Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha waancaa: Maan. Yuunaayitid fi Niwkaastil-Kamtu waancaa ol kaasa?
Waancaa bara kanaa keessaa kan jalqabaa injifachuuf Maanchister Yuunaayitidii fi Niwkastil har’a Wembilee irratti wal morkatu.
Gareen Erik Ten Haag waliigalaan Nootiingihaam Foorest 5 fi 0’n injifachuun waancaaf darbe. Niwkastil ammo Saawzhampitaniin 3 fi 1’n injifachuun waancaaf darban.
Maanchister Yuunaayitid waancaa Piriimer Liigii, FA Cup, Awurooppaa Liigii fi Karaba’oo keessa jira.
Niwkaastil erga bara 1999 as yeroo jalqabaaf waancaaf darbuu isaaniiti.
Maan Yuunaayitid erga bara 2016-17 leenjisummaa Joosee Moohoriinoo jalatti waancaa Awurooppaa Liigii fi Karaba’oo injifatanii as homaa hin mo’anne.
Niwkaastil tapha waancaa xumuraa FA Cup bara 1999 Maanchister waliin gahuun ture kan mo’aman.
Niwkaastil waggoota 54 booda waancaa injifachuun seenaa haaraa galmeessuuf taphatu. Bara 1969 ture waancaa dorgommii magaalota gidduutti qophaa’e kan mo’atan.
Maanchister har’a gara Landanitti kan imalu erga Sadaasa 6 as osoo tapha tokkollee hin mo’amiini.
Garuu taphattoonni akka Antoonii Maarshaal fa’a ammayyuu miidhamarraa hin deebine.
Bara kana waluumaagalatti galchii 24 kan lakkoofsise Raashfoordi ammo tapha Baarseloonaa waliin taasisan irratti daqiiqaa 88 irratti jijjiiramee bahe.
Miidhama xiqqoo kan qabu fakkaata. Tapha har’aaf hammam qophii akka tahe hin beekamne.
"Kubbi miilaa 95% dhimma sammuukee irratti hundaa’a,’’ jedhe Raashfoordi.
Taphattoota hedduu dandeettii guddaa qabantu jira. Garuu haalli sammuu isaanii ira jiru gahumsa isaanii daandesseera’’ jedhe.
Leenjisaan Yuunaayitid Erik Ten Haag: "Waancaa injifachuun carraa gaariidha. Kubbi miilaa waa’ema kabaja injifachuu kanaati. As gahuun nuuf ni mala. Amma immoo waancaa kana mo’achuuf waan dandeenye hundaa ni goona,’’ jedhan.
Tapha tokko tokkooshee irratti qophaa’aa deemna waan taheef fooyya’insa guddaa argaa jirra jedhan.
Niwkaastil erga abbaan qabeenyaa Sawud Arabiyaa biteen as fooyya’insa guddaa argsiise.
Gabatee Piriimer Liigii irraa shanaffaa irra jira.
Har’a Buruunoo Gumaarez adabbii irraa deebi’eera. Karra eegaa Niik Poop ammo sababa adabbii kaardii diimaan hin taphatu.
Maartin Duubraakaan ergisaan yeroo Maan Yuunaatitid ture waan taphateef har’a taphachuu hin danda’u.
Wembilee irratti kilebootni lameen sa’a 1:30 irratti wal falmatu.