Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aadde Adaanach ragaa ittisaaf Obbo Taayyeen waamanii mana murtiitti osoo hin dhihaatiin hafan
Abbaa Alangaa Federaalaan himatamanii mana sirreessaatii dhimmasaanii hordofaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aan wabiin erga mana hidhaatii bahanii booda yeroo jalqabaaf har'a mana murtiitti dhiyaatani.
Deetaa Ministeera Nagaa kan turan Obbo Taayyeen, himatawwan sadi irratti saaqame keessaa lamaan bilisa erga jedhamanii booda himata dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa mana isaaniitii argameera jedhame akka ofirraa ittisan ajajamuunsaa ni yaadatama.
Haaluma kanaan ragaalee ittisaa waammatan shan keessaa lama kana dura mana murtiitti argamuun jechasaanii kan kennan yemmuu ta'u, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa jecha ragaalee ittisaa hafanii dhaggeeffachuuf har'atti beellama qabatee ture.
Hidhaa waggaa tokko booda wabiin torban dura kan hiikaman Obbo Taayyeen, yeroo beellama isaanii dursanii qe'ee mana murtichaatti argamuun eegaa turan.
Ragaaleen ittisaa Obbo Taayyeen "dhimmicha ni beeku" jechuun waammatan keessaa tokko Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimadidha. Ta'us, waamichi xalayaa isaan hin geenye jedhame.
Kaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Ministira Magaalaafii Bu'uraalee Misoomaa kan ta'an Aadde Caaltuu Saaniiidha.
Akkasumas Ministira Nagaa kan turaniifi dhiyeenya Ambaasaaddara ta'uun kan muudaman Binnaalf Andu'aalam fi Poolisii Federaalaatti Ajajaa Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa kan ta'an Komishinara Itti Aanaa Malaakuu Fantaas kanneen waamichi taasifameef keessaati.
Ambaasaaddar Binnaalf Andu'aalam fi Komishinarri I/A Malaakuu Fantaa kanaan dura dhaddachatti dhiyaachuun jechasaanii kennaniiru.
Manni murtichaa jecha ragaalee hafanii dhaggeeffachuuf har'atti beellamee ture.
Haa ta'u malee, ragaalee ittisaa hafan sadeen keessaa namuu dhaddacha har'aa irratti hindhiyaanne.
Kantiibaa Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanach Abeebee fi Ministira Magaalaafii Bu'uraalee Misoomaa kan ta'an Caaltuu Saaniif waraqaa waamichaa erguu kan hime manni murtichaa, xalayaan Caaltuu Saanii biyya alaa jiraachuusaanii himu akka isa qaqqabe himeera.
Gama biraatiin Abbaan Alangaa, Obbo Taayyee danda'aa mana sirreessaatii bahuu isaaniitiin ragaalee ittisaa isaanii ofiif akka waammatan mana murtiitti kan iyyate yemmuu ta'u manni murtichaa yaada gama Abbaa Alangaan dhiyaate kuffiseera.
Dhumarrattis manni murtichaa jecha ragaalee ittisaa himatamaa dhaggeeffachuuf ALI Guraandhala 6, 2017'tti beellama qabateera.
Obbo Taayyeen eenyu?
Namni siyaasaa Obbo Taayyee Danda'aa, kaaniif goota, kaaniif ammoo rincicaadha jechuun isaan qeequ. Qeeqxonni paartii isaanii keessa jiranimmoo nama ''siyaasni hin galiiniif'' jedhuun.
Kunis ta'u miidiyaa hawaasummaa gara caalu dirree sagalee mormituu ta'eerratti aangawoota siyaasaa ija jabaatanii kataban keessaa adda dureedha.
Waan amanan ifatti dubbatu, afoolaan ergaa dabarfatu. Akka isaan jedhanitti duulli, himannaa, komiin, arrabsoofi doorsisoon 'girrisaa' isaan hin dhiphisu.
Bara mormii ummataa rogeessa siyaasaa turan. Boodarra aangootti dhufanii qondaala paartii biyya bulchuufi aangawaa olaanaa mootummaa ta'uun tajaajilan.
Duris, aangoo qabatanis waan itti fakkaate, waan itti amanan dubbachuu garuu hin dhiifne.
Boodarra dhimma nagaa irra deddeebiin kaasuu isaaniin dura yeroo waraana kaaba Itoophiyaa waraana deeggaraa turan. Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jedhurrattis himannaa jabaa katabaa bahan.
Morkattoota isaanii qofa osoo hin taane aangawoota olaanoo Naannoo Oromiyaa kaayyoorraa goran jedhan qeeqanis katabaniiru. Ittis qoratamaniiru.
Barataan Seeraa duraanii Yunivarsiitii Finfinnee kun, mootummaa keessas ta'anii bulchaa Itoophiyaa leellisaa bahan jecha jabaan qeeqan.
Waan kana dura biyya keessatti ta'ee hin beekne dalagan jedhu kanneen siyaasa biyyattii xiinxalan.
Obbo Taayyeen mootummaa garagaraa keessattis shororkeessummaafi mootummaa kuffisuuf yaaluun deddeebiin himatamanii murtiin irratti darbeera. Isaan garuu himannaa kanneen ni mormu.
Ammas waggoota 20 keessa umurii isaanii keessaa 1/4ffaa bakkee itti dabarsan seenaniiru - mana hidhaa.
Dhuguma Obbo Taayyee Danda'aan nama falmisiisaadha. Kana keessatti wanti adda isaan godhu garuu waan tokkotu jira.
Kanneen itti dhiheenyaan isaan beekan akka jedhanitti, waan yaadan galmaan gahuuf 'boollayyuu ni seenu'.