Xiyyaara Tanzaaniyaatti caccabe keessaa dargaggeessi paayileetii oolchuuf yaale maal jedha?

Madda suuraa, CHARLES MWEBEYA TBC
Dilbata darbe xiyyaarri Taanzaaniyaa hara Viktooriyaa qarqaratti caccabuun namoonni19 du'an yeroo kufu namoota achii qurxummii kiyyeessaa turan keessaa tokko Majaliwa Jaaksan dha.
Yeroo xayyaarri bishaanitti dhidhimu achi turee akka argee fi paayileetii xiyyaarichaa baraaruf dhamaatii godhe ibsa.
Jaaksan akka jedhutti xayyaarrichi osoo bishaanitti hin dhidhimin dura kallattii hin taanen akkuma dhufeen nahee akka ture hima.
Namoota wajjin qurxummii qabaa turan sadi wajjin bakka xiyyaarri itti kufe hatattamaan qaqqabee muka ittiin bidiruu oofaniin balbala xiyyaaraa cabsuun namoonni gara teessuma fuulduraa jiran akka baraaraman godhe.
Itti aansun gara fuulduree xiyyaaratti deemuun bishaan keessa lixuun kallattii payileetin jirutti akka imale dubbata. Mataan xiyyaarichaa bishaan keessa waan gadi dhidhimeef kara foddaa xiyyaaran paayileetii arge.
Paayileetichis gargaaraa isaa wajjin haasa'anii karaa foddaa deeggarsa akka barbaadan mallattoodhan itti agarsiise.
"Foddaa akka cabsuuf mallattoo natti agarsiise. Bishaan keessaa ol baheen hojjattoota nageenyaa buufata xayyaarichaa dhufan meeshaa ittiin foddaa cabsan yoo harkaa qabaatan gaafadhe."

Madda suuraa, CHARLES MWEBEYA TBC
"Isaan qottoo erga natti kennanii booda, namni tokko sagalee guddistuudhan akkan bishaan keessa lixee foddaa cabsee paayileeota hin baasnef na dhorke. Paayileetota wajjin wal qunnamaa akka jiraanii fi bishaan akka itti hin seenne natti himan," jedha.
Booda bishaan keessa lixee paayileetotatti mallattoodhan nagaa itti dhaamee ol deebi'uu hima.
Paayileetichi garuu yeroo inni mallattoodhan nagaa itti dhaamu, foddaa cabsee akka baasuuf mallattoodhan kadhataa akka ture hima.
"Karaa payileetonni yeroo balaa tasaa ittiin bahanitti quba qabee cabsee akkan baasuuf natti agarsiise. Bishaan keessaa ol baheen wadaroo wayii fuudhee balbalaa fi bidiruu walitti hidhuun bidiruudhan harkisuu yaalle. Garuu wadaroon citee fuula koo keessa na rukute, sana booda of wallaalen hospitaalattan of bare," jedha Jaakson. Namoota balaa kanaan du'an 19 keessaa paayileetonni lamaan jiru.
Akka aangawoonni daandii qilleensaa Precision Air jedhanitti namoota xiyyaricha keessa turan 43 keessaa kan lubbuun hafe 24 qofaadha.
Sirni awwalcha namoota 19 du'anii istaadiyeemii biyyattii Bakubo jedhamutti gaggeeffamaa jira.
Ministeerri Muummee Tanzaaniyaa Qaasim Majaaliwaa sirna sirna gaggeessaa awwaalcha kana irratti argamaniiru.
Sababa kufaatii xiyyaara kanaa qorannoon akka gaggeeffamaa akka jiru himanii turan, MM Qaasim himanii turan.
Xiyyaarichi kufe kun gaafa Dilbataa buufata Xayyaaraa Daare Salaam irraa sa'aatii 2:50 irratti ka'uun osoo buufata xayyaaraa Bukooboo osoo bu'uuf jedhuu kufee caccabe jedhame.
Amma buufatichi xiyyaaraa yerodhaaf cufamee jira jedhame.












