'Warri Yunaayitid goolii muraasaan injifatamuuf kadhaa'- Kiriis Suutan

Torbee 20ffaan dorgommii Piriimer Liigii Ingilaand kan bara dorgommii kanaa (2024-25) dhufeera. Taphi Liivarpuul fi Maanchistar Yunaayitid kanneen eegaman keessaati.

Tapha duraarratti goolii malee walgadhiisan. Sun Yunaayitidiif carraa guddaa ture.

Garuu mataan Piriimer Liigii marsaa kanaan garee Ruuban Amorim salphaatti waan gadhiisan isinitti fakkaataa?

''Yoo Yunaayitid taatan garaagarummaa dhiphaadhaan mo'amuuf kadhadhaa,'' jedhe xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suutan.

''Deeggaraan Yunaayitid tokkollee tapha kanarraa waa arganna jedhee kan eegu hin jiru. Waan gareen Liivarpuul itti hojjechuf deemu ni sodaachisa.''

Xiinxalaan kubbaa miillaa kun tapha kanaa fi taphoota hanga Wiixataatti taphataman hunda akkamiin xumuramuu akka danda'an tilmaameera.

Sambata, Amajjii 4

Tootanhaam fi Niwukasil

Gareen Niwukasil abdii qaba, dorgommiiwwan hundarratti taphoota darban shanan mo'ateera. Taphoota kunneen irratti goolii 16 galche, tokko qofatu itti gale.

Faallaa kanaan Tootanhaam qabxii barbaachisu argachaa hin jiru, Ammoo tapha Nootingihaam Foorast waliin taphatee mo'amee fi kan Wolvis waliin qixa ba'erratti raawwiin agarsiise kan komatamu miti.

Dirree Tootanhaam irratti tapha hawwataa arguuf jirra, Spurs goolii galchuu danda'a. Garuu tapha kana Niwukasil hin mo'atu jechuun rakkisaadha.

Gareen Edii Hoowi carraa goolii galchuu guddaa qabu. Goolii kan eegamu Aleksaandar Isaak qofarraa miti, Jeekoob Maarfii raawwii ajaayibaarra jira akkasumas utubdoonni kilabichaa Biruunoo Gimareezh, Saandroo Tonaalii fi Jooyelintan dhaabbii amansiisaarratti argamu.

Tilmaama: 1-2

Boornimaz fi Evartan

Evartan bara dorgommii kana goolii 15 qofa galche. Hundaa gadi kan qabu Saawuzhaampitan.

Kanaafuu gareen Sean Dyche goolii dabalataa argachuutti guddoo haajoma. Hagayya darbe Goodison Park irratti goolii 3 fi 2n mo'ataniiru.

Amma garuu humna sana gochuuf isaan dandeessisu hin qaban. Bornimaz Dilbata darbe Fuulhaam waliin qixa bahuun ammoo tapha kana tilmaamuuf rakkisaa taasise.

Ammoo waa malee sadarkaa torbaffaarra hin teenye. Carraa hedduu uumaniiti, ammas akkasuma godhu jedheen eega.

Tilmaama: 1-0

Aston Viilaa fi Leestar

Aston Viilaan erga Biraayitan waliin qixa ba'ee guddoo of ceepha'eera. Kun tapha kana tilmaamuuf akka nama rakkisu taasise.

Garuu tapha kanarratti waan ofitti dhiisan hin fakkaatan. Joon Duuraan fi Morgaan Roojarsi yoo dhabellee waan cichee falmatu fakkaata.

Olee Watkins toora sana waan isaaniif cufuudha, qophii qaba. Wayita Duuraan adabbiirraa deebi'utti inni ammoo filatamaa ta'ee akka itti fufu mirkaneessuuf ijibbaata.

Viilaan dirreesaaniitti cimoodha, Leestar ammoo dirreen alatti baayyee gadi bu'u.

