Killee soorachuun fayyaa keenyarratti dhiibbaa akkamii qaba?

Killee soorachuun fayyaa keenyaaf gaariidhaa moo dhibee onneef nu saaxila? BBCn dhimma kana ragaa saayinsaawaan dabaalee xiinxaleera.

Soorata jiran keessa killeen qopheessuuf baayyee salphaadha, gatiinis madaalawaadha. Akkasumas salphaatti kan argamu, soorata pirootiiniidhaan badhaadhe.

Killee soorata kaanitti dabaluun soorachuun hamma vaayitaaminii dabala. Qorannoon tokko killee salaaxaa waliin nyaachuun vaayitaamin E akka argannu taasisa jedhe.

Gama kaaniin killeen (buuphaan) qabiyyee kolestiroolii baayyee waan qabuuf fayyaaf sodaatama.

Qorannoo gariin hammi koloestiroolii yoo baayyate dhibee onneef nu saaxiluu danda'a jedhu.

Killeen tokkoonshee kolestiroolii miiligiraama 300 qabdi.

Kana jechuun killeen nyaata bayeessa ta'uun hafee kan miidhu taasisa jechuudhaa?

Killee fi kolestiroolii

Bifa coomaan (fat) yeroo baayyee tiruu fi mari'umaan keessatti kan oomishamu kolestirooliin kutaalee qaamaa keenya hunda keessattis mul'achuu danda'a.

Kolestiroolii akka waan badaatti yaaduun kan baratameedha.

Garuu seelota keenya ijaaruuf akkaan murteessaadha. Qaamni keenya akka vaayitaamin D, hormoonii teestostiroonii fi oestrogen oomishuufillee ni gargaara.

Qaamni keenya kolestiroolii hanga isa barbaachisu oomishuu danda'a, ammoo soorata keessaas ni argama.

Akka fakkeenyaatti foon, killee, dhadhaa, baaduu fi lubbu qabeeyyii bishaan keessaa (prawns) eeruu dandeenya.

Killeen soorata kolestiroolii hedduu fi cooma (fat) muraasa qabaachuun beekamudha.

Waldaan Fayyaa Onnee Ameerikaa bara 2020 guyyaatti killee tokko qofa soorachuu akka qabnu gorsee ture.

Garuu qorannoon yaada uummataa bara 2020 gaggeeffame hariiroo guyyaatti killee tokko caalaa soorachuu fi dhibee onnee- coronary artery disease jedhamu gidduu jiru ibseera.

''Kolestirooliin killee keessa jiru kan foon keessa jiru caala, ammoo coomi kuufame kana caalaa kolestiroolii dhiigaa dabaluu danda'a. Kun qorannoo waggootaaf gaggeeffamaniin agarsiifameera,'' jette Maariyaa Luuz Farnaandeez.

US Yunivarsitii Connecticut jedhamutti pirofeesara saayinsii sirna nyaataa kan taate Maariyaa Luuz Farnaandeez, qorannoo isheen bara 2019 gaggeessite killee soorachuu fi dhibee sirna onnee yookiin dhiigaa- cardiovascular disease gidduu hariiroon akka hin jirre mul'isa.

Yunivarsitiima kanatti tumsaa pirofeesara sirna nyaataa kan ta'e Kiristoofar Bileesoo kolestirooliin killee yaaddoo fayyaa homaatuu hin qabu jedhe.

Kolestirooliin yoo hidda dhiigaa keessatti oksijiiniin walmakee fi haayidiroojiinii of keessaa fixu (oxidised) kan inni balaafamaa ta'u.

Garuu haalli kun kolestiroolii killee keessatti argamu mudachuu hin danda'u jedha ogeessi saayinsii nyaataa kun.

''Kolestirooliin yoo oksijiinii makatee fi haayidiroojiinii fixatu (oksidaayized ta'u) qaamni keenya guddoo dheekkama. Killeen kana ofirraa qolachuu danda'a,'' jedhe.

Akka ogeessi nyaataa kun jedhutti namoonni killee sooratan paartiikiloota kolestiroolii oofuun qaama keessaa akka ba'u taasisan- High-density lipoprotein (HDL) hedduu qaamasaanii keessaa qabu.

Namoonni akkasii warra kaan caalaa fayya qabeessa ta'uu qorannoon adda baaseera.

Kanneen ulfaatina humnaa olii yookiin dhibee shukkaaraa qaban HDL muraasa qabaatu jedha Bleesoon.

Kanaafuu killee soorachuun nama dhibee kana qabu caalaa nama fayya qabeessa ta'e miidha jedha.

