Haleellaa Israa’eliin haadha duute keessaa ilmoon baraaramte

Daa'ima erga haati duutee lubbuun hafte

Madda suuraa, Reuter

Sabreen haadha ulfa ji'a torbaa fi walakkaa turte.

Daa'ima garaatti baattu garuu otoo hin argiin ykn hammachuuf hin carroomiin duute.

Sabreen fi maatiin ishee Gaazaatti yeroo hundaa yaadda'aa turan.

Sabreen garuu hanga waraanni sun xumuramutti carraan maatii kanaa akka itti fufu abdatti ture.

Carraan lubbuun turuu maatii Sabreen Ebla 20, 2024 halkan walakkaatti dhiyaatutti ibidda dho’iinsa qaqqabeetiin dhidhime.

Israa'el mana maatii al-Sakanii, Raafaah bakka Sabreen abbaa warraa isheefi mucaa durbaa - daa’ima ganna sadii Malaak - waliin rafaa turanitti boombii darbite.

Sabreen miidhaa guddaatu irra ga'e, abbaan warraa isheefi Malaak battaluma sana du'an.

Yeroo lubbu-baraartonni bakka haleellaan itti raawwatame sana ga'an garuu daa'imni gadameessa haadha ishee keessa lubbuun hafteetti.

Lubbu-baraartonni battaluma sana Sabreen gara hospitaalaatti muddamaan geessan.

Hakiimonnis daa'ima garaa haadhaa baqaqsanii baasuuf yaalii eegalan.

Hakiimoonni lubbuu Sabreen du’a olchuu dadhabanillee daa’ima of wallaalte lubbuutti deebisuuf qoma ishee dhidhiibuun arganuu akka dandeessu gargaaraa turan.

Sana booda qilleensi somba daa’imaa akka qaqqabu taaasifame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hospitaala Emirati Raafaah keessatti ittigaafatamaan kutaa balaa tasaa Dr Mohaammad Salaamaa, ''daaa’imni rakkoon harganuu dadhabuu cimaan erga mudatee booda dhalatte,'' jedhan.

Daa'imni kg 1.4 ulfaattu haala kanaan du’a oolte.

Hakimni akka dhalattu gargaaraa ture akkas jechuun pilaastara gubbatti "Daa'ima wareegamtuu Sabreen al-Sakaniti" jedhu barreesse pilaastaricha qaama daa’ima kanatti maxxanse.

Daa’mti kun sana booda inkubaatorii keessa kaa'amte.

''Haala fayyaa isheerratti foyyeen muraasni jira jechuu dandeenya,'' jedhan Dr. Salaamaan.

"Garuu ammallee haalli jiru balaadhaaf kan ishee saaxilu. Dhiphinni sirna hargansuu kun jalqaba yeroo malee, otoo hin gahiin dhalachuun dhufa.''

Mucaan kun yeroo amma kanatti silaa gadameessa haadhashee keessa jiraachuu qabdi ture, garuu mirga kana mulqamte," jedhan.

Daa’imni dhalatte kun hanga ji'a tokkootti hospitaala akka turuu maltu hakiimni kun himaniiru.

"Sana booda hospitaalaa bahuu qabdimoo bahuu hin qabdu dhimma jedhu ilaalla... kun balaa guddoodha.

Daa'imni kun yoo lubbuun hafteellee daa’ima warra hin qabne taati," jedhu Dr Salaamaan.

Maqaa daa’ima kanaaf moggaasuufillee miseensa maatii keessaa namni lubbuun hafe hin jiru.

Obboleettiin ishee Malaak akka isheen Lubbuu jedhamtu barbaaddi turte.

Garuu yaadannoo haadha isheetiif jecha Sabreen jedhamtee akka waamamtuuf maqaan moggaafameef.

Firoottan da’ima kana lubbuun hafan hospitaalatti walitti qabamanii, daa'ima warra dhabde Sabreen, akkatti guddisa yaaduu, gadda fi aarii keessa jiru.

Akkkoon daa'ima kanaa Mirvat al-Sakani, waa'ee "jal'inaafi maqaa balleessii" namoota " waraana wajjin hidhata hin qabne" mudate dubbatteetti.

"Intalti koo ulfa turte, intalli shees waliin turte, ilmi koos isaan waliin ture," jetti.

"Ilmikoo qaama isaa malee hanga ammaatti hin arganne.

Isa adda baasuulle hin dandeenye... maaliif isaanirratti xiyyeeffatan?

Maaliif, akkamitti akka irratti xiyyeeffatan hin beeknu. Hin beeknu...." dubartootaa fi daa'imman qofarratti xiyyeeffatu" jedhan.