Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaaddoon nageenyaa hoteelota naannawa haroo Laangaanoo hojii dhaabsisaa jira
Godina Arsii Lixaatti kan argamuu fi iddoowwan bashannanaa turistoota biyya keessaa fi alaatiin filatamaa kan ture Haroon Laanganoo amma bakkeewwan maamiltoonni deemuuf sodaachuun gabaa dhabaa jiru ta’eera.
Waggoota muraasa darbaniin asitti hojii haricha deebisanii misoomsuu fi hawwattummaa isaa dabaluuf gama ‘IJA Developmentn’ hojjetamaniin alatti Riizoortiiwwanii fi bakki aara Galfii keessummootaa hedduun daangaa haroo kanaarratti heddumminaan jiru.
Komishinii Turizimii Oromiyaatti Dursituu garee fayyadamummaa fi Hirmaannaa Uummataa kan ta’an aadde Zaaraa Duubee akka jedhanitti, haalli naannicha jiru nagaa qabeessa ta’ulleen ololli adeemu imala tursitootaa hir’iseera jedhan.
“Dhufaatii turistootaan walqabatee hanqinni jira. Nageenyi akka hin jirretti labsamuudhaa fi rakkoolee adda addaatiin hoteelonni naannoo Laangaanoo turan gara cufamuutitti deemaa jiru”.
“Riizoortiin Karkarroo maamila dhabuudhaaan amma cufameera. Hojjettoonni 14 achi keessa turan hojii dhabaa ta’uu argeen jira. Akkasumas Savanaanis hojii dhaabeera. Hojjetaan lakkoofsan hedduun hojii dhabaa jiru. Marinaa kan jedhamus maamilli akka malee dhabaamaa waan jiruuf yaaddoo cufamuu qabu.” jechuun haala mudataa jiru ibsan.
Tibbana dhimma hojiitiif naannawa Haroo Laangaanoo kana akka turan kan himan Aadde Zaaraan, nageenyi akka hin jirretti olola deemaa jiruun turistoonni sodaachuun garas deemuu hir’isan malee qabatamaadhaan rakkoon addaa naannichatti mudachuunsaa dhagahan akka hin jirre himu.
“Ololuma hafarfamu malee nuti miilaan guyyaa sadii achi keessa deemaa turre, halkan sadii achi bulle. Waan addaa ture hin jiru. Turistoonni muraasni achi jiranis nagumaan bashannanaa turan. Amma kan waa balleessaa jiru ololadha” jedhan.
Keessummoonni biyya adda addaa irraa daawwannaaf gara keenya dhufuuf erga waliigalanii booda oduu akka Oromiyaan nagaa hin taaneetti adeemu kanaan yaadasaanii jijjiiran isaan mudachaa jiraachuus himan.
Kanaaaf jechas hojii turizimii naannoo Oromiyaatti qabbanaa’aa dhufe kana deebisanii dammaqsuuf hojii guddaa akka gaafatus dubbatu.
“Hojiin bal’aan Oromiyaa irratti hojjetamuu qaba. Nagaan jira garuu turistiin hin jiru. Kanaaf olola Oromiyaarratti deemee dhufaatii turistootaa hir’isu kanarrati hojjechuu barbaachisa” jedhan.
Ijoolleen turistoota kadhatan akka barumsa seenan ta’eera
Naannawni Haroo Laangaanoo kun ammaan dura bakka turistootni biyya keessaa fi alaa baay’inaan daawwatan waan tureef ijoollee xixiqqaan keessummoota achiin darban kana maallaqa, bishaaniifi kophee kadhachuun daran dabalaa dhufuun yaaddoo uumee ture.
Kanumaaf jechas abbootiin Gadaa Godina Arsii lixaa rakkoon kun dabalaa deemuun aadaa fi safuu hawaasaa cabsaa waan jiruuf akkaataa duudhaa sirna Gadaatiin tumaa tumanii adabbiis ifoomsanii ture.
Erga tumaan adabbii kuni hojiirra oolee hawaasni ammaan dura ijoollee kadhaaf daandiitti ergu adabbii tumame kana sodaachuun gochi kuni haalan hir’atee jiraachuu dubbatu Aadde Zaaraan.
Gama biraatiin lakkoofsi turistoota gara naannawa sanaa amma hir’atee waan jiruufis kadhaan ijoollee kuni akka hir’atuuf sababa ta’uus mala.
Aadde Taliilee Yooseef Dhalattuu Godina Arsii aanaa Kofalee yoo ta’an, waggaa muraasaan dura biyya jiraatan Ameerikaarraa naannawa Haroo Laangaanoo kana qubatanii akka turan himu.
Yeroo sanatti ijoollee xixiqqoon daandii konkolaataa irratti bahuun keessummoota kadhatan yoo argan miira isaanitti dhagahame akkas jechuun BBCtti himan.
“Waggaa afur har’aa gara Laangaanoo dhufee waanin arge baayyee nagaddisiise. Ijoolleen xixiqqoon karaatti yaatee kadhatti. Akkamitti Oromoon hin kadhatu ijoollee kadhaatti baasu jedhee baayyee natti dhagame,” jedhan.
Aadde Taliileen gocha ijoollee naannawa Haroo Laangaanoo kana arganii hidhii xuuxanii qofa hin dhiisne. Dhaabbata waggaa 15 dura hundeessan ‘Tangible Hope’ jedhamu gara Laangaanoo fiduun fandii barbaadanii Ijoollee kanaaf mana barumsaa ijaaruuf murteessan.
Lafa manni barumsaa irratti ijaaramu qonnaan bulaan naannichaa tokko kennaadhaan waan dhiheessaniif isaan ammoo achirratti mana barumsaa olmaa daa’immanii tajaajila hunda qabu ijaaruun tibbana mootummaa waliin wal harkaa fuudhinsa gochuu dubbatan.