Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa’el haleellaa qilleensarraa raawwatteen ajajaa waraanaa olaanaa Hamaas ajjeesuu himte
Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) ajajoota waraanaa olaanoo Hamaas keessaa tokko kan ta’e Raafaa Salaamaa haleellaa qilleensaa guyyaa Sanbata Duraa raawwateen ajjeesuu himeera.
Hamaas gama isaatiin ibsa Raayyaa Ittisaa Israa’el kana hin mirkaneessine.
Haata’u malee, Ministeerri Fayyaa Gaazaa keessatti argamufii Hamaasiin hogganamu, Israa’el kaampii baqattootaa iddoo Kaan Yoonis jedhamutti argamu haleeluusheefi yoo xiqqaate Filisxeemonni 90 ajjeefamanii 289 ammoo madaa’uu himeera.
Israa’el gamasheetiin haleellichi hoggantoota olaanoo Hamaas irratti kan xiyyeeffate ta’uu himtus Hamaas garuu yaadni Israa’el kun “soba” fi haleellichi fudhatama akka qabaatuuf yaadamee kan kenname ta’uu hime.
Namoonni haleellicha ijaan argan “yoo xiqqaate xayyaaronni waraanaa gurguddaan shan iddoo Al Mawasi jedhamufii Lixa Kahaan Yoonisitti argamutti haleellaa raawwachuu” dubbataniiru.
Kunneen miidhaan irra gahe keessaa baay’eensaanis hospitaala dhiyeenyatti argamufii Naaser jedhamutti yaaliif geeffamaniiru.
Hoggantoonnifii ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa gama isaaniitiin doktoroonni “lakkoofsi namoota miidhamanii wal’aansaaf dhufan itti baay’achuun’ hospitaalichi ‘sadarkaa tajaajila kennuu hindandeenyerra gahuu’ himaniiru.
Hospitaalicha keessatti tajaajila yaalii kennaa kan jiran Dr. Mohaammad Aabu Raayyaa, kunneen yaaliif gara hospitaalichaa deeman keessaa harki caalmaan madaa sibiila qara qabuun dhaqqabeen miidhamuu himaniiru.
Kunneen miidhaan irra gahe keessaa baay’eensaaniis lammiile nagaa: dubartootafii daa’imman ta’uu dubbataniiru.
Haa ta’u malee waraanni Israa’el hogganaan Hamaas haleellichaan ajjeefame ajajaa birgeedii Kahaan Yoonis akka ta’e, kunneen haleellaa Onkololeessa 7 qindeessan keessaa tokko ta’uufii ajajaa waraanaa Hamaas kan ta’e Mohaammad Da’iif waliin michuu dhiyoo akka ta’e himeera.
Dubbi himaan Waraana Israa’el, duuti Salaamaa “dandeettii waraanaa Hamaas akkaan kan dadhabsudha” jedhaniiru.
Dabalataan Mohaammad Da’iif kunneen haleellichi irratti akeekkate keessaa tokko ta’uu himuun, ajjeefamuunsaa garuu akka hin baramne waraanni Israa’el himeera.
Da’iif namoota Israa’eliin akkan barbaadaman keessaa tokko yemmuu ta’u, ajjeechaa lammiilee nagaafi loltoota Israa’el duuba jira jedhamuun komatama.
Gama biraatiin ibsa waloo Raayyan Ittisaa Israa’el fi Ejansiin Nageenyaa Israa’el baasaniin Salaamaan ALA bara 1990 keessa Hamaasitti makamuufii ajajaa birgeedii Kahaan Yoonis ta’uun hojjechaa turuu himaniiru.
Royitarsiif yaadasaanii kan kennan angawaan Hamaas tokko, “haleellichi waldhabdee kan hammeessufii Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuuf fedhii akka hinqabne kan agarsiisudha” jedhaniiru.
Mariin dhukaasa dhaabuu biyyoota Qaatar fi Masrii keessatti adeemsifamaa ture waliigalteerra osoo hin gahamin Jimaata darbe goolabameera