'Aangoo to'achuuf naannoleerraa godaansi gara Finfinnee taasifamaa jira'- Aadde Adaanach Abeebee

Madda suuraa, Addis Ababa City
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee magaalaa aangoo qabachuuf imalli gara Finfinnee taasifamu jira jechuun himan.
Aadde Adaanach kan kana jedhan guyyaa Kibxataa gabaasa raawwii hojii bulchiinsa isaanii miseensota mana maree magaalattiif dhiheessanitti.
‘’Humnaan aangoo qabachuuf naannolee tokko tokkorraa gara Finfinnee godaansi taasifamaa jira,’’ jedhan Aadde Adaanach.
Aadde Adaanach sochii kanaan mootummaa ummataan filame humnaan buusuufi magaalattii to’achuuf socho’aa jiru jechuun himatan.
Kanaanis bulchiinsa isaanii rakkoon akka mudate miseensotatti himan. Aadde Adaanach bakkee namoonni kuni dhufan jedhan ifatti hin dubbanne.
Haa ta'u malee, qondaalli magaalattii biroo dhimmi nageenyaa kallattiin isaan ilaallatu naannolee sadii eeran.
‘’… godaansi olaanaa naannolee tokkorraa gara Finfinnee taasifamu,’’ walitti bu’iinsaaf madda ta’aa jira jechuun Aadde Adaanach himan.
Magaalaa Finfinnee keessatti yeroo kabaja ayyaana Aduwaa dabalatee hokkaraafi muddama dhalateen lubbuun darbeera.
Poolisiin ayyaanichaan walqabatee namoota to'ate keessaa 'gara caalu bakkee birootii' kan dhufanidha jedhee ibsee ture.
Lammiileen Naannoo Amaaraa gara magaalaa Finfinnee akka hin imalle dhorkamuu ibsaas turani.
Aadde Adaanach godaansi jira jechuun ibsuu isaanii hordofee paartileen siyaasaa qeeqan jiru.
Dhaabi ABIN dubbiin kantiibaa magaalaa Finfinnee ‘’ilaalcha kamiinuu fudhatama kan hin qabne, waamicha yakka addunyaati,’’ jechuun ibsan.
Mirgi bilisaan olii gadi sosso’anii dalaguufi jiraachuu heera biyyattiinis ta’u seerota kaan biyyattiin mallatteessiteen kan kabajame ta’u ibsee, dubbii kantiibaa magaalichaa mormeera.
Dhaabi ABIN waggoota muraasa dura keessumaa sabboonummaa Amaaraa bu'uura godhachuun kan hundaa'edha.
Aadde Adaanach gabaasa isaaniin hojiiwwan bulchiinsi isaanii dameewwan garagaraa irratti dalagame ibsaniiru.
Naannoo Amaaraa, Kibbaa fi Oromiyaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaa’ii idilee Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Kibxata kaleessaa (Bitootessa 14, 2023) gaggeeffamerratti, humnoonni nageenya magaalattii jeeqan jedhaman ka’umsi isaanii naannolee Amaaraa, Kibbaa fi Oromiyaa ta’uutu ibsame.
Hoogganaan Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa, ''Magaalaa Finfinnee giddu-galeessa godhachuun qaamoleen farreen nageenyaa ta’an bal’inaan socho’aa akka jiran beekamuu qaba,'' jedhan.
Yaaddoon nageenyaa magaalattii iddoo afuritti qoodamu jechuunis ibsan.
Qondaalli Nageenyaa magaalattii kun akka ibsanitti, magaalattii keessatti sodaan akka babal’atu kanneen godhan qaamolee dantaa siyaasaa, amantii fi saba bu’uura godhachuun hookkara uumuuf deemaniidha.
''Yaaddoo biraan ammoo hojiiwwan ittisa yakkaa idileen hojjetaman irratti qiyyaafachuun hookkaraa fi rakkoo tasgabbii uumamudha,'' jedhan.
Yaaddoon nageenya magaalaa Finfinnee inni ijoon amantii fi saba bu’uura godhachuun hookkara uumuuf socho’uu, ayyaanota sababeeffachuun dantaa siyaasaa bakkaan ga’achuuf deemuu, kana kan raawwatan ammoo humnoota naannoleerraa gara magaalattii seenan ta’uu ibsan qondaalli kun.
''Naannolee hundarraa humnoonni gara magaalattii seenan jiru. Keessattuu ammoo wayita ayyaanni ga’uun eeganii naannolee ijoo ta’an sadi namoonni hedduun ni dhufu. Lakkoofsi guddaan kanneen naannoo Amaaraa irraa seenaniidha,'' jedhan.
Lammaffaan naannoo Kibbaarraa yoo ta’u, sadaffaan ammoo naannoo Oromiyaa irraati.
Torbanoota dura naannoo Amaaraa irraa sababoota adda addaa eeruun gara magaalaa Finfinnee seenuuf kan yaalan dhorkamuu fi guyyoota muraasaaf danqamuu, akkasumas hedduunsaanii ofirraa deebi'uun bakka irraa ka’anitti deebi’uu ibsuun, isa booda komii dhageessisaa turan.
Ayyaanota addabaabayiiwwan magaalaa Finfinnee kabajaman irratti waldhibdeen irra-deddeebiin gabaafamaa ture.
Humnoonni nageenyaa mootummaa lammiilee Ayyaana Injifannoo Aduwaa kabajuuf magaalaa Finfinnee keessatti ba’an irratti poolisiin gaazii imimmaanessu dhukaaseera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baasen humnoonni nageenyaa namoota ayyaana kabajuu bahaniirratti reebicha raawwachuun daangaa seeraa darbuu hime.
Poolisii ibsa baasen hookkara Ayyaana Aduwaa waliin walqabatee shakkamtoonni 878 to’atamuu ibseera.
Kanneen keessaa ‘’557 kan ta’an bakkeewwan biyyattii biroorraa kan dhufanidha’’ jedheera.
Ayyaana Aduwaa waliin walqabatee dhukaasa humnoota nageenyaan lubbuun nama tokko darbuu poolisin beeksiseera.
Dhukaasa imimmaanessuu dallaa Mana Kiristaanaa Qul. Goorgis dhihoo Adda Baabayii Miniliik jiru keessatti dhukaafameen dabalatee hedduun miidhamanii wal’aansaa geeffamuun ni yaadatama.












