Morokoon murteessaa kubbaa miilaa tapha walakkaa xumuraa gaggeessan mormite

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Morookoo (FMRF) murteessaa kubbaa miilaa tapha Morokoon Faransaay waliin taasiste gaggeessan irratti komii dhageessise.

Komii kanas dhaabbata kubbaa miilaa addunyaa hoogganu FIFA’tti galcheera.

Tapha yeroo jalqabaaf Morokoon biyyoota Afrikaa irraa walakkaa xumuraa geesse kana Faransaayiin 2fi 0’n mo’amteetti.

Faransaayiif Hernaandez fi jijjiirame kan seene Randal Kolo Muwaan galchaniiru

Gareen Morookoo murteessaan lammii Meksikoo Sezaar Raamos boqonnaa dura taphataan Faransaay yeroo Hernaandez fi kan Morookoo Sofiyaan Bufaal waliin walitti bu’etti penaalitiin isaaniif kennamuu akka qabu ibsan.

Haa ta’u malee murteessaan taphaa akka taphataan Morokoo Bufaal dogongora taphaa (foul) raawwatetti murteessan. Yaada Morookoo kana qaamoleen walaba ta’anis ni deeggaru.

Federeeshiniin Morookoo ‘’ija ispeeshaalistoota murteessaa kubbaa miilaan murtee garee Morokoo penaalitii lama dhabsiise akka qoratan qaama ilaallatuuf barreessineerra,’’ jechuun ibse.

Dabaluunis murteessaan gama viidiyoon murteessaa gargaaru (video assistant referee (VAR)) haala kana akkamiin arguu dhabe jennee nu ‘’ajaa’ibeera’’ jedhe ibsi bahe.

Xiinxaltoonni kubbaa miilaa muraasni murteessaan viidiyoo yeroo kana gidduu seenuu dhabuu isaan bitaa itti seeneera.

‘’Akka kiyyaatti Morookoof penaalitiin ni malaaf,’’ jechuun jifataan duraani Ingilaand Kiriis Satoonidha.

Xiinxala kana ittisaan duraanii Ingilaand Riyoo Ferdinaandillee ittiin waliigala.

‘’Bufaaliif penaalitii ta’a malee inni badii raawwate jedhee hin yaadne,’’ jedhe taphataan duraanii Maanchistar Yunaayitid.

BBC’n mormii Morookoo ilaalchisuun Fifa’n yaada akka kennuuf gaafateera.

Leencota Atilaas jedhamanii kan beekaman taphattoonni garee Morookoo gaafa Sambataa Korishiyaa waliin sadarkaaf taphatu.

Beljiyeem, Ispeeniifi Porchugaal injifachuun sadarkaa kana kan geesse Morookoon yoo injifatte biyya Afrikaa jalqabaa Waancaa Addunyaarratti nahaasa argatte taati.

Abjuun Morookoon Waancaa Addunyaa bara 2022 Qaataar keessummeessaa jirtu fudhachuu hin milkoofne, garuu biyyattiin gaddaa hin jirtu, sirumayyuu garee biyyattiin boonaa jirti.

Hooggantoonni biyyoota biroollee otoo hin hafiin ga'umsa gareen Morookoo argarsiisan dinqisiifatan.

Pirezedantiin Faraansaay Imaanu’eel Maakiroon gareen kubbaa miilaa Morookoo dorgommii Waancaa Addunyaarratti seenaa dalaganiif galateeffatan.

‘’Michuuwwan keenya warri Morookoon sadarkaa miidhagaa kanarra qaqqabuu keessaniif baga gammaddan. Kubbaa miilaa keessatti seenaa dalagdaniittu,’’’ jedhan Maakiroon.

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden,’’ milkaa’inni gareen kun gonfate wayita ilaalamu qalbii namaa kan booji’udha,’’ jedhanii jajan.

Taphataan sarara fuulduraa Faransaay Kiliyaan Mibappee, waayila isaa kilaba kubbaa miilaa Faransaay PSG’f taphatu Asharaaf Hakiimiin akkas jedhe: ''namni kamiyyuu kan isin hojjattaniin ni boona, seenaa hojjattan,’’ jedheen.

Leenjisaan Morookoo Waalid Reguraay, seenaa hojjatan jedhamanii leellifaman.Reguraay milkaa’uuf waan danda’an hojjachuu himan.

‘’Taphattoonni koo ga’umsa agarsiisaniin garee Morookootti maqaa gaarii horan, kana fudhachuun ni jabaata, isaan silaa galmee seenaa irra deebiin barreessuu yaadanii turan,’’ jedhan.

‘’Waancaa Addunyaa raajidhaan hin injifatamu, cimanii hojjachuu qofaan milkaa'a, kanarratti cimnee hojjanna,’’ jedhan.