Asmaa al-Asaad, haatii warraa Baashaar al- Asaad eenyuu?

Yeroo Baashaar al-Asaad gara waggoota 25tti pirezidaantii Sooriyaa ta'uun hojjechaa turanitti, namni tokko cinaa isaa turte: isheenis haadha warraa isaa dhalattee Biriteen kan taatee Asmaadha.

Gaheettiin ganna 49 kan taate Asmaan, tibba ta'e tokko akka agarsiiftuu Sooriyaa ammayyaa'aa jirtu ta'uun kan dhiyaataa turte yoo ta'u, erga wal waraannis biyyattii keessatti erga Bitooteessa 2011 jalqabee garuu maqaashee gudda hin kaane.

Lixa Landan, Akton keessatti warra lammii Sooriyaa ta'an irraa kan dhalatte Asmaa Akhraas, ogeettii onnee fi dippilomaatiidha. Asmaan mana barumsaa dhuunfaatti kan baratte yoo ta'u, hiriyyoota isheetiin "Emma" jedhamun beekamti turte.

Osoo baankii invastimantii irra hojjachuu hin eegaliin duras, Kolleejjii beekamaa King's College Landanitti saayinsii kompiitaraa barattee jirti.

Isheenis Landanitti ture kan Asaad, ogeessa baqaqsanii wallaanuu hubannoo gahumsa qabuu fi yeroo sanatti achitti barachaa ture kan wal barte.

Asmaan bara 2000tti gara Sooriyaa imaluun baruma sanatti Asaad waliin gaa'ila dhaabbatan. Kunis erga abbaasaa Haafez al-Asaad bakka bu'uun pirezidaantii ta'ee ji'oota muraasa booda ture.

Isaan boodas ijoollee sadii; ilmaan dhiiraa lamaa fi intala tokko kan waliin godhatan yoo ta'u, amma hundi isaanii ga'eessota ta'aniiru.

Qabeenya hariiroo hawaasaa

Waggoota dheeraaf, haalli guddina Asmaa Biriteen keessaa Sooriyaa keessatti haaromsa siyaasaa jajjabeessuu mala jedhamee biyyoota lixaatiin kan abdatamee ture yoo ta'u, dhaabbanni PR UK jedhamus Asmaan akka fuula fakkeenya biyyattii idil-addunyaa taatuuf akka gargaaruuf qacaramee ture.

Maddi tokko bara 2012 BBC'tti akka himetti, Asaad Asmaan biyya Baha Giddu Galeessaatiif fuula haaraa, ammayyaa ta'e dhiyeessuuf qabeenya akka taatu beekeetu fuudhe.

Yeroo sanatti namoonni hedduun gaa'elli isaanii kun dantaa hordoftoota amantaa lamaanii; kan Sunnii warra caalmaa biyyattii fi Asmaan qaamasaa ta'ee fi garee Alaawite kan Asaad isaan keessaa tokko ta'e walitti makuuf akka carraatti ilaalaa turan.

Haata'u malee, maddi kun, Asmaan gahee giiftii duree qabaachuun maatii Asaad keessatti waldhabdee uumee ture. Keessumaa obboleettii pirezidaantichaa Buushiraa fi haatii pirezidantichaa Anisseh kan dhimma hariiroo hawaasaaf baayyee hin dhimmamne isheetti gammadoo hin turre.

Tarsiimoon Hariiroo Hawaasaa (PR) milkaa'ina tokko tokko argate ture.

Guraandhala bara 2011keessa, barruun US Vogue mata duree "A Rose in the Desert" jedhuun seenaa dhuunfaashee ifa ta'e maxxanse.

Barreeffamni ergasiin booda barreeffamaa fi toora interneetii irratti qoodamaa tures, Asmaa akka "qaloo, bareedduu dheertuu fi kan sammuu xiinxalaan leenji'ee qabduu fi haxxummaa xiqqeessuudhaan badhaateetti," akkasumas "hawwattuu, dargaggeettii fi and baayyee hamayyooftuu" jechuun ishee ibse.

Gaazexeessituun barruu kana barreessite, Juuliyeet Joo'aan Baak, boodarra barruu kanatti gaabbuushee ibsuun, hojiichii hojiishee "faaluu" fi walitti dhufeenya Voog waliin qabdu dhaabuushee ibsite.

