Daandin qilleensaa manguddoo ganna 100 dogoggoraan daa'ima jedhee waame

Dubartii ganna 101

Manguddoon ganna 101 sababa daandin qilleensaa dogoggoraan umuriisaanii galmeesseef irra deddeebin daa'ima jedhamanii waamamaa jiru.

Taateen kun kan mudate UStti yoo ta'u, Daandin Qilleensa Ameerikaa yeroo tikeettif galmeessu akka waan manguddoon kun bara 2022 dhalataniitti galmeesse.

Patriishiyaan garuu bara 1922tti dhalatan. Daandin qilleensichaa daa'ima ganna lamaa jedhee waan galmeessef balaliirratti daa'ima jedhee waamuun manguddoo kanas imalmtootas heddquu ajaa'ibsiise.

"[Balalii sanarra mucaa xiqqoon ana qofa isaanitti fakkaate, ani garuu nama dulloomedha," jedhan Paatiriishiyaan.

Kuni kan mudate yeroo Paatiriishiyaan Chigaagoo irraa gara Mishigan balali'aa turanitti.

Manguddoon kun intalasaanii Kiriis jedhamtu wajjin imalaa turan. Dullumni xiqqoo waan gadi qabdeef tikeettii xayyaaraa illee kan kuteef intalumasaanii kana.

"Tikeeticha intala kootu karaa onlaayinii naaf kute, kompiitarri buufata xayyaaraa jiru guyyaa dhaloota koo bara 1922 osoo hin taane bara 2022 jedhee galmeesse," jedhan manguddoon kun.

Taaten kun waan amma qofa raawwate osoo hin taane, bara darbes waanuma wal-fakkaatatu isaan mudate.

"Bara darbes waanuma wal-fakkaatatu mudate. Nama dulloome osoo hin taane kan isaan eegan daa'ima ture," jedhan.

Kompiitara irratti guyyaan dhalootaa bara 2022 jedhee waan galmaa'ef, teesson xayyaaraa "daa'imaaf" kan jedhuun qabame.

Manguddoon ganna 101, ogeettii fayyaa soorama bahaniidha. Waggaa waggaan qorra naannoosaanii jiru baqaaf jecha gara maatifi firoota bira deemu.

Daandin Qilleensa Ameerikaa umuriin manguddoo kanaa maalif irra deddeebin akka dogongora godhatu irratti gaafatamee deebii hin laanne.

Taaten manguddoo kana mudate namoota heddu kofalchiisus isaan garuu buufata xiyyaaraa keessatti rakkachuu himu.

Hojjattoonni daandii qilleensaa, tikeetin kan citeef daa'imaafi jechuun dabarsuu akka didan himatu.

"Kompitarasaanii sirreessuu qabu, intalli koo anaa wajjin korojoo qabattee rakkachuu hin qabdu," jechuun dhaammatte.