Olompiyaakoos garee jalqabaa Giriik dorgommii Awurooppaa injifate ta'e

Olompiyaakoos waancaa Koonferensi Liig injifate

Madda suuraa, Getty Images

Olompiyaakoos dorgommii kilabootni Awurooppaa irratti hirmaatan keessaa tokko isa ta'e Koonferensi Liigii injifachuun seenaa haaraa galmeesse.

Taphni xumuraa Roobii galgala Ateensitti godhame yeroo jaha xumuraaf kan qaqqabe Fiyoorentiinaafi Olompiyaakoos walitti fide.

Olopmiyaakoos yeroo jalqabaaf xumuraaf gahee waancicha yeroo injifatu seenaa kubbaa miilaa Giriik keessatti kilaba jalqabaa ta'eera.

Taphataan lammii Morookoo El Kaabii daqiiqaa 116ffaarratti goolii addaan dhahee galchetu goota Olompiyaakoos isa godhe.

El Kaaabii dorgommii kanarratti gareesaaf goolii 11 lakkoofseera.

Taphni garee lamaanii daqiiqaa 90 keessattii goolii malee erga raawwatee booda daqiiqaa dabalataa kenname keessatti gooliin injifannoo Olompiyaakoos mirkaneesse argame.

El Kaabiin tapha walakkaa xumuraarraa Astoon Viilaa waliin godhan irratti goolii shan lakkoofsisee dinqisiifannaa argatee ture.

Olompiyaakoos Astoon Viilaa dhaqaa galaan 6-2 injifatee tapha xumuraa kanaaf gahus Fiyoorentiinaatu tilmaama waancicha injifachuu argatee ture.

Seenaa kubbaa miilaa Giriik keessatti gareen dorgommii Awurooppaarratti waancaaf dhiyaate inni biraan Panaatiniyaakoos yoo ta'u, bara 1971 Ayaaksiin injifatamee waancicha dhabeera.

Olompiyaakoosiif seenaa haaraa kan barreesse dargaggeessi ganna 30 lammii Morookoo El Kaabii, kubbaa miilaan milkaahuuf Morookoorraa ka'ee Chaayinaa, Turkiifi Kataarirra erga naanna'ee booda amma Giriikitti abbaa seenaa ta'e.

Taphattootni Afrikaa bara kana gareewwan Awurooppaa milkaahan keessatti gahee olaanaa bahuun maqaan isaanii leellifamu baayyateera.

Guyyoota dura tapha xumuraa Yirooppaa Liig Atilaantaafi Baayer Liverkusan taasisan irratti taphataan Naayijeeriyaa Lookman haatrikii hojjechuun Atilaantaan yeroo duraaf waancicha akka injifatu gargaareera.

Dhalataan Naayijeeriyaa kan biraan Viktoor Bonifees ammoo gareesaa waliin yeroo duraaf Bundasliigaa Jarman injifate.