Balaa suukanneessaarraa hafee carraa lubbuun jiraachuu kan argate taphataan West Haam kubbaatti deebi'aa?

Mikaayil Antooniyoo akkaataa itti konkolaataasaa mukatti buuse hin beeku. Kan inni bare erga balaan sun mudateeti.
''Wayita poolisoonni dhufan teessoowwan duubaa lama gidduutti kufeera. Teessoon irra taa'ee konkolaachisaa turerra hin turre,'' jechuun waan battala sana ture hanga tokko yaadata.
''Karaa foddaa utaalee ba'uuf akka waanan yaalaa tureetti natti himan. Garuu miilli kiyya garmalee waan cabeef konkolaataa keessaa ba'uu hin dandeenye.''
Suuraan konkolaataan Antoonii (Ferrari) muka naannawa Bosona Epping (Epping Forest) jirutti bu'ee (itti maxxanfamee) kan mul'ate Mudde darbe ture.
Suuraan akka mul'isutti balaan sun akkaan suukanneessaa fi yaaddessaa ture.
Namoonni hedduun lubbuun jiraachuu Antoonii irratti gaaffii dhiheessaa turan.
West Haam keessatti goolii hedduu kan galche taphataan kun luki isaa waan cabeef torbee sadii oliif hospitaala ture.
Dhaabbiisaa guutuutti deebi'uuf baayyee qorameera.
Antooniyoon ammallee dirreetti deebi'ee ga'umsa olaanaadhaan akka kubbaa taphatu abdata.
Baayyee du'atti dhihaatee akka turee fi lubbuun har'a ga'uunsaa akka carraa biraa kennameefitti waan ilaaluuf tapha kubbaa miillaatti deebi'uutti cicheera.
Guyyaa sana maaltu mudate?
Muddee 7, guyyaa Sambataa Antooniyoof ganama addaa ture, West Haam tapha guyyaa lama booda Wolvis waliin taphatuuf shaakala qaba ture.
Guyyaa sana haalli qilleensaa ''bubbee, jiidhinsa kan qabuu fi mijataa kan hin taane,'' akka ture yaadata.
Antooniyoon guyyaa sana ganama gorsa haadha manaasaa hin dhageenye. ''Dadhabaa,'' ture.
Korojoo isaanii konkolaataasaanii kan biraa keessaa akka kaa'an wayita isheen itti himtu inni mataa jabaate.
Hunda Ferrarii keessa kaa'anii daandii qabatan.
''Konkolaataan kiyya karaa duubaarraan baayyee raafamaa ture. Na sodaachisaa ture,'' jedhe.
Osoo gara manaa deebi'uu balaan sun akkamiin akka mudate gaafatamee, ''homaa hin yaadadhu,'' jedhe Antooniin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Antooniyoon wayita poolisiin isa bira dhufetti waan ture wayita yaadatu ''miilli koo cabee ture. Sibiila gidduu ture,'' jedhe.
Antooniyoo konkolaataasaa caccabde keessaa fuudhanii Hospitaala geessan.
Torbee sadi booda deebi'ee caccabaa konkolaataasaa daawwate.
''Taateen sun baayyee du'atti na dhiheessee ture. Wanti mudate kan suuraa irraa mul'atu caalaa suukanneessaa ture. Konkolaataan ni barbadoofte. Yeroo hamaa ture.''
Antooniin Sambata erga balaan kun irra ga'ee booda Dilbata akkas jechuun gareesaa (taphattoota West Haamiif) ergaa erge.
''Lafeen qaama kiyyaa bakka afuritti na cabeera,'' jedhe.
Kanaafis wal'aansa baqaqsanii yaaluu akka argate hime.
Luki isaa guutummaatti fayyuuf ji'a ja'aa hanga 12 akka itti fudhatu doktaroonni itti himamuu hime Antooniyoon.
Balaa konkolaataa taphataa kana mudate ilaalchisee yaadota garaagaraatu kennamaa turan.
Antooniyoon dhugee yookiin qoricha nama si'eessu fudhatee waan konkolaachiseef balaa kanaaf saaxilame yaadi jedhu miidiyaa hawaasummaarra ture.
Antooniyoon akkas jedhe: ''Leenjirraati kanan deebi'aa ture. Maalumaafuu an jireenya kiyya keessatti dawaa fayyadamee hin beeku. Dhugaatii nan jaalladha jedheera. Garuu haala yeroo sana tureen dhugaatiin, dawaan an fudhe hin turre. Kana poolisiinis mirkaneesseera,'' jedhe.
''Erga balaan na mudatee miiran jireenya kiyya keessatti argee hin beekne keessan seene. Garuu gaarummaaf akka ta'ettan fudhe.''
Antooniyoon deebi'ee kubbaa taphachuu danda'aa?
Antooniyoof gaaffii guddaa ta'ee kan dhihaateef ''Antooniin kanaan booda dhuguma Antooniyoo duraaniitti deebi'aa?'' kan jedhu ture.
''Eeyyeen, %100. Kubbaa taphachuutti nan deebi'a,'' jedhe.
Garuu waan shakku tokko qaba. Torbee lama dura doktarri isaa ''miidhami hamaan wayita isa mudatutti'' insuuraansii akka qabu gaafate. Baayyee rifate.
''Guyyaa sana rafuu dhiisii iji kiyyallee walirra hin buune,'' jedhe Antooniyoon.
Antooniyoon gara fayyaasaa guutuutti deebi'uuf qormaata cimaa keessa darbe.
Sochii qaamaa (mana sochii jabina qaamaa-gym)tti deddeebi'uu dabalatee heddumminaan hojjechuutu irra ture.
''Xiyyeeffannaan kiyya isa kana. Ji'oota ja'an dhufaniif kanan hojjedha. Haalan amma keessa jiru ilaalchisee an waanuma gaariin yaada. Balaa hamaadha, suukanneessaadha, garuu gaarummaaf,'' jedhe.
Balaan akkanaa jireenyasaa keessatti argee akka hin beekne kan hime Antooniyoon, haala fayyummaasaa ilaalchisee bakka silaa ji'oota lamaa hanga sadii booda ga'uun irra ture dursee akka ga'ee jiru dubbate.
''Kanarraa ka'uun deebi'ee kubbaa akka taphadhu dubbachuu nan danda'a. Yoon kubbaa taphachuu eegale ammoo dhaabbii koo duraaniitti akkan deebi'u nan abdadha.''












