Kiim Joong Uun doonii galaana keessaa Niikuleera dhukaasu ifa godhan

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun Doonii waraanaa qaama bishaanii jalatti Niikuleera dhukaasuu danda'u qophii magaalaa Piyoongiyaang keessatti qophaaye irratti ifa godhan.

Gabaasni miidiyaa biyyaalessaa irratti dhiyaate dooniin waraanaa qaama bishaanii jalatti hojjetu kun humna Niikuleeraa biyyattii saffisa olaanaan guddisa jedhe.

Doonii waraanaa qaama bishaanii jalaa kan Niikuleera dhukaasu(nuclear-attack submarine) meeshaalee waraanaa sadarkaa olaanaa biyyattiin ijaaruu barbaaddu keessaa tokko ture.

Suuraaleen miidiyaa biyyaalessaan gadhiifaman, Kiim hogganoota qaama galaanaan marfamanii iddoo buufata doonii dhaabatanii yoo jiran agarsiiseera.

Doonii guddaan qaama bishaanii jala socho'uuf ijaarame guddaan tokkos iddoo isaan jiran sanii kan mul'atu yeroo ta'u, dooniin gurraachi kun humna meeshaa niikuleeraa dhukaasuu qaba jedhameera.

Kiim doonii waraanaa guddaa bishaan jala adeemuu(submarine) kana ijaaruuf waggoota kan itti fudhate yeroo ta'u, sagantaa gabbisa niikuleera waraanaa isaanii keessatti milkaahina isa olaadha jedhameera.

Dooniiwwan kun qaama bishaanii jala bakka isaan jiran adda baasuun baayyee rakkisaadha. Kana jechuun ammoo Piyoongiyaang dooni kana tokko qabdi jechuun osoo diinonni ishee hin bariin galaana jalaan haleeluu dandeessi jechuudha.

Ammatti wanti ifa hin taane garuu dooniin warana galaan keessaa kun tajaajila kennuu jalqabuufi dhiisuudha.

Kooriyaan Kaabaa dooniin waraanaa galaana keessaa kun misaayeloota niikuleera baatan dhukaasuu danda'uu isaa ammaa achi addunyaaf mrikaneessiti.

Sagantaan eebba doonii galaana keessaa kun kan dhagaahame Kiim Putiin waliin walraguuf akka jedhan gabaasamuu booda.

Hoogganaan Kooriyaan Kaabaa Kiim Joong Uun ji'a kana keessa pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin daawwachuuf akka jedhan aanga'aan US BBC'tti himan.

Hoogganoonni lameen Kooriyaan Kaabaa Moskoof meeshaa waraanaa haala dhiyeessitu irratti mariyachuu maluu jedhan aanga'aan US kun.

Bakki qondaaltotni lameen itti wal-argan garuu ammatti ifa hin godhamne.