee xumurame.

Haala kanaan lootarii baay'isanii bituun kan taphatan jara kana qofaa hin turre. Barattoonni Inistiitiyuutii Teekinoolojii Masaashuuseets (MIT) haaluma wal-fakkaatuun kana gochaa turan.

Haata'u malee mootummaan akkaataa jarri kun ittiin lootarii bitanii abbootii carraa ta'an erga sakatta'ee booda, wanti seera cabsu isaan godhan akka hin jirre mirkaneesse.

"Jalqaba kan yaadame, yakki qindaa'aan guddaan tokko ykn malaammaltummaan adeemsa tapha lootarichaa keessa akka jiru ture" jedha qondaalli poolisii dhimmicha qorataa ture Gireeg Sulivaan.

"Jarri kun seera osoo hin cabsiin herreega salphaan doolaara miliyoona hedduu buufachaa akka turan yoon baru hedduu na ajaa'ibe" jedhe.

Akki jaalalleewwan Salbii ykn barattoonni MIT itti lootarii kana taphatan kan hojjetu yoo namni lakkoofsa wal-fakkaataa jahaanuu argate hin jirre qofaadha.

Ammatti Ameerikaa keessatti taphni lootarii akkanaa dhorkamee jira.

Haata'u malee jaalalleewwan Salbii dursanii doolaara miliyoona hedduu kuufatanii jiru. jeeriin akka jedhutti baasii isaanii fi gibiraa irraa kan hafe doolaara miliyoona 8 argatan.

Kanaanis mana matii isaanii haaromsiisanii ijoollee isaanii jahaa fi ijoollee akaakayyuu 14 akkasumas ijoollee akaakilee 10 ittiin guddisanii jiru.

Hunda caalaa adeemsi isaa gammachiisaa akka ture himu. Hooliwuudiif galatni haata'uutii beekamtiis ittiin argataniiru.