Seenaan dhunfaa kun erga gadhiifamee ji'a tokko qofa booda, Asaad fincila nagaa, deggersa dimokiraasii gara jabummaadhaan caccabsee, waraana biyya keessaa hamaa kan namoonni walakkaa miliyoonaa ol ajjeefamanii fi miliyoona 12 ta'an qe'eesaanii irraa baqachuuf dirqaman kaase.

Waggaa tokkoon booda, Guraandha 2012 keessaa ammoo, Asmaan waraana biyyashee keessatti eegalame irratti ifatti yaada kennite. Isheenis, ''miidhamtoota waraanichaa nan jajabeessa'' jette.

Gaazeexaan Biritish 'The Times' jedhamu ibsa isaatiin, abbaa warraashee deeggaruu ishee irra deebi'ee ibsee, "Pireezidaantichi pirezidaantii Sooriyaatii malee kan gartuu lammiilee Sooriyaa miti. Giiftii Dureenis gahee sana keessatti isa deeggarti" jedheera.

Bara walfakkaataatti, maqaa gaarii ummataashee irratti rakkoon biraa aktiivistoonni iimeelii dhuunfaa kumaatamaan lakkaa'aman kanneen Asaad irraa dhufan jedhaman gadi dhiisuudhaan, Asmaan meeshaalee qananiin akka jaallattu ibsan.

Imeeliiwwan jalqabarratti gaazexaa Biriteen Gaardiyaaniin ifa ta'an kunis, yeroo biyyattii keessatti jeequmsi dabalaa jiruutti illeen Asmaan koophee doolaara 5,000 (£3,200) baasuu barbadaa akkaakka turte agarsiisa.

Tilmaamni Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa bara 2022tti qabeenyi maatii Asaad doolaara biiliyoona 1-2 gidduu akka ta'u tilmaame.

Asmaan mataanshee Bitooteessa bara 2012 keessa Gamtaa Awurooppaatiin qoqqobbii irra kaa'ame. Hanga bara 2016tti, miidiyaalee biyya alaa waliin ammas hin dubbattu turte.

Garuu TV mootummaa Raashiyaan deeggaramu Rossiya 24tti akka himtetti, Sooriyaa akka gadi dhiiftuuf gaafatamtee diduu dubbatte. Haata'u malee gaaffiin kun eessaa akka dhufe hin dubbanne.

"Jalqabarraa kaasee asuman jira, tasuma bakka biraa ta'uuf yaadee hin beeku," jetti.

"Eeyyee, carraan Sooriyaa gadhiisee ba'uu ykn Sooriyaa irraa akkan baqachuu naaf kennameera. Gaaffiin kunis kan wabii nageenyaa fi eegumsa ijoollee kootiif ta'ee, kan nageenya maallaqaa illee dabalatu ture. Namoonni kun dhuguma maal hordofaa akka turan beekuuf ogummaa addaa hin barbaachisu. Amantaa ummanni pirezidaantii isaaniirratti qaban diiguuf itti yaaduun yaalii godhame ture."

Waraanichi akkuma itti fufeen, Asmaan tattaaffii tola ooltummaa hoogganuun, maatii loltoonni ajjeefamanii waliin wal arguu, dhaabbata guddicha mit-mootummaa hojii gargaarsaa qindeessu Syria Trust for Development hoogganuun hojjataa turte.

Bara 2018'tti keessa, kaansarii harmaan qabamunshee kan mirkanaa'e yoo ta'u, dhukkubichi sadarkaa jalqabaarra osoo jiruu wal'aansa argatteetti. Waggaan booda ammoo guutummaatti irraa fayyuushee ifatti beeksiste.

Caamsaa bara 2024 keessa ammoo, pirezidaantiin Sooriyaa Asmaan kaansarii dhiigaatiin qabamuushee ifa godhee ture. Ibsi ba'e akka jedhetti, wal'aansa pirootokoolii wal'aansa namarraa addaa baafamuu fi hirmaannaa hawaasummaa dhaabuu ishee gaafatu akka jalqabdu ibseera.

Gara waggoota 25'f giiftii duree ta'uunsheen Asmaa, Dilbata darbe humnoonni finciltootaa magaalaa guddoo Damaasqoo erga qabatanii booda Asaad aangoo pirezidaantii Sooriyaa ta'uun irraa kaafamee akka tasaa xumurame.

Amma Asmaafi abbaan warraashee Raashiyaa, biyya michuu ijoo sirna duraanii fi jedha miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa gabaaseetti, bakka koolu galtummaa siyaasaa isaaniif kenname keessa jiru.