Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tumaan abbootiin Gadaa Shawaa Kaabaa gaa’illirratti tumame meeqa keenya baasiirraa dhorka laata?
Abbootiin gadaa Shawaa Kaabaa gaa'illi akka feetee babal'achaa jira jechuun 'seera qabachiisuuf' jechan tumaalee baasan.
Adeemsi fuudhaa fi heerumaa bu’uura aadaa isaa gadhiisaa jira jechuun abbootiin gadaa Godina Shawaa Kaabaa seeroota haaraa daangaa fi adabbiin daangeffame labsan.
Abbaa Gadaa Meelbaa Aanaa Kuyyuu fi miseensa abbootii Gadaa godichaa kan tahan Salamoon Gonfaa, Oromoon aadaa fi safuun mataasaa qabu dabee aadmaleen akka bakka hin qabanneef seeroota kana baasuuf dirqamne jedhu.
“Oromoon aadaa fi safuu qaba. Haalli amma jirummoo namni safuu cabsee aadmalee fi akka feeteetu baayyachaa jira. Daa’imni maatii harkaa bahaa jirti. Maatiin baasii hin taaneef saaxilamaa jira,” jedhan.
Tumaaaleen fuudhaa fi heeruma ilaalchisuun abbootiin gadaa labsanis duudhaa ganamaa godinicha ture bakkatti deebisuuf kan gargaaru akka ta’e himan.
Seeroonni haaraan adeemsa fuudhaa fi heerumaa ilaalchisuun abbootiin Gadaa Godinichaa labsan kunneenis qabxiiilee sagal kan qabudha.
Maacaa (Maallaqa maatii dubaraatif kennamu) birri kuma afur akka hin caalle, uwwisaan maatii misirroo abbaa fi akkaakayyuuf Bullukkoo Haadhaaf ammoo qamisii qofa akka ta’udha.
Uffata mucaan fuudhu intalaaf bitus lakkoofsaan adda baasee kan ibsu yoo ta’u, maatiin intala heerumsiisus meeshaalee intala heerumtuuf bituu qabu adda baasee kan tarreessedha.
Waa’ila dubaraa godhachuun guutumatti kan dhorkame yoo ta’u misirrichi ammoo waa’ila lama qofa akka godhatus akeeka.
Tumaan abbootiin gadaa shawaa kaabaa fuudhaa fi heeruma ilaalchisuun labsan kuni namoota amaamota deemanii fi firaa fi fira walbarsiisuu irratti hirmaachuu qabanis lakkoofsan daangaa kaa’eeraa.
Seeronni kunneen Guyyaa labsamerraa hojiirra akka oolu kan himan abbootiin gadaa namni tumaa abbootii Gadaa kana darbuun seericha cabse adabbii qarshii kuma 10 hanga kuma 50 akka isa eeggatus seera bahe kanarratti eerameera.
Seeronni haaraa bahan kuni mirga namoota fedhii isaaniin baasii barbadan basuu barbaadanii hin sarbuu? Jennee kan gaafanne abbaa Gadaa Solomoon, seerri kuni kan bahe marii hawaasaa bu’uura godhachuuni jedhan.
“Namni dinagdee gaarii qabu gochuu danda’a. qonnaan bulaan kaan ammoo amma rakkoo baayyee keessa jira. inni qabu sun yoo akka barbaade godhe kan hin qabne sun ammoo akka abaluu sana jedhee adeemsa fuudhaa heerumaa miidha. Rakkoo cimaa keessa seena,” jedhan.
Tumaaleen kuni mirga namaa dhiibuuf osoo hin taane duudhaa keenya ganamaatiin fuunee yaa heerumsiisnudha jedhan.
Seerota bahan kana namni cabse karuma hawaasaatiin eeramee karaa abbootii gadaatiin adabbii kana akka kanfalu taasifama kan jedhan abbaan Gadaa kuni manneen murtii aadaa waliinis hariiroon ni uumama jedhu.
Maallaqni namoota tumaalee seera fuudhaa fi heerumaa kana cabsuun adabaman irraa argamus hojiilee guddina aadaa godinichaatiif oolchuuf karoorfachuus himan.
Abbootii Gadaa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Kofaleet kanneen butii raawwataniifi gochoota dubartootaa fi daa’imman miidhan jedhan 24 irratti tumaawwan seeraa haaraa tumatan.
“Fuudha fi heeruma umurii malee namni raawwatee argame loon torba adabama.
''Namni butii raawwate loon torba adabama. Namni abbaa yookaan haadha dhahee ajjeese gumaa haadhaa 50 kan abbaa 100 baasa,” jedhan.
Namni dirqisiisuun gudeeddii raawwatees loon torbaan akka adabamuufi kan daa’imman irraan miidhaa qaamaa qalbii geessise ammoo loon lamaan akka adabamuuf tumaa haaraan baheera.