Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'imman maaliif irra deddeebiin arsassee dhukkubsatu?
Dhukkubni arsassee (tonsiiliin) bal’inaan daa’imman irratti mul’ata. Haata’u malee, dhukkubichi namoota kaanis hin qabu jechuu miti.
Dhibeen kuni keessattuu daa’imman umurii xixiqqaafi maanguddoota irrattti baay'inaan mudata. Dhukkubi kuni rakkoo fayyaa gara biraa akka hordofsiisuu himama.
Ofii dhukkubni arsassee (toonsiilii) maaliidha? Attamiin mudata? Maaliif irra deddeebbiin mudata? Furmaanni isaa hoo? Gaaffiilee kanneeniifi kan biraa irratti Ispeshalistii wal'aansa daa’immaniifi dhukkuboota daddarboo, Dr Tinsaa’ee Alamaayyoo dubbifneerra.
Dr Tinsaa’een jidduugala wallaansa Ameerikaa Finfinneetti argamu keessa kan hojjatan yoo ta’u, Mana Barnoota Wal'ansaa Qiddus Phaaloos keessatti Pirofeesara Waltaatuudha.
Dhibeen arsassee irra caalaa daa’imman miidhuuf kan karaa afuuraatiin sababii baakteeriyaa ykn vaayirasitiin kan darbuudha jedhu Dr Tinsaa’een.
Irra caalaa dhukkuba toonsiilii kan fidu vaayirasiidha jedhu. Covid dabalatee vaayirasoonni qufaa afuuraan daddarban dhukkuba toonsilii ni fidu jedhu.
Dhibeen toonsilii baakteriyaan dhufu ammoo kan vaayirasiin dhufurraa adda.
Sababii dhukkubbiin inni vaayirasiin dhufu hordofsiisu baay'ee cimaa fi yoo wal'aanamu baatame miidhaa qaqqabsiisu danda’uuf xiyyeeffannaa olaanaa barbaachisa jedhu.
Namoonni dhukkuba toonsilii vaayirasiin dhufuun qabaman baay'ee ta’u baatan illeen balaan hordofsiisuu danda’u garuu cimaa ta’u kaasu.
Kanaafuu gosti dhibee toonsilii mudatee qorannoon akka adda baafamu kaasu Dr Tinsaa’een.
Mallattooleen dhukkubbii toonsilii maal fa'i?
Ho’a qaamaa, nyaata liqimsuuf rakkachuu akkasumas xannachi morma keenya jalatti argamu dhiita’uun mallatoolee mul'ataniidha.
Wayita qorannoo irrattis tonsiliin dhiita’ee ykn malaa godhate mul’ata. Haalli shakkisisaan yoo jiraate ammoo saamuda fudhachuun qoratame dhukkubba adda baasuun ni danda’ama.
Daa’imman xixxiqqoo irratti ammoo mallattooleen qaama gubuu, harma hodhuu dadhabuu, haalli nyaata fudhachu hir’achuu mul’achu danda’a.
Mallattooleen akkasii mul’annaan battalattii mana yaalaatti geessuun barbaachisaa jedhu Dr Tinsaa’een.
Irra jireessa daa’imman hanga umuriin waggaa sadii hanga waggaa 18 kan jiran irratti baayinaan mulata jedhu.
Dandeettiin dhukkuba dandamachuu daa’immaniifi jaarsolii gadaanaa waan ta’ef, dhibeen toonsilii caalaatti isaan mudachu danda’a.
Keessattuu biyyoota Eshiyaafi Afriikaa keessatti namoonni baayinaan waan waliin jiraataniif umurii kamu irratti dhukkubni kun dafee dafee mudachu danda’a jechuun ibsu.
Dr Tinsaa’een, ‘‘dhukkuba toonsilii dabalatee dhukkubbiin afuuraan darbu kan hawaasa namni tokko keessa jiraatuun murtaa’u’’ jedhu.
Dhibeen kunis irra deddeebiin wayita mudatuutti, dhiphina ujummoo qilleensaa, rakkina, tibba hirribaatti rakkoo argansuu, kurruufuu fi kkf dabalaa dhufa jedhu.
Haalli akkasii kun kan baayyee cime yoo ta’e ammo wallaansa baqaqsanii wa'laanuu taasifamu qaqabsiisuu danda’a.
Rakkoolee fayyaa toonsiiliin hordofiisu maal fa’i?
Yeroo baayyee dhibee toonsilii akka salphaatti waan ilaalamuuf hanga lubbuu balaaf saaxiluurra qaqabsiisuu danda’a jetti Dr Tinsaa’een.
