Puutiin waggoota 70tti: Taateewwan gurguddaa jireenya Vilaadmiir Putiin sororsan torba

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waggaa isaa 70 Jimaata har'a kabajate. Ofii Putiin attamiin nama dhunfaa abbaa hirree weerara Yukireen balaafamaa raawwachu irra qaqabee?

Taateewwan ijoo torba ilaalcha jireenyasaa soroorsanii fi walitti dhufeenya biyyoota Lixaa waliin qabu keessaa of baasuun dabalaa akka dhufu taasisan waliin ilaalla.

Bara 1964tti ispoortii Judoo eegaluu

Leningraard keessatti kan dhalate Puutiin ijoollummaatti mana barnootaa keessatti loolaafi dubbii barbaachaan beekama ture jechuun kan yaadatan hiriyaansaanii durii ''sababii sodaa omaatuu hin qabneef eenyma waliinuu wal loluu danda'a'' jedhen.

Puutiin wayita waggaa 12 tureetti kan magaalaa gareewwan wanbadeen guutamte keessaa ispoortii saambaa, Raashiyaatti aartii maarshaaliitiif galmaa'ee. isaan booda ammoo ispoortii juudoo eegale. Innis kutannoofi naamusaan hojjataa waan tureef umurii isaa waggaa 18ffaa irratti saqqii Judoo gurraacha (black belt) argachuun dorgommii sadarkaa biyyaattii taasifameen sadaffaa bahe.

Egaan kunis yeroo sanaa kaasee akka qaama jireenyaasaa of eeggannootti fudhachuun, amantaa isaa jalqabaa addunyaa balaafamaa keessatti, jalqaba ofitti amanummaa qabaachuu qabda garuu ammoo yoo wal loluun kan hin oolle ta'u hubattee ammoo, ''jalqaba rukutuu qabda, diinni kee akka deebii'ee miilaan hin dhaabanneetti cimsite dhahu qabda'' jedhee ture jechuma isaatiin.

Bara 1968tti eejansii tikaa KGB'tti makame

Walumaa galattis, namoonni gara gamoo 4 Liteyny Prospekt Waajjira Mummee poolisii KGB dhaquu dhaaban. Kanaafu, namoonni baayyeen karaa gamoo guddicha mana hidhaa bara jaarraa Istaaliin gulag labour camps darbanis qoosuudhaa Bolshoi Dom (Mana Guddicha) jechuun waamu turan. Sababii namni gamoo dheeraa sanarra dhaabbate tokkoo Sibriyaa hanga gamoo jalaatti ilaaluu danda'ufiidha jedhu.

Haata'u malee, Putiin wayita nama waggaa 16 turedha kan waajjiira KGB dhaquun qondaalaan attamiin isaan bira galuun akka danda'amu kan gaafatee ture. Innis tajaajila loltummaa xumuruu ykn diigrii qabaachu akka qabu itti himame. Innis digrii maalii qabaachun akak isa barbaachisu gaafate.

Isaani digrii seeraa qabaachu akka qabu itti himame. Putinis yeroo sanaa kaaseeti seeraan eebbiifamuuf kutannoon kan qabaate. Boodas kan ittiin mindeeffamees isuma ture.

Putiiniif KBG jechuun wanbadee guuddicha magaala keessaa irraa namoota Paartii waliin hidhata hin qabneef illeen eegumsa nageenyaa fi badhaadhiina kan argamsiisuudha.

Haata'u malee akkuma inni mataansaa fiilmii basaasaa ijoollummaatti ilaalee ''nama tokkichattu carraa namoota kumaatamaa murteessuu danda'a' jedheetti innis carraa nama addunyaa raasuu bakka bu'e.

Bara 1989tti ummataan marfamu

Abdiiwwan isaa milkeessuuf, muuxannoo Putiin KGB waliin qabaatee dhugaatti hin gargaarre. Innis hojjataa cimaa ture. Garuu ammoo baayyee hin guddanne ture. Haata'u malee, afaan Jarmanii barate. Kunis waajjiran KGB kan Dresden keessatti bara 1985tti akka mudatamuf carraa isaaf argamsiise.

Achitti jireenya ergamaa mijataa jiraachu eegale. Garuu ammoo Sadaasa bara 1989tti bulchiinsi Jarman Bahaa haala saffiisa naasisuutiin jiguu eegale.

Mudde 5 irratti ammoo, ummannii gamoo KGB Dresden keessaa marsan. Putiniis abdii kutachuun waajirri waraanaa dhiheenyatti argamu akka qaqabuuf bilbilate. Haata’u garuu waraanni ''Ajajni Mooskoo irraa nuuf darbu malee omaa gochuu hin dandenyu jechuun deebiisaniif. Mooskoon ammoo calsite turte.''

Putiinis aangoon jidduugalaa battalatii kufuu akka hin oollee bare. Achinis gonkumaa dogongora hogganaan Sooviyeeti Mikhaa'el Gorbaachoov'tti jedhee yaade akka irraa hin deebiineef murteesse. Inni wayita mormiin mudatuutti saffiisaa fi kutannoodhaan deebii kennuu hin barbaachisu kan jedhudha.

