Chaayinaan waraana Israa'el-Hamaasirraa maal barbaaddi?

Obbo Waang waraana Israa'eli fi Filisxeemirratti Antoonii Bilikeen waliin mariyachuuf Waashingiteenitti imalan

Madda suuraa, Getty Images

Waraana Israa'elii fi Hamaas gidduutti yeroo hammaate kanatti, waanti hin eegamne mudate - Chaayinaan jaarsa araaraa taatee dhiyaatte. Garuu waan yaaddeetti milkaa’uf danqaaleetu jira.

Dippilomaatiin olaanaa Chaayinaa Wang Yi, xumura torbee darbee waldhabdee kanarratti qondaaltota Ameerikaa waliin Waashingitanitti mari’ataniiru.

Ameerikaanis fala barbaadurratti Chaayinaa waliin akka hojjettu waadaa galtee turte.

Obbo Waang gitasaanii dippiloomaatota Israa’elii fi Filisxeem waliinis haasa’aniiru.

Waang erga Baha-Giddugaleessaatti Ergamaan Addaa Chaayinaa Zhayi Juun hoggantoota biyyoota Arabaa naannichaa jiran waliin mara'achuuf garasitti erga qajeelanii booda dippiloomaatota Israa’elii fi Filisxeem waliin kan mariyatan.

Walgahii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani irrattis Obbo Waang dhukaasa dhaabuu warra deeggaran keessaa tokko.

Chaayinaan hariiroo Iraan waliin qabdu fayyadamuun waraana kana qabbanessuu dandeessi jedhamee abdatama. Iraan naannichatti hidhattootta Hezbollaa-Libaanon fi Hamaas-Gaazaatti deeggarti.

Qondaaltonni Ameerikaa Obbo Waang Iraanotaaf ''tasgabbiin akka bu’uuf waamicha akka dhiyeessa'' jedhanii dhidhibaniiru fakkaata jechuun Gaazexaan Faayinaanshiyaal Taayimsi gabaase.

Chaayinaan yeroo darbe dhimma Filisxeem tumsaa turte

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Chaayinaan michuu daldalaa Iraan ijoo yoo taatu, jalqaba bara kanaa Iraanii fi Sawuud Arabiyaa gidduutti hariiroo diinummaa akka qabbana'u waliigalchiifte.

Ammas taanan Teehiraan muddama Gaazaa keessatti mul’ataa jiru furuuf ''Chaayinaa waliin qunnamtii cimsuuf qophiidha,'' jette.

Mootummaan Chaayinaa warreen waraana kana keessatti qooda qaban hunda waliin hariiroo madaalawaa waan qabuuf, akka qaama araaraa amanamaatti fudhatamuu danda’a jedhan, Tumsaan Pirofeesara Doon Murfii.

Murfiin imaammata dantaa alaa Chaayinaa Kolleejjii Waraana Biyyaalessaa (National War College ) kan Ministeera Ittisaa Ameerikaa jalatti argamu keessatti qorattudha.

Keessattuu Chaayinaan Filisxeemoota, Araboota, Turkii fi Iraan waliin hariiroo gaarii qabdi jetteetti.

''Israa'el waliin hariiroo gaarii kan qabdu Ameerikaa waliin qindoomuun warreen waraana kana keessatti qooda qaban hunda gara waltajjii maritti fiduu danda'u," jette.

Garuu qeeqxonni biroo Chaayinaan siyaasa Baha Giddugaleessaa keessatti qooda xiqqaaa qabaattee itti fufti jedhu.

"Chaayinaan dhimma kanarratti gumaaachi gumaachitu cimaa miti. Namoota naannichaa jiran waliin haasa'uun, Chaayinaan furmaata gumaachitu namni eegu hin jiru," jedhan Joonaataan Fuultan, qorataa hariiroo Chaayinaan Bahaa-giddugaleessa waliin qabduuti.

Pirezedantiin Chaayinaa Shi Jiinpiing bara 2017 pirezedantii Filisxeem Mahaamuud Abbaas simatanii turan

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaan waldhabdee Israa'el- Hamaas ilaalchise ibsi jalqabaa baaste Israa'el dheekkamsise ture.

Israa'el Chaayinaan Hamaas balaaleffachuu dhiisuuushee fi mirga Israa'el haleellaarraa of ittisuuf qabdu hin kaasne jechuun, ''mufannaa guddaa'' ibsite.

Hidhattoonni Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa’el irratti haleellaa banuun namoota 1,400 ol ajjeesuun, yoo xiqqaate namoota 239 butanii gara Gaazaatti geessan.

Ergasii as Israa’el haleellaa haaloo ba’insaa Gaazaatti raawwachaa kan turte yoo ta’u, haleellaa kanaan namoonni 8,000 ol ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hogganamu ibseera.

Israa'el ammas loltoota fi taankii gara naannoo Gaazaatti ergiteetti.

Ibsa isaanii jalqabaa booda, Obbo Waang boodarra Israa'elitti akka himanitti, ''biyyoonni hundi mirga haleellarraa ittisuu qabu'' jedhan-garuu bakka biraattis gochi Israa'el ''daangaa ofirraa ittisuu bira kan darbe'' akka ta'e dubbatan.

Chaayinaan yeroo dheeraaf dhimma Filisxeemootaa ifatti waan tumsituuf gocha madaalawaa tokko qabaachuuf rakkatteetti.

Hundeessaa Paartii Koominiistii Chaayinaa Mahoo Zedong sochiiwwan "bilisummaa biyyaalessaa" deeggaruun Filisxiimotaaf meeshaa ergaa turutu yaadatama.

Maa'oon Israa'el Taayiwaan waliinillee wal bira qabanii ilaalan - lamaan isaanii Ameerikaan deeggaramu.

Waggoota kurnan lakkaa'amu booda Chaayinaan dinagdeen fi hariiroo dippilomaasiiIsraa’el waliin uumuu eegalte, amma hariiroo daldalaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu waliin qabdi.

Garuu Chaayinaan Filisxeemota deeggaruun akka ittifufte ifatti ibsiteetti.

Waldhabdee yeroo dhiyoo kana ilaalchisee yaada kennaniin qondaaltonni Chaayinaa fi Pirezedantiin Chaayinaa Shii Jiinpingillee biyya walaba taate Filisxeem akka barbaachisu cimsanii dubbatan.

Chaayinaan maaliif Dhimma Israa’el-Filisxeem gidduu seente? Sababni tokko dantaa dinagdee Baha Giddugaleessaa keessatti qabdu yoo ta’u, yoo waldhabdeen kun bal’ate balaadhaaf saaxilama jetteti.

Beejiing amma boba’aa biyya alaa galfamurratti hirkatti, xiinxaltoonni akka tilmaamanitti, kana keessaa gara walakkaan isaa Galoo Galaana Galfirraa ergamu.

Biyyoonni Baha Giddugaleessaa Chaayinaan imaammata alaa fi dinagdee isheef dhagaa bu’uuraa kan ta’e Inishiyeetiivii Belt and Road Initiative jedhamu keessattis qooda ijoo qabachuun isaanii dabalaa dhufeera.