Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Erga Arsenaal leenjisuu eegale wagga shan kan guute Arteettaan jalqaba 'sodaadheen ture' jedhe
Mikeel Arteettaa leenjisaa Arsenaal ta'ee erga hojii eegalee Jimaata darbe waggaa shan guute.
Jalqaba hojii kana yeroo eegalu ''sodaadheen ture'' kan jedhu gaheessi ganna 42, leenjisummaan, Arsenaal kilabasaa jalqabaati.
Duraan Maanchister Siitiitti gargaaraa leenjisaa Peep Gaardiyoolaa ture. Gara Arsenaal kan dhufe leenjisaan duraanii kilabichaa Unaay Emrii ar'iamuu hordofeeti. Yeroo Arsenaal dhufu kilabichi sadarkaa 10ffaarra ture.
Miira jalqaba leenjisaa ta'ee yeroo dhufu isa keessa ture kan qoode Arteettaan ''wanta gochuu danda'uun, eenyuunuu akkan hin mufachiisne mirkaneeffachuun barbaadaa ture'' jedhe.
''Tarii ammoo sodaadheen ture.
Sana dura eenyuunuu leenjistee hin beektu, isayyuu walakkaa bara dorgommiiti, qophii homaa hin qabdu, tuuta leenjiftootaa hin qabdu, tasa hojii ajaa'ibaa fi guddaa kana akka fudhattu gaafatamte.''
Arsenaal baruma sana (2019) FA Cup injifate. Bara itti aanu ammoo saddeettaffaa ta'uun liigicha xumure.
Bara 2021-22 shanaffaatti ol siquun liigicha xumure. Ergasii morkataa waancaa liigichaa ta'ee argame. Baroota lamaan darban lammaffaa ta'uun xumure.
Arteettaan bara 2019 jalqaba Emireets yeroo gahu wanti hojjete maala akka ta'e yoo yaadatu aadaa kilabichaa fooyyessuu akka ta'e hime.
''Wantin jalqaba godhe, kara nama ani qacare tokkoon kilaba kubbaa miilaa kana keessa akkamiin hojjechuu akka barbaadan yaada sassaabuudha.''
Haalli yeroo sana hubate wanti jijjiiramuun irra jiru jiraachuusaa akka ta'es dubbate.
''Hojimaata sirreessuun hidda kilaba kubbaa miilaati. Hiddootni kun babbadaniiru yoo ta'e, isa malee wanti ijaartu hin jiru'' jedhe.
Bara jalqabaa sana wanti godhe hiddoota kana cimsuufi sirreessuuf murtee jajjaaafi xaarii hedduu gochuu akka ta'es hime.
Hojii bu'uuraa kana booda kilbicha akka barbaadutti ijaaruuf hireen uumamuu dubbatte.
Arteettaan waancaa FA mo'achuu booda dheebuu waancaa deeggartoota Arsenaalitti xumura gochuuf itti dhiyaatus ammatti hin milkoofne.
Bara kana tapha tokko kan harkaa qabu fi liigicha kan dursu Liivarepuulirraa qabxii jahaan fagaatee sadaffaarra jira.
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irrattis tapha jaharraa qabxii 13 sassaabbatee sadarkaa sadaffaarra jira.
Jifataan Arsenaal Bukaayoo Saakaa bara kana waancaa piriimiyeer liigii yookan Shaampiyoonsi Liigii injifachuu barbaanna jennee himuutti hin saalfannuu jedheera.
Artettaan waggaa shan booda mikii eegamu argataa?