Faransaayitti Kormaan handaqqoo ollaa jeequun mana murtiitti himatame injifateera

Madda suuraa, AFP
Manni Murtii Faransaayii kormaan indaaqqoo ganama barii barraaqaan iyyee nu jeeqe jechuun himannaa warrii ollaa dhiyeessee Kormaan indaaqqoo injifate.
Mawuris indaaqqoo picturesque odola Faraansaayii Oliroon jedhamtu, qarqara Atilaantikitti abbaa warraa fi haadha warraa soorama bahan jeequun himatame.
Oduun himannaan karaa seeraa irratti dhiyaate addunyaarratti erga dhaga'amee deeggarsa hedduu argateera.
Qabeenyummaan kormaa handaaqqoo kanaa Koornii Fiisiyuu murtoo kanatti baayyee gammaduu himteetti.
'' Namoota akka kootti haala walfakkaatu keessa turaniif injifannoodha. isaaniifis fakkeenya ta'a jedheen abdadhaa'' jettee tajaajila oduu AFP tti himte.
Ji'a Adoolessaa dhaddacharratti abukaattoon ishii himannaan ishirraatti dhiyaate qaanessaa dha, indaaqqoon iyyuun jireenyarraa adda bahee hin ilaalamu jedhe.
Adde Fiisiyuun waggoota 35'f odola Oleroon kan jiraatte yoo taatu, otoo abbaan murtii itti murteessee iddoo jiraattuu gadhiiste deemuu ykn kormaa kana calllisiisutu irraa eegama ture..
Haata'u malee ,miidhaa irra qaqqabeef dolaara 1,100 beenyaan akka kennamuuf ogeessi seeraa ishii kamisa har'aa himeera.

Madda suuraa, Reuters
Falmii seeraa kanarratti "Save Maurice" jechuun iyyata kormaa kana bararuuf namoota 140,000 mallatteesse.
Kormaan handaaqqoo ganna afurii beekamtii kan argate yoo ta'u, siidaan kormaa handaaqqoo 'Gallic Cockerel' mallattoo faajjii biyyalessaa Faransaayi.
xalayaan deeggarsaa fi Kormaa kana bituuf kanneen barbaadan Ameerikaarraalle otoo hin hafiin gaafachuusaanii Rooyiters himeera.
Himannaan cimaan akkasi waldhabbiin jirattoota baadiyyaa Faransaayii fi namoota magaala dhiisanii iddoo biratti deemanii jiraachuu barbaadan gidduu jiru dabalaa jiraachuu mul'ise.
'' Kuni waldanda'uun dhabamuu muli'isa, barsiifata jiraattoota naannichaa fudhachuu diduudha'' jedhe Kiristoofel Seyuur kantiibaan magaala xiqqoo kanaa AFP tti wayita himu.
Kantiibaan magaala biraa Birunoo Du Sajuur jedhamu sagaleen sa'a mar'attu,bilbila mana amantaa fa'aan hambaa Faransaayii ta'aanii akka galmaa'anii fi komiin akka irratti hin dhiyaanne xalayaa barreessee gaafateera.












