Lolli cimaan dhihootti adeemaa jiru hospitaala Gaazaa danqe

Hospitaala Gaazaa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Hojjettoonni hospitaala Gaazaa guddicha akka himanitti daandiilee dhiyoo jiranitti lolli cimaan waan jiruuf dhukkubsatoonniifi baqattoonni hospitaalicha keessatti haala hamaan danqamanii jiru.

Ogeessi wal’aansa baqaqsanii hodhuu hospitaala Al-Shifaa akka BBC’tti himanitti hospitaalichi bishaan, nyaataafi tajaajila elektirikii hin qabu.

Isra’eel naannichatti Hamaas waliin wal loluu himtuus hospitaalicha irratti garuu hin dhukaasne jette.

Ogeessoti fayyaa daa’imman wal’aansarra turan lama du’uun 37 ammoo yaddoo keessa jiraachuu erga himanii booda Isra'eel guyyaa Dilbataa daa’imman gara “hospitaala nageenya foyya’aa qabu” geessuuf akka gargaartu himteetti.

BBC’n suuraalee Al-shifaatti yoo xiqqaatee daa’imman 20 reefu dhalatanii kutaa wal’aansaa keessa jiranii mul’isan argateera.

Tajaajilli elektikaa waan hin jirreef wal’aansi addaa daa’immaan reefu dhalatanii hojjechaa hin jiru kanaaf daa’immaan kunneen lubbuun isaanii darbuu danda’a jechuun ogeessoti fayyaa akeekkachiisaniiru.

Lolli dhiyeenya waan jiruf, dhukkubsattoonni dhiyeenya wal’aansa baqaqsanii yaaluu argatan achi baafamu akka hin dandeenye, akkasumas namoota du’an awwaaluun waan hin danda’amneef reeffi bakka tokko walitti qabamaa jirachuu gabaasaleen ni himu.

Namootni kumaatamaan lakkaa’aman hospitaalaa Al-Shifaa keessa da’atanii jiru jedhamee yaadama.

Humni Ittisaa Isra’eel (IDF) irra deddeebiin Hamaas holqa hospitaalicha jala jiru keessa sosso'aa jira jechuun himateera, Hamaas kana ni haala.

Sagaleen dhukaasaafi boombii “sakandii hundatti” hospitaala Al-Shifaa keessatti ni dhaga’ama jechuun ogeessi baqaqsanii hodhuu Marwaan Abuu Saadaa BBC’tti himaniiru.

Yaalii isaan namoota du’an awwaaluuf taasisan sababa lola naannicha jiruun hin milkaa’iin hafuus dubbatan.

“Sababa reeffa kunneeniin tatamsa’inni dhibeewwani kamuu akka uumamu hin barbaadnu” jedhan.

Dabaluunis, janareetarri boba’aa waan fixeef firiijiin kutaa reeffaa hojjechaa hin jiru jedhaniiru.

Gartuun hakiimotaa, ogeessota Fayyaa Mirga Namoomaaf Isra’eel jedhamu, sababa elektirikiin hin jirreef daa’immaan yeroo malee dhalatan lama lubbuun isaanii darbeera jedhe.

“Daa’immaan yeroo malee dhalatan 37 biroon lubbuun isaanii yaaddoo keessa jira” jechuun gartuun kun akeekkachiiseera.

Daa'immaan baqachiisuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isra’eel uggurri Al-Shifaarra ka’ame hin jiru jechuun kanneen ba’uu barbaadaniif gama baha hospitaalichaa karri baname akka jiru ibsite.

Dubbii himaan waraana Israa'el Admeraal Daani’eel Hagaarii, Isra’eel guyyaa Dilbataa “kanneen kutaa wal’aansaa daa’immanii keessa jiran gara hospitaala nageenya fooyya’aa ta’etti dabarsuuf” ni gargaarti jedhaniiru.

Murteen kun kan taasifame gaaffii bulchiinsa hospitaalicharra dhiyaateeni jechuun, Isra’eel “gargaarsa barbaachisu ni kenniti” jedhan.

Dr Abu Saadaa daa’imman kun wal’aansa addaa, meeshaa lubbuu isaani tursuufi meeshaa haafura ittin baafatan isaan barbaachisa jedhu.

“Daa’imman kun haala kanaan yoo asitti isaan dhiifne akka isaan du’aniif eeyyama jirra jedheen sodaadha… kunneen daa’imman yeroo malee dhalatanidha,” jechuun BBC’tti himaniiru.

Dhaabbileen gargaarsaa idil addunyaa dhukkubsattoonni hospitaalota Gaazaa naannawa lolaa jirani sababa hanqina tajaajila meedikaalaan du’uu malu jechuun akeekkachiisaniiru.

Itti aanaan qindeessaa meedikaalaa Doctors Without Borders akka BBC’tti himanitti, yoo dhukaasni hin dhaabbanne, “dhukkubsattoonni hospitaalota kunneen keessa jiran hundi ni du’u, hospitaalotni kunis gara lafa awwaalchaatti geeddaramu.''

Waldaan Addeessa Diimaa Filisxeem, hojjetoonni isaanii dhukkubstoota 500 fi namooota qe’ee isaanirraa buqqa’an 14,000 waliin hospitaala Al-Quds keessatti danqamanii jiru jedhan.

Hospitaalota Gaazaa isa xiqqaa keessa tokko kan ta’e, Al-Rantisi keessa namni baay'een baqatuus, dhukkubsatoonniifi hojjetoonni muraasni ammallee achitti hafaniiru.

Gaazaan jiraattota miiliyoona 2.2 qabdi. Erga waraanni kun eegalee garuu namootni miiliyoona 1.5 ta’an qe’ee isaaniirra buqqa’uu, Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti dhaabbati baqattoota Filisxeem (UNRWA) ibseera.

Onkololeessa 7 irratti Hamaas daangaa Isra’eel ce’uun namoota 1,200 ta’an ajjeesuun 200 ammoo butee fudhateera.

Israa’el ammo haleellaa Gaazaa keessatti gaggeessiteen namootni 11,000 ol ajjeefamaniiru. Kanneen keessaa 4,500 ol daa’immanidha jedheera Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu.

Pirezidantiin Faransaay Imaanu’eel Makroon turtii BBC waliin taasisaniin, Isra’eel dubartootaafi daa’imman Gaazaa ajjeesuu dhaabuu qabdi jedhaniiru.

Maakroon dhukaasi akka dhaabbatuuf gaafachuun, US fi UK dabalatee hoggantoonni biyyoota biroo wamicha walfakkaataa akka taasisan abdii qaban ibsan.