Leestar liigicha keessaa bu'uuf karaa qabateera, kanaafuu turuuf jecha ijibbaata falmata.

Tapha darbe irratti Maanchistar Siitii guddoo morkate. Carraa gaggaarii argatus garuu mo'amee ba'e.

Tapha Siitii sanaan yeroo afraffaaf walitti aansee mo'amuusaati, Aston Viilaan ammoo shanaffaa taasisa jedhamee eegama.

Tilmaama: 2-0

Kiristaal Paalaas fi Chelsii

Chelsiin ammallee daddaaqamuu keessaa hin baane, yaaddoon Enzo Maresca yoom kun xumramaadha.

Tapha Ipswich waliin taphatan irratti mo'amuunsaanii rifaatuu guddaa uume. Enzo Maresca tapha sanarratti jijjiirama muraasa gochuuf yaaleera, garuu sanarraa dandamatanii Selhurst Park irratti boojuudhaan ni galu yaada jedhu hin qabu.

Kiristaal Paalaas ammoo taphoota 11 darban keessaa lama qofa mo'aman. Ammas kana fooyyessanii fuulduratti deemuuf kutannoo qabu.

Taphi kun qixa akka xumuramu natti mul'ata, kun Paalaas gareen sadan xumurarra jiran irraa akka fagaatu isa gargaara..

Chelsii ammoo hagas mara ol hin butu.

Enzo Maresca gareensaa waancaaf morkachuu bira akka hin geenye wayita dubbatu ama sirrii akka jiru nutti mul'ateera.

Ana dabalatee namoonni waa'ee kubbaa miillaa xiinxallu Chelsiin morkii waancaatti akka dhihaate dubbataa turre jedhe Suutan.

Inni garuu nu caalaa waa'ee taphattootasaa beeka, dhiibbaa jala jiranis isatu nu caalaa hubata jedhe.

Qabxiin isaan taphoota darban irratti argataa ba'an waan baayyee fuulduratti isaan deemsise miti, tapha kanarraas waan qabxii guddaa argatan miti.

Tilmaama: 1-1

Maanchistar Siitii fi West Ham

West Ham taphataa bara dorgommii kana utubee isa qabe Jarood Bowiin miidhamaan dhabuun guddoo isa huba.

Bara kana raawwii gaariin jalqabuu baatanis dhiheenya kana akkaataa isaan itti of fooyyessaa jiran ajaayiba ture, ta'us wanti Liivarpuul irratti hojjete guddoo isaan cabse.

Kun Maanchistar Siitiif oduu gaariidha, ammoo Leestariin erga mo'atee Siitiin hamileedhaan of ijaaraa jira.

Gareen Peep Gaardiyoolaa taphoota shan darban keessaa yeroo jalqabaaf osoo gooliin irratti hin galin xumuran.

Tapha kanarrattis waan walfakkaataa dabaluu danda'a.

Tilmaama: 2-0

Saawuzhaampitan fi Bireentifoord

Erga Ivan Juric dhufee Saawuzhampitan gargaarummaa dhiphaadhaani kan inni mo'ame.

Kilabichi leenjisaa duraa caalaa kan ammaa kana waliin fooyya'iinsa agarsiisaa akka jiru mirkana.

Ammas falmachuusaanii kan itti fufan ta'a, garuu hagam takka bu'aa barbaadan irraa argatu kan jedhu gaaffii ijoodha, abdii guddaan hin jiru.

Bireentiford ammoo kilaba Piriimer Liigii morkii cimaadhaan beekamuudha. Kallattiidhaan dura dhaabbatanii dhaabsisuun waan danda'amu miti, carraa gooliis qabu.

Taphattoonni goolii galchan danuudha.

Kanniisonni bara kana mo'ichi irra fagaateera, tapha kanarratti garuu qabxiin sadi kanumasaaniiti.

Tilmaama: 1-2

Biraayitan fi Arsenaal

Roobii darbe akkaataan Arsenaal itti Bireentiford mo'ate baayyee na raaje jedhe Suutan.

