Tiraamp dhimma Iraan irratti filannoowwan akkamii qabu?

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waraana Israa'eliifi Iraan gidduutti guyyaa walitti aanu shanaffaaf gaggeeffamaa jiru irratti takka michuusaanii Israa'elirraa of fageessu takka ammoo itti siiqu.

Ejjennoon Tiraamp raafamuun waraanichi garam adeema kan jedhu irratti gaaffiin waan uumameefisi.

Ministirri Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu gama isaaniin haleellaan gaggeessaa jiran guutummatti qindoomina US waliin gaggeeffamaa akka jiru dubbatan.

Tiraamp lola Israa'eliifi Iraan gidduu adeemaa jiru kanarratti filannoo akkamii qabu? Maal gochuu danda'u?

1. Dhiibbaa Netaaniyaahuuf harka kennuun, dubbicha hammeessuu

Misaayeloonni Israa'el Teehraan rukutuu erga eegalanii booda Tiraamp michuusaanii boombii Ameerikaa hidhatteen haleellaan kanarra hamaan Iraanitti dhufaa jiraachuu akeekkachiisaniiru.

Galmi dhumaa Tiraamp maal akka ta'e ni beekna. Akkuma Netaaniyaahuun jedhan Iraan boombii niikuleeraa hidhachuu hin qabdu kan jedhudha. Iraaniin adeemsa kanarraa dhowwuun kan danda'amu akka Netaaniyaahuu waranaan osoo hin taane marii Iraaniifi US godhaniin akka ta'e Tiraamp ni amanu. Tiraamp nama addunyaarrratti naagaa buusu akka ta'anitti of ilaalu.

Ejjennoodhuma isaanii kanarraas takka takka yeroo mucucaatan ni mul'ata. Humna fayyadamuuf yeroo dhaadatan ni dhagaahama. Yeroo kana ammoo dippiloomasii filatu. Torbanuma darbeyyuu halellaan Israa'el waliigalteerra gahuuf ni dirqiisiisa yookin ammoo Iraaniin ''balleessa'' jedhanii turan.

Ejjennoon isaanii amanamaa ta'uu dhabuus deeggartootni isanii ni himu. Tiraamp Tiwoorii 'madman' jedhamu dhimma Haajaa Alaa irratti akka tarkaanfichiisaa jiran himama. Tiwooriin kun adeemsa Tiraamp ta'e jechuun ejjennoosaanii wallaalchisuun qaamolee waliin dubbatan burjaaja'anii yookaan dirqamanii akka yaadasaanii fudhatan itti godhaniidha. Tooftaan kun toftaa bara waraana ololaa pireezidant Richaard Nikson itti fayyadaman ture.

Deeggartootni fi gorsitootni Tiraap gariin dhimma Iraan ilaalchisee tiwoorii 'madman' kanaan ''dhiibbaa olaanaa'' gochuu ni jajjabeessu. Doorsifni dhumarratti bu'aa ni buusa jedhanii amanu. Yaadni ilaalcha kana itti deeggaran ammoo Iraan waayee marii nagaa cimsanii hin qabanne kan jedhuudha.

Bara 2015tti Iraaniifi pirezidant Baaraak Obaamaan waliigaltee dhimma niikuleeraa raawwatanii turan, Tiraamp dhufanii waliigalticha keessaa of baasan.

Netaaniyaahuun Tiraamp dippiloomasii dhiisanii humna akka filannootti akka fayyadaman dhiibbaa walirraa hin cinne gochaa turan.

Tattaaffiiwwan addunyaarratti nageenya fiduuf godhaniin badhaasa noobeelii Naga argachuuf fedha qaabatanis, aanga'oota Iraanitti garuu yaaddoo uumuun waan itti fufu ta'uu hin oolu.

Netaaniyaahuun karoora isaanii galmaan gahuuf US kallattiin hirmaattee dhimma isaanii xumuruuf jabaatanii dhiibbaa godhuu malan. US boombiiwwan buufata lafa jalaa Forow jedhamu kan yuraaniyeemii itti gabbisan rukutuu danda'an qabdi jettee amanti Israa'el.

Haalonni amma jiran Iraan laaftee gara mariitti akka dhuftu gochuu danda'a. Ammaaf mariin Iraaniifi US marsaa jahafffaarra gahee dhaabbatus, Iraan mariitti deebi'uu akka barbaaddu ibsaa jirti.

2. Walakkkaa dhaabachuu

Hanga ammaa Tiraamp haleellaa Israa'el keessaa qooda hin qabnu jedhu.

Ammoo humnoonni galaanaa fi farroonni misaayelaa US naannicha jiran Israa'eliin gargaaraa jiru.

Gorsitootni Tiraamp kan Mana Maree Nageenyaa keessa jiran Tiraamp waraana kana hammeessuu keessa akka hin galle gorsuu malu. Sababni ammoo misaayeloonni Iraan tokko sirna farra misaayelaa Israa'eliifi US cabsuun miidhaa guddaa geessisuu danda'uu isaaniiti.

Netaaniyaahuun hogganaa olaana Iraan ajjeesuuf karoora qabatan waraanicha hammeessuu caala xumuruuf hiree qaba jedhanii amanu. Tiraamp garuu karoora kana mormuun dura dhaabachuun gabaafameera.

3. Sagaleewwan gurguuddoo dhagahuun boodatti deebi'uu

Wanti ijoon Tiraamp irratti hunda'an deeggarsa biyya keessaati.

Rippaablikaanonni Koongireesii keessa jiran waraanni dabalataa akka ergamu dabalatee duula Israa'el kana ni deeggaru.

Haata'u malee sochii Make America Great Again (Maga) kan Tiraamp gaggeessan keessatti deeggartoota jaboo ta'an ifatti jabeessanii duula Israa'el kana mormaa jiru.

Imaammata alaa "America First" jedhu hordofaa US maaliif waraana Baha Giddugalessaatti galti jechuun gaafataa jiru.

Gaazexessaan deeggaraa Tiraamp ta'e Taaker Kaarlisan qeeqa bulchiinsi Tiraamp waarana kana keesssaa qooda hin qabu jeechuunsaa dhugaa miti, ''US Israa'eliin dhiisuu qabdi'' jechuun barreesseera.

Dabaluunis Netaaniyaahuufi ''mootummaansaa waraana dheebote'' haala itti loltoota US of cinaa hiriirsisu uumuuf yaalaa jira jedheera.

Israa'el waliin Iraan loluun filattoota Tiraampiif arrabsoo akka ta'us barreesse.

US fi michootni biroon Israa'eliin ittisuutti yoo ce'an Iraan buufataalee waraanaa isaanii naannicha jiru akka haleeltu dhaadatteetti.

Tirmaapis yaada deeggartootasaanii gariin dhaguun Raashiyaa waliin ta'uun waraanni kun akka caamu waamicha godhaniiru.

US haleellaa Iraan waliin hin jirtus jedhaniiru Tiraamp.