Putiin ajajoonni Waagnar fincila kaasan 'adabamuun isaanii waan hin oolle' jedhan

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin raashiyaa Vilaadmiir Putiin fincilli gareen Waaginar sambattan lamaan darban gaggeesse ''Raashiyaa keessatti dhiiga dhangalaasuuf'' kan kaayyeffateedha jechuun himatan.
Pireezidanti Putiin fincila humna waraanaa isaaniirratti gaggeeffamerratti yeroo tokko qofa yaada balaaleffannaa kennan.
Ergasii amma yeroo jalqabaaf as ba'anii namoota garee Waaginar keessaa fincila kana qindeessan ''seeratti dhiheessuuf'' dhaadatan.
Putiin hidhattoota Waaginar kanneen hooggantummaa keessaa hin qabnee fi ajaja fudhachuun waraana idilee biyyattiitti dabalaman ''isin gootota biyyaati'' jedhaniin.
Loltoonni isaan jajan kunneen warra ajaja mootummaa tole jedhanii gara Beelaaruus imalanii isa booda biyyatti deebi'aniidha.
Aab Putiin hoogganaa Waaginar Yevgeny Prigozhin kallattiin maqaa hin dhoofne, garuu qondaalli waraanaa kun gareen isaa Putiin aangoorraa buusuurraa of duuba akka deebi'an nama taasiseedha.
Fincilli yeroo muraasaaf gaggeeffame, adeemsa mootummaan garee Waaginar to'achuuf itti jiruuf deebii kan ta'uudha jedhee ture Prigozhin.
Mootummaan Raashiyaa qaamni kamuu dhuunfaan gurmaa'ee fedhiidhaan waraana keessatti biyyattiif tajaajila kennuu yoo barbaade, raayyaa ittisaa waliin waliigaltee mallatteessuu qaba jechuun Waxabajjii kana jalqabarratti labsee ture.
Hoogganaan Waaginar ammoo fincilli kun dogoggora qondaaltonni ministeera ittisaa waraana Yukireen irratti raawwatan mormuuf kan gaggeeffameedha jedhe.
Garuu yoomiyyuu taanaan Waaginar fedhii Raashiyaaf dursa kennee hojjeta jedhe Prigozhin.
Kun Prigozhin erga fincila eegale dhaabuuf waliigalee of duuba deebi'ee yeroo jalqabaaf kan dubbateedha.
Akkaataa waliigaltee kanaan Prigozhin gara Beelaaruus imala, himannaan irratti hin banamu.
Garuu miidiyaan Raashiyaa akka gabaasaa jiranitti ammoo qondaaltonni seeraan isa gaafachuuf dhimmasaa gadi fageenyaan qorataa jiru.
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin erga gabaabaa uummata isaaniif dabarsaniin, kanneen fincila qindeessuun gara Moskoo imalaa turan hundinuu sakatta'amuun seeraan gaafatamu jedhan.
Prigozhin dugda duubaan dagachiisee Raashiyaa waraane jechuunis itti dhaadatan.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezidanti Putiin ''namoonni fincila qindeessan kunneen Raashiyaa waldibdee dhiiga dhangalaasisu keessatti kuffisuun ergama diinaa raawwachuuf warra deemanii fi warra biyya gananiidha,'' ergaa jedhu dabarsan.
Fincila gareen Waaginar kaase booda yaadi Pireezidant Putiin kennan waldhahaadha, kanaanis qondaaltota biyyattii dabalatee namoota addunyaa hedduu biratti qeeqamaa jiru.
Jalqaba garee fincila kaase kanaan gantuudha jedhan, isa booda ammoo kanneen fincila kaasan erga of duuba deebi'anii booda ''hin himataman'' jedhan.
Amma ammoo hoogganaan Waaginar Yevgeny Prigozhin ''yakka biyya ganuutiin'' himatamuuf qoratamaa akka jiru miidiyaan mootummaa Raashiyaa gabaaseera.
Gareen Waaginar fincila guyyuma tokkootiin jalqaba iddoo buufata waraanaa ijoo kibba Raashiyaatti argamtu magaalaa Rostov-on-Don to'ate, achirraa salphumatti gara Moskoo qajeeluun biyyattii guddoo raase.
Pireezidanti Putiin nama harkaan guddisanii fi michuusaanii ta'e Yevgeny Prigozhin battaluma qabanii adabuu dhabuutti namoonni hedduun mufataniiru.












