Xiyyaarri Itoophiyaa ji'oota 18 booda yeroo jalqabaaf imaltoota fe'ee Maqalee qubate

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa sabii waraanaatiin erga ji'oota 18'f adda citee turee booda yeroo jalqabaaf Roobii har'aa Mudde 28, 2022 magaalaa Maqalee buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa qubate.

Haala yeroo ammaa balaliiwwan xiyyaaraa kan to'atu- Flight radar24 irraa odeeffannoo argameen, xiyyaarri Booyiingi 737 kan lakkoofsi balalii isaa ET 104 ta'e har'a guyyaa Maqalee ga'eera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibsa Kibxata [Muddee 27, 2022] baaseen, balaliinsi idilee waggaa lama dura adda citee ture Roobii har'aa irraa eegalee hojiisaa itti fufa.

Miidiyaan mootummaa biyyattii- EBCn balaliin xiyyaaraa gara Maqaleetti itti fufuu gabaaseera.

Daandiin Qilleensaa kun kana kan beeksise wayita hoogganaa isaa dabalatee qondaaltonni mootummaa federaalaa gara Maqalee imaluun aanga'oota TPLF fi kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mari'ateeti.

Erga daandiin qilleensaa kun gara Maqalee balaliin eegaluu ibsee booda waajjirri tikeetii nanmoota gara Tigraay imaluu fedhaniin dhiphateera.

Yeroo ammaa balalii Finfinnee irraa gara Maqalee, akkasumas Maqaleerraa gara Finfinnee taasifamuuf tikeetiin citee dhumeera.

Marsariitiin daandii qilleensichaa akka mul'isutti hanga torbee dhufuutti tikeetiin citee dhumeera, xiyyaarri garas imalus guuteera.

Fedhii imaltootaa guutuuf daandiin qilleensaa kun lakkoofsa balalii guyyaatti taasifamuu dabaluus ibseera.

Daandiin xiyyaaraa kuni gara Maqalee balalii kan taasisu qaamoti wal-waraanaa turan, humnooti TPLF fi mootummaan federaaalaa nagaa buusuuf erga waliigalaniin booda dha.

Ji’oota lamaan dura mootummaa Itoophiyaa fi humnooti TPLF magaalaa Afrikaa Kibbaa, Piriitooriyaatti lola dhaabuuf waliigalan. Waliigaltee kanaan TPLF hidhannoo hiikkachuuf mootummaan federaalaa immoo bu’uuraalee misoomaa gara hojiitti deebisuuf waliigaltee mallatteessan.

Imaltoonni xiyyaaraan gara Maqalee deemuu jalqabuun waliigalteen qaamolee lameen kunneenii hojii irra oolaa jiraachuusaaf agarsiistuu dha jedhameera.

Hojii geggeessaan olaanaa Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa Masfiin Xaasaw balaliin kuni jalqabuun maatii walirraa fagaatanii turan akka wal-aragan, hariiroo daldalaas akka itti fufsiisu himaniiru.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabuun dura daandiin xiyyaaraa kuni baa’ina balalii biyya keessatti taasisuun imalli gara Maqalee taasifamu isa guddaa ture.

Gara Maqalee guyyaatti balaliiwwan 10 oliitu taasifama ture. Gara Maqaleefi gara Aksum illee akkasuma balaliin guyyaa guyyaan jira ture. Tajaajiloonni baankii fi telekoomonikeeshinii illee akkasuma Tigraay keessa iddoo tokko tokko keessatti tajaajila kennuu eegalaniiru.

Jilli af-yaa’ii Taaggas Caafoodhaan hogganamu gara Maqalee imaluun dura taa’aa TPLF Dabiratsiyoon Gabira Mikaa’el yeroo wal-arganitti waliigalteen nagaa kuni sadarkaa gaarii irra akka jiru qaamolee lamaaniin ibsameera.

Haa tahu malee Dr Dabiratsiyoon milishoonni Ertiraa fi Amaaraa naannolee Tigraay qabatanii jiran irraa yoo hin bane nagana guutuu hin jiraatuu jedhaniiru.