Waancaa 'FA Cup' Maan Siitii moo Maan Yuunaayitid mo'ata?

Burunoo Fernaandez, taphataa Maan Yuunaayitid

Madda suuraa, Getty Images

Maanchister Siitii fi Maanchister Yuunaayitid Sanbata boruu waancaa ‘FA Cup’f wal morkatu.

Masaanummaan kileboota lameenii yeroo dheeraaf kan ture tahus, yeroo kilebootni lamaan waancaa xumuraaf waliin dhaqabuun wal falmatan kun kan jalqabaati.

Liigii Ingilaandi keessatti kilebootni lameen waggoota 132 tahuuf wal morkataa turaniiru.

Warri cuquliisaa fi seexanoota didiimoo kileboota xixiqqoo tahanii hundeeffamanis har’a kileboota addunyaa gurguddoo tujaara tahan jalqaba irra jiran keessaa tokko.

Deeggartootni kileboota lameenii addunyaa biyyoota adda addaa keessaa gara Landan imalaa jiru.

Raavii namni jedhamu Maanchister Yuunaayitid deeggaruuf Singaapoorii ka’uun gara Landan imaleera.

Deeggarsa isaa ibsachuufis uffata Maanchister Yuunaayitid bara 1985 waancaa FA Everteen injifachuu agarsiisu uffatee deeme.

Dorgommii Waancaa xumuraa kileboota Maanchister lamaan seenaa keessatti kan jalqabaa tahe kana irratti argamuuf gara doolaara 4000 hanga 5000 baasii godhera.

Maanchister Siitiin gahumsa olaanaa irratti akka argamu beekamaadha. Waancaa Piriimer Liigii injifataniiru.

Shaampiyoonsi Liigii Waxabajji 10 bara 2023 Tarkii istaadiyoomii Ataatuurk oloompiik jedhamutti Inter Miilaan waliin taphatu.

Haa tahu malee, Maanchister Yuunaayitid waancaa Kaarabawoo erga injifatee Piriimer Liigiidhaanis sadaffaan xumure.

Maan Siitiin gama tokkoon Shaampiyoonsi Liigii mo’achuu waan barbaaduuf taphattotaaf boqannaa kennuus yaaduu danda’a. Garuu taphni kileboota lamaan gidduutti gaggeeffamu salphaa hin tahu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1999, Sir Aleeksi Fergusan waancaa Piriimer Liigii, FA fi Shaampiyoonsi Liigii Maan Yuunaayitid waliin mo’atan.

Ingiliz keessaa kilabni seenaa kana galmeesse gara biraa hin jiru.

‘’Eeyye waa’ee seenaa kilaba keenyaa ni beekna. Deeggartotni keenyas morkattootni keenya seenaa akkasii akka galmeessan hin barbaadan. Garuu nuuf waan guddaan Maan Siitii waancaa sadii injifachuu irraa dhaabuu qofa osoo hin taane waancaa kana injifachuudha,’’ jedhe.

Dabalataan bara dorgommii kana haala gaariin xumuruuf waancaa injifachuu barbaanna.

Buruunoo Fernaandez waa’ee Erik Ten Haag yoo dubbatu, guyyaa jaqaba dhufe irraa eegaluun waan hundaa mo’achuu akka barbaadu hubanneera.

Yaada taphattoota keenyaas jijjiiraniiru. Taphataan hundiyyuu kana beekee yeroo hundaa qophaa’aa tahuu qaba. Gahumsa kee irratti hin argamtu taanaan karoora isaan ala taata jedhe.

Antoonii Maarshaal, Liisaandiroo Maartinezii fi Aantoonii saantos miidhamarra waan jiraniif Maan Yuunaayitidiif hin taphatan.

Gama Maan Siitiidhaan miidhama haaraan hin jiru.