Ammoo seelota HDL qaama keessaa qabaachuun miidhaa caalaa faayidaa qaba.

Killee soorachuun fayyummaa onnee fi hidda dhiigaa keenyaaf bayeessa. Qorannoon Chaayinaa bara 2022 ba'e tokko namoonni killee sooratan kaan caalaa dhiiga isaanii keessaa pirootiinii apolipoprotein qabaachuu danda'u.

Kun ammoo kantaruu dhiigaa fi dhibee onnee jalaa nama baraaruu danda'a.

Qorannoon dhihoo kana uummata Ameerikaa miiliyoona walakkaa caalan kanneen umriinsaanii 50 fi isaa ol ta'an irratti gaggeeffame killee soorachuun dhibee fayyaa lubbuu gaaga'u waliin hidhata cimaa qaba jedhe.

Dhibee onnee fi sirna dhiigaa akkasumas kaansarii akka fidu agarsiisa qorannoon kun.

Ammoo kanneen killee guutuu sooratan caalaa kanneen qaama killee isa adii qofa sooratan carraan lubbuunsaanii gaaga'amaa ni xiqqaata.

Kanaafuu namoonni killee guutuu soorachuu caalaa qaama killee isa adii fi gara alaa jiru soorachuu akka qaban gorsa qorannoon kun.

Qorannoowwan hedduun kanneen killee soorachuun fayyaa keenyaaf bayeessa ta'uu ibsanis jiru.

Bara 2018 uummata Chaayinaa miiliyoona walakkaarratti qorannoon gaggeeffame faallaa qorannoo Ameerikaatti gaggeeffameeti.

Killee soorachuun dhibee onneef akka nama hin saaxille akkasumas namni killee sooratu carraan kantaruu dhiigaan du'uu isaa kan nama killee hin sooranneen yoo walbira qabamu dhibbeentaa 28n gadi bu'a.

Qaamni killee isheen gidduu (bifa keelloo) fayyaa keenyarratti dhiibbaa akkamii qabdi?

Qorannoowwan dhiibbaa kolestirooliin killee keessa jiru fayyaa keenyarratti qabu irratti gaggeeffaman mata duree falmii turanis, amma killee fi dhibeen hariiroo akkamii akka qabaatan hubanneerra.

Kanneen keessaa tokko faayidaa qaamni killee isheen gidduu jirtu qabdudha.

Qaamni killee halluu keelloo qabdu kun dhibee Alzaayimar jedhamu nurraa ittisuuf gargaarti.

Tiruu keenya eeguufis ni fayyaddi, akkasumas dandeettii yaaduu fi yaadachuu nuuf fooyyeessiti.

Garuu miidhaas qabaachuu danda'a. Qaamni walakkaa (handhuura) killeetti argamtu kun erga daakamtee booda molekiyuulota onnee fi sirna dhiigaaf yaaddoo ta'anitti geeddaramuu dandeessi.

Ogeessi sirna nyaataa Bileesoon qaama killee kana nyaachuun molekiyuulota balaa uuman kunneen dabaluu danda'a jedha.

Qorannoon 2021 gaggeeffame ammoo dargaggeessi nagaa qabu kutaa killee kana guyyatti afur yoo sooratellee dhiibbaa hin qabaatu jedha.

Kanaafuu killeen fayyaa keenyaaf gaariidhaa?

Saayintistoonni sirna nyaataa dhumarratti killeen akka fayyaa keenyaaf gaarii ta'e hubataniiru.

Kutaan killee isheen gidduu halluu keelloo qabdu seelota tishuu ijaa balaarraa ittisan- lutein jedhaman maddisiisti.

Kun ammoo iji keenya agartuu gaarii akka qabaatuu fi akka garmalee hin miidhamneef gargaara.

''Ratiinaa ijaarratti lutein lamatu argamu. Kunneen ratiinaan akka ifa garmaleen hin miidhamneef fayyadu. Killee ishee gidduu nyaachuun kana gabbisa,'' jedha Joonsan.

Qorattoonni hedduun killee soorachuun dhiibbaan inni qabu namaa namatti maaliif garaagara akka ta'e hubachuurraa fagoo jiraatanis, baayyeensaanii kanneen dhihoo kana gaggeeffaman killeen fayyaa akka hin miine waliigalan.

Miidhaa caalaa faayidaa akka qaama keenyaaf kennan agarsiisu.

Ammoo yeroo hunda ciree irratti killee nyaachuun kan gorfamu miti.