Masjiidi guddaan Afrikaa Aljeeriyaatti ijaarame eebbifame

Madda suuraa, Getty Images
Afrikaatti masjiidi guddinaan tokkoofaadha jedhame Aljeeriyaatti ijaarsisaa xumuraamee eebbifame.
Masjiidi kuni gaafa Dilbataa, Guraandhala 25, kan eebbifame yoo ta'u, pirezidaantin Aljeeriyaa Abdalmajid masjiidichatti argamuun eebbisaniiru.
Masjiidi Afrikaatti guddinaan kan jalqabaati jedhame kun, The Great Mosque of Algiers jedhama.
Masjiidi guddaan Aljeeriyaatti ijaaramuun gaafa Dilbataa eebbifame kun adddunyaarrattis guddinaan sadarkaa sadaffaarratti kan argamuudha jedhame.
Addunyaarratti masjiidonni gurgurddoon sadarkaa tokkoffaafi lammaffaarra jiran Saawudii Arabiyaatti argamu.
Masjiidi guddaan addunyaa magaala Makkaatti kan argamu Masjiida al-Haraam yoo ta'u, jaarraa 7ffaa keessa akka ijaarametu himama.
Addunyaarratti guddinaan lammaffaa kan ta'e Al-Masjid an-Nabawi yoo ta'u, magaala Madiinaa keessatti argama.
Jaarraa torbaffaa keessa akka ijaarame kan himamu masjiidi kun lafa iskuweer meetira 400,000 ol irra qubate jedhama.
Afrikaatti guddinaan isa duraa kan ta'e Masjiidi The Great Mosque of Algiers ammoo lafa hektaara 28 irratti kan ijaarame yoo ta'u, yeroo tokkotti amantoota hanga 120,000 qabachuu danda'a.
Ijaarsi isaa waggaa torba kan fudhate yoo ta'u, baasii dolaara miliyeena 800 itti bahe.
Torbee lamaan booda yeroo soomni Ramadaanaa itti eegaluu kaasee amantootaf banaa ta'as jedhame.
Ijaarsa masjiidichaa kan eegalsiisan pirezidaantii duraanii Aljeeriyaa Abdelaziiz Butaaflikaadha.












