Humnootiin Tigraay marii nagaa Wiixata Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamu irratti akka hirmaatan ibsame

Humnootiin Tigraay marii nagaa Wiixata dhufaa Afriikaa Kibbaatti taa’amuuf qabame irratti akka hirmaatan maddi oduu Ajaans Firaansi Pirees (AFP)n gabaase.

Waraana mootummaa Itoophiyaafi humnootii TPLF jidduutti waggoota lamaan darbaniif gaggeeffamaa ture karaa nagaatiin furuudhaaf dahoo Gamtaa Afriikaa jalatti gaggeeffamuuf qabame irratti gareen Tigraay akka himaatu maddi oduu kun gabaaseera.

‘‘Jilli keenya ni hirmaata’’ jechuun qondaalli olaanoon Naannoo Tigraay AFPtti himu gabaase. Qondaaltichi Pirofesar Kindiyaa Gabrahiyiwot karaa ergaa gabaabaatiin himuutu gabaafame.

Haaluma walfakkaatunis Itoophiyaanis marii kanarratti akka hirmaattu, Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Ministira Mummee Abiy, Ambaasaadar Reedwaan Husseen ibsanii ture.

Amaabaasaadar Reedwaan toora tiwitara isaanii irratti akka barreessaniitti, ‘‘Ammas irra deebiin marii nagaatiif qophii ta’u keenya ni ibsina’’ jedhan.

Itaanaan Ministirri Mummee fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makoonnin ammoo Onkololeessa 21, 2022 wayita dippilomaatoota Finfinneetti argamaniitti dubbataniitti, ‘‘Waraanicha karaa nagaatiin furuuf yoomiyyuu fi eessayyuu deemuuf qophiidha’’ jedhan.

Qaamonni wal waraanaa jiran kunneenis marii nagaatiif kan taa’uf jiran wayita waraanni adda hundaanuu cimee gaggeeffamaa jiraachuu gabaafamaa jiruuttidha.

Manni marii nageenya Gamtaa Afriikaa kaleessa Onkolooleessa 21, 2022 walgahii gidhatee kan ture yoo ta’u, maricha jaarsummaan ni hogganu kan jedhaman ergamaan addaa Gamtichaa Gaanfa Afriikaa Olusenguun Obaasaanjoo ibsaa taasisaniiru.

Manni maree biyyoota miseensoota 15 qabu kunis kaleessa walgahii cufaa wayita gaggeessu erga waraanichi deebii’e ka’ee kun kan jalqabaati.

Manni Maree nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniis kaleessuma Onkololeessa 21, 2022 walgahii taa’en, waraanaa fi haleellaa namoota nagaa irratti qaxanicha keessatti raawwatamaa jiru irratti cufaatti ni mari’ata jedhameera.

Mootummaan Itoophiyaa fi humnootiin TPLF torban lamaan duras marii nagaa Afriikaa Kibbaatti taa’amuuf ture irratti hirmaachuuf waliigaluu ibsanillee, walgahichi sababii rakkina ‘loojistikiin’ jedhamuun yeroo biraatti dabarfamun ni yaadatama.

Kana malees marii nagaa kanarratti jaarsuummaan Ergamaa Addaa Gaanfa Afriikaa Gamaa Afriikaa, Oluseengoon Obaasaanjoo, Ittaantuu Pirezidantii duraanii Afriikaa Kibbaa Dr Faamiziilee Moolaamiboo-Naagekukaa waliin ni hirmaatu jedhamanii kan egaman pirezidantiin duraanii Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataas dhimma duraan qabataniin kan ka’e maricha irratti hirmaachuu akka hin dandeenye ibsuun ni yaadatama.

Isa malees marichi ni taa’ama yoo ta’es gaheefi haala adeemsa marichaa irratti ibsi akka barbaadan kaasanii ture.

Kun osoo haala akkasitiin jiruu waraanaa Kaaba biyyaattiitti gaggeeffamaa jiruun namoonni nagaafi hojjattoonni dhaabbilee gargaarsaa miidhamuun gabaafamu hordofees Gamtaa Awurooppaa dabalatee biyyoonniifi dhaabbileen gargaarsaa waraanichi dhaabbatee qaamooleen wal waraanan gara marii nagaatti akka deebii’aniif waamicha dhiyaassaa jiru.

Keessattuu Gamtaan Awurooppaa waraanni Ertiraa naannoo Tigraay keessaa akka bahuuf gaafateera.