Kormaan lukkuu mana-murtiitti himatame duuti itti murtaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Kormaan handaaqqoo sagaleesaan ollaa jeequun hirriba nama dhorke himatame hanga Jimaataatti (Ebla 07, 2023) akka qalamu Manni Murtii murteesse.
Manni Murtii Naayijeeriyaa abbaan kormaa lukkuu kanaa akka qalu kan murteesse, erga ollaan sagaleen Kormaa lukkuu kun hirriba isaan dhorkuu iyyataniiti.
Manni Murtii Kaaba Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo keessatti argamu kun sagaleen lukkuun kun halkan guutuu dhageessisaa bulu akkaan kan nama jeequ ta'uu ibseera.
Sagaleen lukkuu kanaa hirriba isaan dhorkuu kan iyyatan namoota ollaa lama.
Namoota lukkuun kun boqonnaa isa dhowwuu himatan keessaa tokko Yuusuf Muhammad jedhama.
Iyyi kormaa lukkuu kanaa mirga nagaadhaan hirriba rafuu isaa akka sarbe mana murtiitti iyyate.
Abbaan qabeenyaa lukkuu kanaa Isiyaakuu Shu'ayibuu lukkucha ayyaana guyyaa fannoo- Good Friday jedhamuuf qalachuuf akka bite mana murtiitti hime.
Manni Murtii hanga guyyaa ayyaanaatti akka yeroo kennuuf gaafateera.
Lukkuun kun maatiidhaaf waan bitameef hanga guyyaa ayyaanaatti akka hin qalamne jechuunis falmeera.
Abbaan Seeraa Haliimaa Waalii gaaffii abbaa qabeenyaa lukkuu kanaa fudhataniiru.
Garuu lukkuun kun sagaleesaan ollaa akka hin jeeqne ittisuu akka qabu akeekkachiisan.
Kanaan booda lukkuun lubbuun jiraachuuf, iyyee namoota ollaa hirriibaa fi boqnnaa dhorkuu dhaabuu qaba jedhan.
Abbaan qabneeyaa lukkuu kanaa Jimaata borii hin qalu taanaan, adabbiin akka isa eeggatu manni murtii akeekkachiiseera.
Bineensonni nama waliin mana murtiitti falmuun wayita injifataman yookiin injifatan oggaa dhageenyu nu ajaayibuu danda'a.
Keessattuu lukkuu kormaan walqabatee dhimmoonni garaagaraa wayita mana murtiin ilaalaman ni mul'atu.
Kanaan duras bara 2019 keessa Firaansi keessatti lukkuun obboroo iyyuun nama jeeqee erga himatamee booda injifateera.
Oduun himannaa seeraa kormaa lukkuu kana irratti dhiyaate addunyaarratti erga dhaga'amee deeggarsa hedduu argateera.
Kun kan agarsiisu namoonni hedduun rakkoo kanaaf kan saaxilamanii fi ofirraa iyyachuu akka barbaadaniidha.
Garuu manni murtii lukkuun iyyuun jireenyaan waan walqabatuudha jechuun himaticha kuffise.
Lukkuun himatames dhimmicha irra aane.
Kan Naayijeeriyaa kun gama kanaan hin milkoofne, murteen qalamuu isa mudateera.