Ze Gaaners Bukaayoo Saakaa fi Kayi Havertiz malee taphatan. Deklan Raayis jalqabarraa hin taphanne, kun hundi garuu dhimmasaanii hin turre.

Durfamaa turanis garuu hin rifanne, fuulduratti deemuun waan barbaadan argatanii galan.

Bireentiford manasaatti cimaadha, kanarraa ka'uun taphi kun garaagarummaa dhiphaa qabaata jedhee shakkee ture Suutan, garuu xumurri taphichaa akkas hin turre. Arsenaal garaagarummaa guddaadhaan injifate.

Biraayitan taphoota torba darban irratti mo'atee hin beeku. Garuu shan qixxee ba'an.

Liigicha keessatti qixa ba'uudhaan beekamaniiru.

Tilmaama: 1-2

Dilbata, Amajjii 5

Fulhaam fi Ipswich

Ipswich hojii boonsaa hojjetan. Wiixata darbe yeroo jalqabaaf qe'eesaaniitti Chelsii mo'atan.

Gareen kun tapha bareedaa taphatu, liigicha keessatti hafuuf ijibbaata falmataa jiru.

Ammoo garee akkanumaan tuffatamus miti. Garuu milkaa'inni biraan Dilbata dhufu isaan mudata jedhee hin yaadu.

Fulhaam ammoo Dilbata darbe Boornimaz waliin qixa ba'e, garuu yeroo baayyee Craven Cottage irratti of abdatu.

Antonii Roobinsan fi Aleksi Iwoobii garee Maarkoo Siilvaa gammachiisuu danda'u. Dirreesaaniitti deeggartootasaanii garaa ni ga'u jedheen yaada.

Tilmaama: 1-0

Liivarpuul fi Maanchistar Yunaayitid

Taphi kilaboota kunneen seenaa keessatti tapha salphaa hin ta'u. Isa kana amma dirreerratti waan arginu miti.

Haala amma jiruun kilaboonni lameen toora tokko hin jiran.

Leenjisaan Yunaayitid keessa ba'ee waa'ee liigicha keessaa gadi bu'uu dubbataa jira, yaaddoonsaa maal akka ta'e argaa jirra.

Wiixata darbe gareensaa wayita Niwukasil waliin taphatu daqiiqa 30 jalqabaa keessatti burjaaja'e.

Anfiildirratti maaltu adda ta'aree?

Taphataa Liivarpuul kamuu fudhu, hunduu goolii galchuu danda'u. Yunaayitid kana qolachuu sadarkaa danda'urra hin jiru.

Liivarpuul kilaba kana akkaan gaddisiisuu danda'a. Barbadeessuus qaba. Gaaffii kan ta'u goolii meeqa akkasaan irratti galchaniidha malee waa'ee mo'uusaanii miti.

Yunaayitid kabajasaa eeggachuuf xiyyeeffannaan taphata, garuu waan jijjiirama fidan hin fakkaatan.

Tilmaama: 5-0

Wiixata, Amajjii 6

Wolvis fi Nootingihaam Foorast

Taphi kun darbii Nuno Espírito Santo jedhama. Leenjisaa Nuno bakka bara 2017 fi 2021 hojii boonsaa itti hojjete- Wolvis waliin falmata.

Leenjisaan kun Nootiingihaam Foorast keessattis hojii ajaayibaa hojjetaa jira. Ammoo Wolvis leenjisaa haaraa, Vitoor Pereeraa, jalatti of fooyyessaa jiru.

Dhihoo kana Tootanhaam irraa qabxii argataniiru. Gareen Pereeraa miira cimaadhaan gara fuulduraatti deemaa jiru.

Amma garuu Maatewus Kunihaa malee akka garaasaaniitti waan deeman natti hin fakkaatu jedhe Suutan.

Tilmaama: 0-1