Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US, Maayik Haamer, Itoophiyaa daawwachuuf

Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US, Maayik Haamer, Itoophiyaa daawwachuuf

Madda suuraa, EVENT BRIT

Ergamaan Addaa Ameerikaa kan Gaanfa Afriikaa Ambaasaadar Maayik Hamar tibbana Itoophiyaafi Yugaandaa daawwachuuf ta’uu Waajjirri dhimma alaa biyyattii beeksiise.

Akka ibsa kanaatti Ambaasaadar Maayik Hamar Amajjii 17-24tti biyyoota lamaan kan daawwatan yoo ta’u, Kaampaalaattis walgahii ariifachiisaa 42ffaa IGAD kan dhimma wal waraansa Sudaaniifi dhimma muddama Itoophiyaafi Somaaliiyaa irratti mari’atu irratti ni argamu.

Haata’u malee BBCn addatti mirkanneeffachuu baatulleen, mootummaan Itoophiyaa ibsa baaseen sababii ‘‘dhiphina yerootiin’’ walgahii IGAD kanarratti hirmaachu akka hin dandenye ibsuun himameera.

Ameerikaan kaka’umsa dippilomaasii IGAD kana himuun, US haaluma daangaa bara 1960n birmadummaa fi tokkummaa daangaa Riippabliika Federaalaa Somaaliyaatiif beekkamtii kan kennitu ta’uu himte.

Walgahii Kaampaalaa kanaan booda Ambaasaadar Hamar gara Itoophiyaatti kan imalan ta’uu ibsichi eereera.

Maayik Haamer rakkoo nageenyaa fi siyaasaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessaa mariin akka furamuu qabu qondaalota Itoophiyaa waliin ammas marii gochuuf akka imalan himameera.

Miidhaan lammiilee nagaarra gahu akka dhaabbatuu fi mirgi namoomaa akka kabajamuuf marii taasisu.

Marii mootummaa Itoophiyaa fi WBO Taanzaaniyaa magaalaa daaresalaamitti taa'ame irratti kan hirmaatan Maayik haamer hanga Itoophiyaatti nagaan dhufutti biyyi isaanii deeggarsa gochuu hin dhaabdu jedhanii ture.

Marichi yeroo dheeraa akka gaafatu kan himan Haamer, ammas nageenya Itoophiyaa ilaalchisuun qondaalota mootummaa waliin marii taasisu akka ibsa US kanaatti.

Dabalataan Haamer qondaalota Itoophiyaa waliin waliigalteen waraana dhaabuu waraana Kaaba Itoophiyaa mallattaa’e akka hojiitti hiikamaa deemu, loltoota hidhannoo hiikkachiisuu fi hawwaasatti makuun akka itti fufuu fi miidhamtootaaf adeemsi haqa yeroo ce’umsaa akka gaggeeffamu marii taasisu jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimmi ijoo marii IGAD gara biraan waraana Sudaan yoo tahu, bulchaan Sudaan Abdel Fattaa al-Burhaanii wal gahii kana irratti akka hin argamne ibsaniiru.

Hogganaan garee Humna Dafee Dhaqabaa [RSF] Mohaammad Hamdaan Dagaaloo garuu wal gahicha irratti ni hirmaatu jedhame.

Dagaaloon dhiyeenya biyyoota Baha Afrikaa irra deemuun daawwannaa fi marii gaggeessaa ture.

Daawwannaan Dagaaloo fi wal gahii IGAD irratti afeeramuun isaa bulchaa biyyattii sababa waraanichaan Kaartumii bahuun teessoo isaanii Posrt Sudaan godhatan Al Burhaan dheekkamsiiseera.

Al-Burhaan sababa Kanaan hariiroo garee mariisistootaa IGAD waliin qaban adda kutuu ibsaniiru.

Waraanni Sudaan gaggeessitoota waraanaa lamaan gidduutti ka’e kun lubbuu namoota 12,000 ol galaafateera.

Lammiilee Sudaan miliyoona torbaa ol ammoo sababa waraana Kanaan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Maayik Hameer waraanni Sudaan akka furamuu fi dhimmoota Gaanfa Afrikaa muddama uuman karaa dippilomaasii akka furamaniif qondaalota mootummaa miseensota IGAD tahan waliin mari’atu.

Deeggarsi namoomaa danqaa malee akka dhaqqabu, aangoon karaa dimokiratawaa akka darbuu fi miidhamtootaaf itti gaafatamni jiraachuu akka qabu gaggeessitoota waliin mari’atu jedha ibsichi.

Sudaan erga pirezidaantiin duraanii biyyattii Omar al- Bashir aangoorraa fonqolchamanii nagaa argattee hin beektu.