Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhadhaan lawuzii alarjii ijoollee %77 akka hir'isu beektuu?
Ijoollee xixiqqoo umuriin waggaa afuriifi jaha gidduu jiraniif dhadhaa lawuzii laaffisanii yoo kennaniif alarjii nyaata baay'ee hir'isa jedhu qorattoonni.
Keessumaa yeroo ijoollee harma haadhan alatti nyaata dabalataa barsiisan dhadhaa lawuzii kennuufin alarjii %77 hir'isuuf carraa gudda qaba jedhu.
Qajeelfamni mootummaa ijoollen hanga ji'a jaha guuttutti nyaata jajjabbaa nyaachuu hin qabdu jedhu jijjiiramuu akka qabu gorsu qorattoonni.
Lawuziin osoo hin daakamin dheedhii isaa ijoollee waggaa shanii gadiif kennamuu akka hin qabnes ni gorsu, sababni isaa ammoo hudhuu danda'a waan ta'eef.
UKtti qajeelfamni Tajaajilli Fayyaa Biyyoolessaa (NHS) amma hojiirra jiru lawuziin (caccabee, daakun ykn dhadhaan) isaa ijoolleen dhalatanii ji'a jaharraa kaasee akka kennamuuf hayyama.
Ijoollen nyaata jajjabaa nyaachuu kan eegalan yoo taa'uu danda'an, mataa isaanii ol qabatanii taa'an fa'i.
Alarjiin nyaataa maalif mudata?
UK keessatti alarjiin lawuzii nyaachuu irraa dhufu dabaluun ijoollee 50 keessaa tokko ittiin rakkataa jiru.
Alarjiin nyaataa kan mudatu sirni dandeetti dhibee ittisuu keenya (immune system) waan miidhaa hin geessifne tokko akka waan miidhaa geessisuutti fudhachuu isaati.
Namoota tokko tokkoof lawuzii xiqqodhayyuu yoo fudhatan, dandeettiin dhibee ittisuu qaama isaanii keessa jiru humnaa ol deebii kennuu irraa kan ka'e lubbuudhayyuu yaaddessuu danda'a.
Ijoollen nyaata alarjii isaanitti kaasu akka hin nyaanne kan jedhu gorsa yeroo dheeraa tureedha. Inumaayyuu ijoollen isaanii hanga waggaa sadi guutanitti maatin lawuzii akka hin laannef yeroon itti gorfame jira.
Inumaayyuu yeroo dandeettin dhibee ittisuu daa'immanii guddataa jiruufi waan qaama miidhufi hin miine adda baasuu eegaluttu lawuzii nyaachun alarjii ittisuu akka danda'u qorattoonni ni ibsu.
Israa'elitti yeroo daa'immaatti lawuzii nyaachun baramaadha, garuu ammoo alarjii gadaanaa akka qaban kaasu qorattoonni kun.
Nyaatawwan biroo alarjiin wal qabatan kan akka killee, aannaniifi qamadii fa'aa ijoollee xixiqqoof kennuun alarjii hir'isuuf akka gargaaru qorannoowwan biroos ni akeeku.
Qorannoon yeroo dhiyoo barruu Journal of Allergy and Clinical Immunology jedhurratti maxxanfamee akka akeekutti nyaata lawuzii qabu yeroon sirriin itti ijoollee jalqabsiisuu qabnu yeroo isaan ji'a afurii hanga jahaa gidduu jiraniidha. Kuni ammoo %77 dhibicha hir'isuun akka danda'amu taasisa.
Kuni ammoo waggaatti namoota 13,000 keessaa 10,000 ta'an dhibichaan akka hin qabamne baraara jedha qorannoon kun.
Nyaata lawuzii qabu turanii yeroo ijoollen waggaa tokko guuttu jalqabsiisun ammoo %33 qofaan dhibichi akka hir'atu godha jedha qorannoon kun.
Ijoollen yeroo dhadhaa lawuzii nyaachuu eegalsiisun dura wantoota akka fuduraafi kudaraa xixiqqeessanii kennuufin ni gorfama. Sana booda erga ijoollen nyaaticha fudhachuuf haala isaan dandeessisurra gahanii lawuzii laafaa isaa faldhaanan xixiqqeessanii kennuufin gaarii akka ta'e ibsa qorannoon kun.
Pirofeesara Yuunivarsiitii Saawuzamptan kan ta'an Pirofeesar Girahaam Roobarts akka jedhaniiti yeroo dheeraf nyaata lawuzii qabu ijoollef kennuun gaarii miti gorsi jedhu maatin akka ijoolleef lawuzii hin kennine godheera jedhu.
Kuni maatii qofa osoo hin taane hakimoota gidduuttuu falmii kan kaase ta'uu himu. Haa ta'u garuu ijoollen yeroo ji'a afurii kaasanii harma haadhatti dabalataan nyaata sasalphaa kan akka dhadhaa lawuzii laafaa ta'e yoo argatan fayyummaa isaanif gaarii akka ta'e eeru.