Maayik Hamar walitti bui'insi Oromiyaafi Amaaraa keessa jiru akkaataa mariin furamurratti dubbachuuf Itoophiyaatti imaluuf

Maayik Hamar

Madda suuraa, EVENT BRIT

Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa kan ta'an Maayik Amar walitti bu'insawwan naannolee Oromiyaafi amaaraa keessatti deemaa jiran mariin akkaataa furamuu danda'anirratti dubbachuuf gara Itoophiyaatti imaluuf jiru.

Ergamaan Addaa kun A L I Wixata Hagayya 22,2015 irraa kaasee hanga Qaammee 03, 2015tti Keeniyaafi Itoophiyaatti guyyoota kudhaniif akka turan Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiseera.

Turtii isaa Itoophiyaatti taasisuun adda-durummaan dhimmoonni kaasu keessaa walitti bui'insawwan naannolee Oromiyaafi Amaaraatti gaggeeffamaa jiran karaa nagaatiin furmaata akkaataa argachuu danda'urratti aanga'oota dhimmi ilaallatu waliin kan mariyatan ta'a.

Waliti bu'insawwan naannolee lamaan keessatti itti fufanii jiraniin namoonni nagaa baayyeen ajjeefamuufi madaa'uun himamaa kan jiru yoo ta'u, Ergamaan Addaa kunis eegumsi namoota nagaaf taasifamu barbaachisaa ta'uu isaarratti aanga'oota Itoophiyaatiif akka kaasu gabaasni Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa baase ni mu'isa.

Ergamaan Addaa kun osoo gara Ardittiitti imala hin taasisiin dura walitti bu'insawwan naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti mul'achaa jiran karaa nagaa fala akka argatan akkaataa Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa gargaaruu danda'amurratti aanga'oota Gamtichaa waliin mariyatee ture.

Maayik Hamar turtii A L I Hagayya 13 hanga 20, 2015tti biyyoota Awurooppaa keessaa Siwiidiniifi Biraaselsitti taasisaniin, aanga'oota Gamtaa Awurooppaa waliin walitti bu'insawwan nananolee lamaaniitti dabalee Waliigalteen Piritooriyaa carraaqqii waloo guutummaatti hojiirra oolchuu taasifamaa jirurratti mariyataniiru.

Ji'a Ebla gara dhumaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti mariin nagaa biyya Tanzaaniyaa Odola Zaanzibaar irratti gaggeeffamee ture 'dhimmoota ijoo muraasarraa kan hafe wantota heddurratti wal-hubannon uumamuu' gareen lamaanuu ibsanii ture.

Qaamoleen lameen marii jalqabaa taasisaniin booda ibsa qofaa qofaatti baasaniin marsaa jalqabaan wal hubannaan gaarii jiraachuu himuun, garuu fuulduratti mariin nagaa itti fufuu akka qabu waliigalteerra gahuu ibsaniis ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u malee, marii nagaa marsaa duraa taanzaaniyaatti gaggeeffameen booda walitti bu'insi naannoo Oromiyaa keessa ture itti fufeera. Mariin gara fuula duraatti gaggeeffama jedhamee irratti waliigalames hanga ammaatti kan hin gaggeeffamiin jiru qofa osoo hin taane yoomiifi eessatti akka ta'e wanit beekameeru hin iru.

Walitti bu'insa naannoo Amaaraa keessatti raayyaa ittisa biyyaafi hidhattota Faannoo gidduutti deemaa jiru mariin furuudhaaf carraaqqiin taasismaa jiraachuu ammoo ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon torban lama dura beeksisee ture.

Maayik Hamar waliigaltee Nagaa Piritooriyaa ji'a 11 dura mallattaa'ee waraana Tigraay waggaa lamaaf ture dhaabsise raawwiin isaa maal akka fakkaaturrattis aanga'oota waliin dubbachuuf jira jedhameera.

Ergamaan Addaa kun turtii isaa biyyoota kanneen keessatti guyyoota kudhaniif taasisuun aanga'oota Keneyaafi Itoophiyaa, Gamtaa Afrikaa, IGAD fi jaarmiyaaleen idil-addunyaa biroo waliin wal arguun ni mariyata.

Wal waraansa Sudaan raasaa jiru hordofee rakkoo dhalateefi waraanicha dhaabsisuudhaaf carraaqqii naannichaafi sadarkaa idil-addunyaatti taasifamaa jiru, barbaachisummaa bulchiinsa dimokiraatawaa uumuufi iti-gaafatamummaan akka jiru taasisuurratti aanga'oota gara garaa waliin ni dubbata.

Maayik Hamar turtii isaa Awurooppaatti taasiseen walitti bu'insa Sudaan keessa jiru ilaalchisuun aanga'oota Gamtaa Awurooppaa waliin mariyateera.

Maayik Hamar yeroo Awurooppa aturetti Torban Bishaanii Istookoolmitti gaggeeffamerrattis hirmaateera.

Marii Dhaabbata Nagaafi Qorannoo Idil-addunyaa Istookoolmiin qophaa'erratti waa'ee Hidha Haaromsaa Abbayaa biyyoota sadan-Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan atakaaroo keessa galche ilaalchisuun namoota dubbatan keessaa tokko ture Maayik Hamar.

Ameerikaa bakka bu'uudhaan waa'ee Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaa kan hordofu Maayik Hamar, bulchiinsi bishaanii, itti-fayyadamniifi waliin ga'insa waliin walqabsiisuun waliigalteewwan jiran nagaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaaf gahee kan jedhurratti marii taasisuu isaa odeeffannoon ministeera dhimma alaa Ameerikaarraa argame ni mul'isa.

Mariin dhimma guutinsa bishaaniifi oppireeshinii isaarratti waliigaltee dhaabbataa irra osoo hin gahiin waggootaaf tureera. Hagayya 27, 2023 garuu biyyoonni sadan Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan deebiyanii marii jalqabaniiru.

Mariin kun ministiroota bishaanii biyyoota sadeenii gidduutti magaalaa Kaayirootti kan gaggeeffame yoo ta'u, marsaa itti-aanutti ammoo Itoophiyaatti gaggeeffama jedhameera.