Bara 1992tti sagantaa 'Zayitii nyaataaf' jedhu faddaaluu

Putiin booda akkuma Gamtaan Sooviyeeti diigameen KGB keessaa bahuun, garuu ammoo battalumatti bulchiinsa magaalaa St. Petersburg keessatti hojii argate. Haalli diinagdee biyyattii rakkoo keessa waan galeef, Putiin karoora ummanni magaalatii ittiin dandamachuu danda’an akka hogganuuf itti gaafatamummaan itti kenname. Kunis kan raawwatamu zayitii fi sibiila doolaara miliyoona 100 ta’u nyaataan wal jijjiruun ture.

Qabatamaatti namni kamiyyuu nyaata hin arganne. Qorannoon akka agarsiisetti garuu Putiin, hiriyyootni isaa fi wanbadootni magaalittii maallaqicha harkasaanii galafataniiru.

‘’Binensummaa 90 keessaa’’ yeroo jedhamu kana ture Putin siyaasni akkuma meeshaa maallaqaan bitamuun akka dana’u kan hubate. As keessatti ammo wanbadootni michuu gaarii tahuu akka danda’an hubate.

Namootni isa cina jiran hunduu aangoo isaanii irraa bu’aa yeroo argatan inni immoo maaliif taa’aree?

Weerara Joorjiyaa bara 2008

Bara 2000 Putin yeroo pirezidaantii Raashiyaa tahe biyyoota Lixaa waliin hariiroo gaarii diriirsuuf abdatamee ture.

Afaanuma isaan Tokkummaa Sooviyeetii duraanii irratti dhiibbaa akka godhu dubbate.

Boodarra Putin biyyootni Lixaa Raashiyaa adda baasuun ishee xiqqeesuuf yaada jiru jechuun baay’ee gadduun, itti aaree.

Yeroo pirezidaantiin Joorjiyaa Miikeel Saakshvili NATOtti makamuuf jedhan Putin amma sarara diimaa arge.

Joorjiyaan naannoo Kibba Osetiyaa akka cabduuf deeggartu ofitti dabaluuf jetti jechuun waraanaaf qophaa’e.

Guyyoota shan keessatti humni waraanaa Raashiyaa human waraanaa Joorjiyaa cabsuun nageenya Saakashvilii rakkoo keessa buusan.

Warri Lixaa hedduu dheekkaman. Akkasuma tahee wagga keessatti, Pirezidaantiin US, Baaraak Obaamaan hariiroo biyyoota lameenii ‘’irra deebiin haaromsuuf’’ waliigalan.

Bara 2018 Waancaa Adunyaas qopheesite. Biyyootni Lixaa mufatanii dheekkamanis dhumarrati kutannoodhaan tarkaanfii fudhatame fudhachuuf akka dirqaman Putin beeka. Kanaaf waan godhe kun sirrii tahuu amana.

Fincila Moskoo 2011-13

Filannoon paarlaamaa bara 2011 hatameera jedhamuun jeequmsi guddaan ka’e.

Hatamuu isaaf raga gahaan jira jedhame. Yeroo sana Putin filannoo pirezidaantummaa bara 2012f irra deebiin akka dorgomu ibsuun haalicha tasgabbeesse.

''Fincila Bolotnayaa’’ jedhamuun kan beekamu fincilichi adabaabaayii Mooskootti bahuun gaggeeffame. Kun Putin jalatti mormii cimaa mudatedha.

Putiin mormiin sun kan kakaafamee fi jajjabeefame akkasumas qajeelfamu Waashingitaniin jechuun amanu. Kanaaf ministera Dhimma Alaa US, yeroo Sanaa Hiilaarii Kiliintan balaaleffachaa turan.

Akka Putinitti warri Lixaa isaaf adeemaa jiru, amma qabatamaatti waraanatti jira.

Bara 20-21 Kovid-19 irraa adda bahu

Yeroo weerarri koroonaavaayirasii adunyaa raasetti Putiin bakka kana dura hin baramnetti adda of baase. Nmani isa dubbisuu barbaadu guyyoota 14 tahaniif adda of baasuun bakka eegdonni isaa to’atan keessa tura.

Sana booda gara Putin jiranitti darbuuf ibsaa jarmoota ajjeesuu keessa galuun sana irrattiyyuu keemikaalaan erga of qulqulleesse darbuun dubbisa ture.

Yeroo kana Putin michootaa fi gorsitoota isaa kaan waliin carraan wal arguuf qabu xiqqaa ture.

Kana irraa kan ka’e yaadota filanno biraa tahuu malan waan hin arganneef waan inni yaadu hunduu haqa qabeessaa fi sirrii taha jedhee ‘’yaadaa’’ ture.

Biyya isaayyuu daawwachuu hin dandeenye ture. Yaadni Yuukireen weeraruus yeroo sana jalqabame jedhama.