Keessattuu toonsiiliin baakteeriyaadhaan dhufu qonqoo keessatti malaan akka umamuu taasisuu danda’a jetti. Kanaan walqabatees wayita toonsiiliin dhitaa’aa adeemuutti akka barbaadamuutti qilleensa baafachuufi nyaata liqimsuu irratti rakkoon uumuu danda’an jedhan.
Akkasumas yeroon yoo hin wallaanamne qonqoo irra darbuun ujummoo onnee irratti miidhaa qaqabsisuu akka malu kaasu.
Rakkoon sababii tonsiliitiin ujummoo onnee irra gahu kunis Rheumatic fever jedhama. Kanaanis wal qabate biyyoota tonsiiliin keessatti balinaan mulatuutti, lakkoofsi daa’imman rakkoo onneetiif saaxilaman hedduu ta’utu himame.
Kana malees tonsiiliin hin wallaanamiin dandeettii kale dadhabsiisuun rakkoo fayyaa biraa hordofsuusuu mala jedhu Dr Tinsaa’een.
Daa’imman rakkina akkasiif saaxilamanis fulliisaanii ni dhiitaa’a, dhiibbaan dhiigaasaanii ni dabala, dandeettiin ficnaan qulleessuu kaleesaanii ni dadhaban.
Sababii dhibee onnee kanaanis Itoophiyaatti daa’imman hedduun wallaansa baqaqsanii yaalamuuf saaxilamu.
Kanaan dura BBC Jidduugala odeeffannoo dhibbee Onnee Itoophiyaa irraa dubbisee kan ture Ispeshaalistiin onnee, Dr Heelan Bafiqaaduu ‘‘toonsiiliin attamiin wallaanamu akka qaburratti hubannoo cimsuun qofti lakkoofsi daa’imanni wallaansa onnee barbaadan waggoota 15 dhufaniif dachaan akka hir’atu taasisa’’ jedhanii ture.
Wallaansi mana keessatti raawwatamu ni jiraa?
Tonsiiniin wayita mudatuutti bishaan soogiddaan lulluqqachuu, cunfaa loomii dhuguun kan barameedha. Osoo dhiibeesaa adda hin baafamne kana gochuun sirrii miti jedhu oggeettiin kun.
Toonsiilii vaayirasiidhaan dhufe yoo ta’e garuu qoricha ho’aafi dhukkubbii hir’isuu fudhachuufi dhagala’aa gahaa dhuguun akka gorfamu himu.
‘‘Kun taasifamu baatulleen vaayirasichi adeemsa mataasaatiin waan bilchaatuuf ofumasaatiin badu danda’a’’ jedhu.
Ta’us garuu toonsiiliin baakteeriyaadhaan dhufu wallaansa hammayyaa yoo taasifameef malee rakkoo fayyaa gara biraatiif saaxilu akka danda’u kaasu. Yeroo tokko tokkoos mallatolee dura eeramaniin alatti funyaan cufamuufi firrii qabaachus akka danda’u kaasu.
Haata’u malee dhibeen kun kam akka ta’e adda baafamu kan da’amu yoo mana yaalaatti ilaale qofaadha jedhu.
Biyyoota guddatan keessatti meeshaaleen ittiin qoratamu gahaan waan jiruuf haala salphaatti akka baafamu danda’a jetti.
Attamiin ittisuun danda’ama?
Dhukkuba afuraan darbu ittisuun rakkisaadha. Kunis tibba Covid waan hubatameedha.
Qulqullina dhuunfaafi naannoo eeguun, erga namoota waliin waliiti dhufneen fi mana fincaaniin booda harka saamunaan dhiqachuu tolsiinii ittisuuf ni gargaara.
Yoo mallattoonni dhukkubichaa mudateetti ammo gara mana yaalaa deemuun rakkina fayyaa biraaf saaxilamurraa ni oolcha jetti.
Wallaansisaa maaliidha?
Dr Tinsaa’een wallaansi isaa haaluma dhukkubaafi ulfaatinasaatiin adda addaa jetti.
Wallaansi salphaan shiroopphii ykn kan haala kiniikii kennamu qoricha farra baakteeriyaa ta’u danda’a.
Yoo baayyee irra dedeebii’eefi marma jalatti malaa guduuffate ammo lilmoon akka dhangala’u gochuun wallaansi kennamu danda’a.
Kana caalaas kan cime yoo ta’e arrabni arsassee akka wallaansaan baafamu taasifamurra gahamu danda’a.
Akkasumas yeroon osoo hin wallaanamiin hafee yoo onneefi kaleerratti rakkoo fayyaa uumee, haala baqaqsanii wallaanuu barbaachisu danda’a.